Haadha ilmaan sadii baajaajii konkolaachisuun ijoolleeshee barsiifattu

Madda suuraa, BBC/ Warqinaa
Askaalee Taasisaa jedhamti. Jiraattuu magaalaa Jimmaati. Ganna torbaaf yunivarsiitii Jimmaatti nyaata barattootaaf kennuudhaan tajaajilaa turte.
Taateen guyyaa tokko ishee mudate garuu hojiishee dhabsiisuun gara qulqulleessituutti akka jijjiiramtu taasise. Amma konkolaachistuu baajaajii taatee hojjechuun ijoolleeshii sadan guddifataa jirti. Askaalee waan keessa dabartee fi mudannooshee BBC'tti himteetti.
Itoophiyaatti hojiin konkolaachisaa geejibaa ta'uu yeroo baay'ee dhiirotaan kan dhuunfatamedha. Darbee darbee dubartoonni hojii kanarratti bobba'anis hin dhabamani.
Magaalaa Jimmaatti dubartoonni baajaajii oofan danaataa jiru. Akka Askaaleen jettutti, dubartoonni kudhanii ol hojii kanarratti bobba'anii jiru.
Konkolaachistuun bajaajii magaalaa Jimmaa biroo BBC'n dubbise ammoo dubartoonni baajaajii konkolaachisan digdama akka caalan himti.
Askaaleen hojiin ganna torbaaf irra turte akka jireenyashee hin geeddarre dubbatti. "Abbaan manaakoo waardiyyaa hojjeta ture. Erga waggaa torbaaf hojjetee booda waajirrisaanii gaafa cufamu, birriin qusannoo wayii gadhiifameef. Waliin mari'annee baajaajii bitanne" jechuun ibsiti.
Ganna lamaaf baajaajii bitatan konkolaachisaatti kennuun galii argachaa akka turan dubbatti haati ilmaan sadii kun.
Mudannoo kallattii jireenyashee jijjiire…
Askaaleen hojii ganna torbaaf hojjechaa turte dhiistee gara baajaajii konkolaachiisutti kan deebise taatee guyyaa tokko ishee mudate ta'uu dubbatti. Mudannoon dhuma ALI bara 2016 gara dhumaarra uumame kan kallattii deemsa jireenyashee jijjiiredha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Yunivarsiitii [mana nyaataa] keessa yeroon hojjedhu mudannoo guddaan na mudate jira, kan hojjetoonni na waliin hojjetanis beekan, kan hin irraanfatiin hafedha" jechuun mudannooshee yaadatti.
"Barattoonni misaadhaaf dhufanii… ijoolleen tokko tokko kan beela'anii dhufan jiru 'biddeena kutiitii irra nuu buusi' jedhanii na gaafatan, gaafa garaankoo na gaddu biddeen xiqqoo kutee irra buusee jennaan, alaqaankoo na arge.
Cilfaa fi bideena kana lafa kaa'iitii deemi naan jedhee, iddookoo nama biraa dhaabe. Dhumarratti biiroo na galchee lammaffaa mastangidoo [dhiyaana kennuu] waan jedhamu hin hojjettu; har'aa kaastee gara tsidaatii [hojii qulqulleessuu] hojjetta jedhee na baase" jechuun waan ishee mudate himti.
Qulqulleessituu erga taatee "ji'a lama caala hin hojjenne" kan jettu dubartiin kun waan ishee mudatetti gadduushee dubbatti.
Bakka duraan turterraa qulqulleessituu ta'uusheetiin "miiruma gadaantummaa wayiitu natti dhaga'amee ture. Gaafanni [hojii qulqulleessuutti] na ergu, miira gadaantummaatu natti dhaga'amee ture.
Turmaata keessammoo maaliifan hojii kana hin jijjiirardhu, akkamittiinan akkanaan ittifufa" jechuun gara yaada baajaajii konkolaachisuu jedhutti akka dhufte dubbatti.
Darbee darbee barattoonni yunivarsiitii biddeena yookaan ittoo xinnoon akka itti dabalamuuf gaafatan hin dhabaman. Dubartoonni nyaata kennanis kan gara laafinaan waan xiqqoo irra buusaniif inuma jiru. Askaaleen garuu muuxannoo akkasii akka hin qabne yaadachiisti.
"Yeroo baay'ee [biddeena] irra hin buusun ture. Gaaf sana ijoolleen fatanaarraa dhufan natti fakkaata. Gaafa garaankoo na gaddun kutee irra buuse" jechuun taatee guyyaa sanaa yaadatti.
"Har'a nama ofiisaa danda'ee, dhalasaa danda'ee jiraatu ta'eera. Otoonni gaaf sana fuula natti hin banne ta'ee yookaan bakka natti hin jijjiirre ta'ee, achi keessatti hafuun danda'a" jechuun mudannoon yeroo sana ishee aarse har'a garuu bakka gaariin akkashee gahe dubbatti.
'Dadhabbiin rakkina caala hin ulfaatu'
"Hojiin baajaajii dubartiidhaaf baay'ee ulfaataadha garuu ani kaayyeffadhee waanan baheef, rakkinasaa, dadhabbiisaa inuman danda'a jedheetan itti seene. Hamma har'aatti hojjechaan jira" jechuun hojii amma hojjechaa jirtu ibsiti.
"Ijoolleenkoo sadan isaaniiyyuu barattoota waan ta'aniif [sa'aatii] kudha tokkotti hirribaa ka'eetan ciree fi laaqanasaanii hojjedhaafii hidheetiifan, baajaajii baasee mana barumsaatiin gaheen gara hojiikootti seena" jechuun oolmaa guyyaashee ibsiti harmeen kun.
Dubartoota biroo magaalaa Jimmaatti baajaajii konkolaachisuun jiraatan waliinis akka quba walqaban himti. "Ijoollee shamaranii gaafan argu ittan gammada; walitti gammanna. Wajjiin taphannee, wal jajjabeessinee hojjechaa jirra" jetti haati ilmaan sadii kun.
Qorumsi guddaan konkolaachistuu baajaajii ta'uu "hojiin baajaajii hojii humnaati. Hojii dadhabbii qabudha. Waa danuutu jira. Garuummoo sana dandeenyeematu wal jajjabeessinee hojjechaa jirra.
''Kayyeffattee jennaan ammoo wanti nama daangessu hin jiru waan ta'eef, dadhabbii sana danda'uun dirqama jenneetuma hojjechaa jirra. Dadhabbiin rakkina caala hin ulfaatu. Kanaafuu, dadhabbicha dandeenyeetuma hojjechaa jirra" jechuun cichoomanii hojjechuun barbaachisaa ta'uu dubbatti Askaaleen.
"Fireeshii ta'uu yeroon baajaajii oofu, nan dhaaba gaafan jedhu fireeniin na harkaa bahee bajaajii afur wal duukaa rukuteera" jechuun mudannoo yeroo reefu bajaajii konkolaachisuu eegaltu ishee mudate dubbatti dubartiin kun.
'Umrii kanatti baajaajii ooftii, mana hin teessuu kan naan jedhan baay'eetu jiru'
"Tokko tokko itti gammadu. Jabaadhu kan naan jedhan jiru. Tokko tokkommoo umrii kanatti maaliif [baajaajii] oofti, mana hin teessuu kan naan jedhan baay'eetu jiru" jechuun yaada namoonni yeroo isheen baajaajii konkolaachistu isheen jedhan dubbatti.
"Yeroon fireeshii turetti natti dhaga'ama ture. Achii garuu jabaatadhuma dhufeen silas kaayyoodhaafan bahe waan ta'eef, jecha namaa dhagahuu hin qabu" jechuun murteessitee hojjetaa akka jirtu dubbatti.
"Masmara qofarra hin hojjedhu. Yeroo tokko tokko namoonni kontiraata ni qabatu. [Konkolaachistuu] dubartii gaafa argan namoonni itti gammadanii kontiraata deeman jiru.
''Namoonni gurguddaan yeroo baay'ee nu jajjabeessu. Jabaadhu jedhanii dabarsaniillee kan [dachaa] nuu kennan jiru. Yeroo akkas akkasiimmoo mooraaliidhumti keenyayyuu jabaachaa adeema" jechuun yaada namoota ishee jajjabeessanii kaasti.
Askaaleen dubartii baadiyyaatti dhalattee guddate yoo taatu, daandii fagoo miilaan imaltee barataa turte. Kutaa tokkoo hanga kudhaniitti yeroo barattu guyyaatti deemsa sa'aatii tokkoo olii imalteetu.
Erga bultoo dhaabbattee booda barnoota "ICT [information and Communication Technology] jalqabee level 3 otoon baradhuu haalumti tokko tokko na daangessee jennaan gidduutti kute" jechuun haala barnootashee dubbatti haati ilmaan sadii kun.
'Fuulduraatti makiinaayyuu qabachuufan yaadaa jira'
Askaaleen baajaajii konkolaachisaa jirtuyyuu garaanshee fagoo akka yaadu dubbatti.
"Namoota amalaan qabeen [tajaajilaa] jira. Itti gammadeen hojjechaa jira. Amma yeroofan shufeera baajaajii ta'e malee gara fuulduraatti makiinaayyuu qabachuufan yaadaa jira. Ammaaf hayyama konkolaachisummaa baajaajii qofan baafadhe; yoo Rabbi na gargaare gara makiinaattan guddifadha jedheen yaada" jechuun yaada fuulduraaf qabdu dubbatti.
"Dubartummaa hojii kamirraayyuu nama hin daangessu. Inni guddaan kaayyoo qabaachuudha. Kaayyoo qabaannaan lafti hin ga'amne hin jiru. Kanaafuu dubartoonni haamilee keessan gara boodatti hin deebisinaa, bahaa hojjedhaa! Hojiin ulfina; hojiin nama kabachiisa" jechuun dubartootaaf dhaamteetti.

Madda suuraa, BBC/ Warqinaa












