Wal'aansa idileetiin ala kaansarii yaaluuf filannoon biroo jiraa, ni hojjetaa?

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni beekamoon hedduun qoricha mana yaalaatiin kennamu osoo hin taane, haala nyaata isaanii jijjiiruu fi filannoo wal'aansa kan idileetiin ala ta'eetti fayyadamuun dhukkuba kaansarii irraa bayyanachuuf akka isaan gargaare dubbatu.
Ogeessonni yaalii kaansarii ammoo yaaliiwwan filannoo kaansarii fayyisuu danda'an jiraachuusaatiif ragaan agarsiisu hin jiru jedhu.
Ofii, kaansarii yaaluuf akka filmaatatti kan dhihaatan kam fa'i? Dhukkubichaaf furmaata ta'uu? Filmaatawwan kanneenitti fayyadamuun maaliif guddachaa jira?
Ji'a Sadaasaa keessa taphataan Kirikeeti fi hayyuun siyaasaa olaanaa duraanii Indiyaa , Navijoot Siing Sidhuu, haati warraasaanii dhibee kaansaarii irraa bilisa ta'u himan.
Kunis, haati warraasaa bishaan loomii, irdii jiidhaa, dhugaatii dhangaggaaʼaa 'apple cider vinegar' jedhamu, biqiltuu Niim jedhamu kan ijjisaa kookii fakkaatu, kusaayee, ija buqqee ykn dabaaqula, ija romaanii, hundee diimaa fi ocholonii akaakuu nyaataasheetti erga dabaltee booda kaansarii irraa bilisa ta'uushee dubbatan.

Madda suuraa, Facebook
Viidiyoonsaa dhimma kana ittiin ibsanis namoonni baay'een ilaalaniiru.
Erga viidiyichi baay'ee qoodameen booda, ogeeyyiin kaansarii 200 ol ta'an hospitaala Indiyaa tokko keessatti ibsa baasaniin, oomishaalee kanneen keessaa tokko tokko irratti qorannoon gaggeeffamaa jirachuu himanii garuu nama fayyisuusaaniif ragaan hin jiru jedhan.
Kanaaf qoricha hin mirkanoofneef ummanni yaaliisaa adda akka hin kunne gorsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ji'a Fulbaanaa keessa moodeeliin lammii Awustiraaliyaa Eel Maakfarsan waggaa torba dura kaansarii harmaa qabaachuu ishee kan ibsite yoo ta'u, kemooteraapii (wal'aansa mana yaalaa) osoo hin ta'in, wallaansa hunda hammataa "hubannoo fi onnee jidduu gala taasifate," akka fayyadamte ibsiteetti.
Yeroo baay'ee wal'aansoowwan dabalataan kanneen akka akuu-paankichar, yoogaa fi 'yaadaan liqimfamuun' (meditation) wal'aansa kaansarii harmaa barame kan akka keemooteraapii cinatti kan fayyadaman yoo ta'u, hakiimonni fayyaa namaa gargaaruu fi dhukkubbii salphisuu akka danda'an dubbatu.
Garuu wal'aansa fayyaa dhiisanii yaala filannoo kanneen akka nyaata garii, albuudaa fi vitaaminii akka hin fayyadamne gorsu.
Dhaabbileen tola ooltummaas yaaliiwwan filannoo gariin miidhaa geessisuufi miidhaa cinaa fiduu akka danda'an, akkasumas wal'aansa fayyaas gidduu seenuu akka danda'an akeekkachiisu.
Qorannoon bara 2018 gaggeeffame akka agarsiisutti dhukkubsattoonni kaansarii qaban yaala biraa dabalataa fayyadamuun carraa lubbuun jiraachuusaanii hir'isa.
Kun osoo jiruu dhukkubsattoonni kaansarii hedduun yaala dabalataa fi filannoo biraa kan barbaadan yoo ta'u, beekamtiinsaas dabalaa dhufeera.
Qorannoon Waldaa Kilinikaal Onkoloojii Ameerikaa tokko akka agarsiisutti, ga'eessota Ameerikaa keessaa dhibbeentan 40 kaansarii yaala filannoo qofaan fayyuu akka danda'u amanu.
Viidiyoon nyaata "kaansarii fayyisuu" irratti xiyyeeffatan toora interneetii irratti namoota miliyoonaan lakkaa'amaniin dawwatama, kitaabonni nyaata kaansarii yeroo baay'ee Amaazoon irratti gurguramaa jiru.
Dhiheenya maxxansi kaansarii jijjiirama nyaataa qofaan fayyisuun akka danda'u ibsu, sa'aatii 48 qofa keessatti si'a 200,000 'like' argateera.
Barreeffamni kun namoonni kaansariin qabaman "beela'uuf" soomu akka qaban, akkasumas nyaata murtaa'e nyaachuudhaan "DNA isaanii akka butaniif seelota bu'uuraa akka guddisan," ibsa.
Dhaabbanni kaansarii irratti hojjatu Makimiilaan akka jedhutti, yaala filannoo fayyadamuu yaaddan taanaan, gorsaa fi deeggarsa argachuuf hakiima kaansarii waliin haasa'aa.
Beekamtiisaa maaltu ol kaasaa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Gahee guddaa kan qabu odeeffannoon dogoggoraa kan yaaliiwwan filannoo ragaa malee miidiyaa hawaasaa irratti "qoricha dinqisiisaa" jedhanii beeksisanidha.
"Kaansariin sodaachisaadha. Balaa fi faayidaa isaa isinitti himuu qabna. ...Garuu nuti akka hakiimatti waadaa isaaniif galuu hin dandeenyu,'' jetti ogeettiin baqaqsanii hodhuu kaansarii Biriteen Dr Liiz O'Riordaan.
"Qoricha" kan jedhaman kun yeroo baay'ee dhukkubbii kan hin qabnee fi uumamaan akka ta'etti ilaalama.
Kun dhukkubsattoota saaxilamoo ta'aniif hawwachuu danda'a. Sababnisaa wal'aansi barame kan bu'a qabeessa ta'e yeroo baay'ee kana caalaa miidhaa hamaa qabaachuu waan danda'uuf.
Sababni biraa dhukkubsattoota addunyaa hedduudhaaf yaaliin kaansarii qulqullina olaanaa qabu salphaatti kan hin argamne ta'uu isaati - jiraannan qaala'aa ta'uu danda'a.
"Yeroo maallaqni dhimma ta'u, filannoo gatii salphaan argamuu danda'an kun baay'ee hawwataa ta'uu danda'u," jetti Dr O'Riordan.
"Yaaddoonkoo namoonni namoota saaxilamoo ta'an itti fayyadamuun, oomisha isaan hin barbaachifne itti gurguraa jiru."
Wal'aansi akka filannootti hojiirra oolii aadaa ta'uu danda'a. Afrikaa, Eeshiyaa fi Indiyaan sirna fayyisuu durii qabdi kanaaf amanamummasaa dabale.
Qorichi aadaa Chaayinaa dhukkuboota garii fayyisuu akka danda'u ragaaleen jiraatus, akka yaala kaansariif hojjetu ragaan agarsiisu xiqqaadha.
Akka addunyaatti yaaliiwwan filannoo fi nyaatawwan fayyadan maal fa'a?
Qoricha 'Ayurvedic'
Mi'eessituun Indiyaatti biqilu irdiin, yeroo baayyee sirna waldhaansa Indiyaa durii kan baala mukaa sukkuumuu irratti hundaa'e Ayurvedaa jedhamu yaala kaansarii keessatti filannoo ta'uu amanama.
Amma Ayurvedaa addunyaa guutuutti beekamaadha. Bara 2028tti indaastirichi dachaa sadii akka guddatu gabaasni qorannoo gabaa fulduraa ni mul'isa.
Filannoon kunneen wal'aansa fayyaa cinatti dhukkubbii to'achuuf gargaaruu kan danda'an yoo ta'u, gariin wal'aansa kaansarii waliin walitti dhufeenya gaarii kan hin qabne ta'uu danda'u jetti Dr O'Riordaan.
Qorannoo Kaansarii UK akka jedhutti, wanti irdii keessa jiru, curcumin jedhamu, seelii kaansarii garii ajjeesuu akka danda'u ragaaleen jiru, garuu qorannoon dabalataa barbaachisaadha.
Qoricha aadaa Chaayinaa
Bahaa fi Lixaatti dhukkubsattoota kaansarii irratti qoricha aadaa Chaayinaa fayyadamuun dabalaa dhufeera. Garuu, ragaan saayinsii nageenyaafi bu'a qabeessummaa isaanii yeroo baay'ee ogeeyyii kaansariitiin gaaffii keessa galfama.
Qorichi aadaa Chaayinaa yaalli akka akuu-paankichar, yaala masaajii, qoricha baala mukaa fi Tai Chi fi kanneen biroo dabalatee qoricha biqiltoota irraa argaman dhibbaan lakkaa'aman fayyadama.
Nyaata keessan jijjiiruu
Nyaanni addaa kan akka keto (nyaata kaarboohayidireetii baay'ee xiqqaa ta'e qabu), vegan (biqiltoota irratti hundaa'e) ykn nyaata daangeffame biroon kaansarii 'beelessa' yaadni jedhus akka addunyaatti beekkamaa ta'eera.
Haa ta'u malee, kuni ''Kaansarii beelessuu hin dandeessu, si'uma qofatti beela'a,'' jechuun qorataan kaansarii Dr Deeviid Roobart Giriims BBC'tti himaniiru.
"Yeroo kaansarii qabdu ulfaatina qaamaa yoo hir'ifte balaa guddaa qabaachuu danda'a," jedhan.
Ogeessi kaansarii Hospitaala Mohaan Dayi Osiwaal Dr Kanupriyaa Baatiya, Indiyaatti dhukkubsattoonni miidiyaa hawaasaatiin dhiibbaan akka irra hin geenye waamicha dhiyeessaniiru.
"Ofii keetii waanuma feete nyaachuu ykn dhuguu hin jalqabiin, akkas gochuun miidhaa geessisuu waan danda'uuf," jedhan.
Fenbenzadole
Fenbendaazool qoricha dhukkuba maxxantuu bineensota yaaluuf gargaarudha
Daldalaan Ameerikaa tokko Fenbendaazol fi yaala filannoo biroo waliin erga fudhatee kaansarii irraa bilisa ta'uu isaa erga dubbatee booda akka wal'aansa kaansariitti beekamtiinsaa dabaleera.
Yeroo sanatti qorannoo yaalii kilinikaa kaansarii wal'aanu biroof taasifamu keessatti akka hirmaate hin eerre.
Qorichi kun guutuu Kooriyaa Kibbaatti kan gurgurame yoo ta'u, hedduun isaanii imala "wal'aansa" isaanii miidiyaa hawaasaa irratti galmeessaniiru.
Qorannoo Kaansarii UK akka ibsutti qorichi kun bu'a qabeessa ta'uu isaa baruuf yaalii kilinikaa kamiyyuu keessa hin darbine.
Gishxaa (Graviola)

Madda suuraa, Getty Images
Kuduraan, baalaa fi gogaan muka gishxaa (graviola) yeroo dheeraaf kutaalee Afrikaa fi Ameerikaa Kibbaa keessatti haalawwan hedduudhaaf akka qorichaatti kan itti fayyadamaa turan yoo ta'u, infekshinii gariif qoricha ta'uu ragaaleen ni agarsiisu.
Himannaan firii kun kaansarii "fayyisuu" danda'a jedhu yeroo dheeraaf kutaalee interneetii fi biyyoota garii keessattis kan hin jijjiiramne yoo ta'u, barreeffamoonni miidiyaa hawaasaa ammoo keemooteraapii caalaa dachaa kuma 10n bu'a qabeessa ta'uu himan.
Dhaabbileen tola ooltummaa kaansarii fi Dhaabbanni Kaansarii Biyyaalessaa Faransaay "nyaatni dinqii" kaansarii fayyisu hin jiru jedhu.
Doktooronni fi dhaabbileen kaansariirraa hojjatan maal jedhu?

Madda suuraa, Getty Images
Ogeeyyiin yaala filannoo fayyadamuun balaa guddaa akka qabu akeekkachiisu.
Dhukkubsattoonni isaan fayyadaman yaala barame irraa fagaachuu fi carraa lubbuun jiraachuu isaanii balaadhaaf saaxiluu akka danda'an qorannoon ni agarsiisa.
''Yaaliiwwan kun tokko tokko wal'aansa cinatti gaariidha,'' jedhu Dr Riordaan. "Rakkoon jiru namoonni yaala filannoo qofa yeroo filataniidha.''
Dr Giriims wal'aansi kaansarii yaalaa qorannoon saayinsii cimaan irratti hojjetame ta'uu himaniiru.
"Addunyaa irratti lubbuun jiraachuun kaansarii fooyya'eera, sababnisaa hojii saayintistootaa fi hakiimotaatiin fooyya'e... yaala filannoo miti,'' jedhan.
Doktooronni akka waliigalaatti namoota dhukkuba dandamachuuf yaala dabalataa fayyadaman ni deeggaru.
Garuu yeroo baayyee hakiimonni yaala biraa kan yaala fayyaa dhiisanii kan itti fayyadaman akka hin fayyadamne gorsu.












