Waggootaaf dukkaana keessa jiraachaa hanga ummata dheebuu baasuu-Inj. Miliyoon Baqqalaa

Madda suuraa, Biiroo Bishaanii fi Albuuda Oromiyaa/FB
Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Albuudaa Oromiyaa, Injinar Miliyoon Baqqalaa tibbana Badhaasa Idil addunyaa tokkoof kadhimamaniru.
Badhaasni Dhaabbata UNESCO jalatti inistituutii Hayidiroolikii fi saayinsii Naannootiin kan kennamu kuni barattoota Yunvarsiitii isaan itti baratanii bahanii fi biyyoota 200 irraa dhufan dorgomsiisee badhaasa.
" Dhaabbatichi Barattoonni Injinariingii Bishaanii fi Haydiroolikiin eebbifaman biyya isaanii ogummaa barataniin hammam bu'aa buusan kan jedhu hordofee dorgomsiisa " jedhan.
Bara kanas barattoota dhaabbaticharraa baratanii bahanii fi biyyoota addunyaa 200 keessaa dorgomsiisuun Injinar Miliyoon moo'attuu badhaasichaa ta'uun barameera.
"Badhaasicha akkan ani moo'adhe ifoomsanii jiran. Gaafa Onkololeessa 27 barattoonni haaraan Yeroo seenanitti qaaman Biyya Nezerlaanditti argamee badhaasa kiyya fudhadha" jedhan.
Gumaata Nama baayyeetu milkaa'ina amman irra gahe kanaan naqaqabe kan jedhan injinar Miliyoon, 'Bagan biyyakootti deebi'ee sabakoo tajaajiluuf murteesse' jedhan.
Badhaasni tibbana moo'atan kuni shamarran duubaa dhufaniifis hamilee guddaa uuma jedhaniis amanu.
Ofii Inj. Miliyoon Baqqalaa eenyu?
Namni kun naannolee Itoophiyaa garagaraa keessa naanna'uun ummata biyyattii heddu dheebuu baasaniiru.
Rakkoo bishaanii yeroofi humna dubartoota Itoophiyaa nyaatu dhabamsiisuuf biyya keessafi biyya alaatti barataniiru.
Barachuu qofa osoo hintaanee Harargee Bahaa Cinaaksanii hanga Gaambeellaatti, achiis hanga Raayyaa fi Shireetti naanna'anii waggootaaf dukkaana keessa jiraachaa hojjetaniiru.
Amma Injinar Miliyoon Baqqalaa Biiroo BishaanII fi Inarjii Oromiyaa hogganuu erga eegalanii waggoota afur lakkoofsisaniiru.
Garuummoo imalli isaanii qormaatarraa bilisa hinturre. Kanaafis "Qormaanni dubartummaan qabu lakka'amee kan himamuu miti. Garuu tooftaadhaaniin jiraachaa ture" jedhu.
Salaale, Qarree Goohaa hanga Neezarlaand
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Injinar Miliyoon Baqqalaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Qarree Goohaatti dhalatanii guddatan. Barnootasaanii sadarkaa jalqabaafii lammaffaas magaalaa Qarree Goohaatti baratan.
Bakka amma gahe kanaaf bu'uura kan naaf ta'e haadhakooti. "Kanin sidhaalchisu barnoota qofa" jechaa naguddiste jechuun galaa haadhasaanii ibsan.
Barnootasaanii digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfinneerraa mummee barnootaa Saayinsii Lafaa (Earth Science) kan baratan yemmuu ta'u, digirii lammaffaa isaaniimmoo biyya Neezarlaanditti mummee barnootaa Saayinsii Injinaringii Bishaanii baratan.
Sababni barnootaa bishaan irratti xiyyeeffataniif jaalala damee kanaaf qaban akka ta'e kan himan Injinar Miliyoon, "magaalaa bishaan hinqabne keessatti waanan guddadheef natti fakkaata" jedhu.
Magaalaa itti dhalatanii guddatan keessa rakkoon bishaanii akka ture himuun, "yeroon baradhutti hojiin guddaan hojjechaa ture jarikaaniifi huubboo baatanii lagaa bishaan waraabaa turre" jedhu.
Kanaafis rakkoo bishaanii yeroo ijoollummaarraa kaasee beekan kana furuun hawwiisaanii akka ture dubbatu.
"Kana malees qabatamaadhaan hojiitti hiikuu kanan danda'u bishaan kana yoon baradhe jedheen dursummaan bishaan baradhe" jechuunis sababa mummee barnootaa kana itti filataniif himu.
Waggoota afur dukkaana keessa
Imala hojii isaanii Biiroo Bishaanii Oromiyaatti kan eegalan Inj. Miliyoon, jalqaba aanaa Barrak magaalaa Sandaafaatti ramadamuun hojii eegalan.
Aanaa Barrakitti yeroo muraasaaf erga hojjetanii booda cimina hojii agarsiisan ka'umsa gochuun ergisaadhaan gara godina Harargee Bahaatti ergaman.
"Dhaabbanni UNICEF Biiroo Bishaaniif maashina bishaan qotu binnaan biiroon ergisaadhaan maashinii waliin Harargee Bahaatti na erge" jedhu.
Godina Harargee Bahaattis turtii yeroo waggaa tokko fi ji'a lamaa keessatti aanaalee godinichaa garagaraa keessa naanna'uun boollawwan bishaanii 85 qotuun deebi'an.
Itti aansuunis dhaabbata dhuunfaa waliin ta'uun naannolee Affaar, Amaaraafi Tigraay keessa naanna'uun pirojektiiwwan bishaanii Ministeera Bishaanii garagaraarratti hojjetaniiru.
Boodarrammoo Korporeeshinii Injinaringii Itoophiyaa keessatti sadarkaa olaanaan qacaramuun pirojektiiwwan bishaanii garagaraarratti kan hojjetan Injinar Miliyoon, dhaabbata kana keessa osoo hojjetanuu carraa barnootaa argataniin gara Neezarlaandis deemuun digirii lammaffaasaanii baratan.
Neezarlaandii erga deebi'anii boodas hojiilee bishaanii naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamaniif dhaabbata idil addunyaa UNICEFin qacaramuun hojjetaniiru.
Boodarras pirojektoonni naannicha keessatti hojjetaman maalif harkifatu kan jedhufi yaadawwan furmaataa akka qorataniif Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin kan qacaraman Inj. Miliyoon, "Qoranno kanaaf fala furmaataa hojjedhee yeroon xummuru muudamaan gara Biiroo Bishaaniitti deebi'e" jedhan.
Qormaata dubartummaan qabu...
Injinar Miliyoon Baqqalaa wayita naannolee Itoophiyaa garagaraa keessa naanna'anii hojjechaa turanitti waggoota afuriif dukkaana keessa jiraachaa turan.
Yeroo kanatti qormaatawwan garagaraa dabarsuusaanii himuunis, "Qormaanni dubartummaan qabu lakka'amee kan himamuu miti. Garuu tooftaadhaaniin jiraachaa ture" jedhu.
"Halkan hin rafu ture. Kitaaba dubbisaan bula. Guyyaammoo sa'aatii muraasa nan rafa ture" jechuunis himan.
Kana malees wayita Godina Harargee Bahaa keessa naanna'uun hojjechaa turanitti garee waliin hojjechaa turan keessa namoonni 14 dhiirota yemmuu ta'an, dubartiin garuu isaan qofa akka ta'anis yaadatu.
"Dhiira gara nama 14 keessatti dubartiin takkittiin gammoojjii keessa taa'uu jechuun ulfaataadha. Kanaafis maloota xinsammuu adda addaa fayyadamaan ture. Kana jechuun akka obboleettiitti akka nama ilaalan jechuudha" jedhan.
Toftaa inni sadaffaa fi akka filannoo dhumaatti bakkan dukkaana keessa jiraadhetti ittiin ofeegaa ture hidhannoodha jedhu.
"Kan didee humnaan dhufu yoo jiraate akka filannoo dhumaatti hidhadheen ofeegaa ture. Meeshaa kiyya nan dhoksa. Namuu akkan qabu hin beeku ture. Kana filannoo dhumaatiifan qabadhe" jedhan.
Garuu Waaqnis nagargaaree rakkoo tokko osoo narra hin geenye Hojii achii xumurree baane jedhu injinar Miliyoon.
Kana malees pirojektiiwwan Kasam fi Raayyaa irratti yemmuu hojjetanitti saree guddifachuun sareen kunis dukkaanasaaniif eegumsa gochaa akka ture himan.
Inj. Miliyoon hawaasa keessatti hojjechaa turanirraayis afaanota Tigriffa fi Somaalii baruusaaniis himaniiru.
Yeroon muudamu baay'een rifadhe
Biiroo Bishaanfi Inarjii Oromiyaa hogganuu erga eegalanii waggoota afur kan lakkoofsisan Injinar Miliyoon Baqqalaa, "gaafan muudamu baay'een rifadhe" jedhu.
"Tokkoffaa baay'ee bal'aadha. Lammaffaammoo hojiin bishaanii baay'ee walxaxaadha, qooda fudhattoota baay'ee hirmaachisa. Kana qindeessanii, gamaggamaniifi hordofanii tajaajila ummataa qixaan hojjechuu jechuun baay'ee ulfaataadha" jedhan.
Kanaafis imaanaa itti kenname hojiirra oolchuufi wantoota sirreeffamuu qaban sirreessuun yaaddoo itti ta'ee akka tures himu.
Haa ta'u malee iddoo hoggansummaa erga qabatanii booda rakkoo bishaan dhugaatii shamarranfi haadholii baadiyyaaf ba'aa ta'e furuuf hojjechuusaanii kan himan Inj. Miliyoon, "garuummoo qixa barbaadamuun hojjetteertaa yoo jette baay'ee na hafa" jedhu.
Dubartoonni cimuu malee filannoo hinqabdan
Dubartoonni damee hojii irratti bobba'an irratti ciminaan hojjechuu akka qaban kan himan Inj. Miliyoon, "dubartiin cimtee yoo dhaabbatte addunyaan filannoo dhaba, kanaafis ishee filata" jedhu.
Kana malees hawaasni dubartootaaf carraa kennuufi deeggarsa gochuufi akka qabus eeru.
Gama biraatiin bulchiinsi bishaanii amma jiru hanqina akka qabu kan himan hoggantuun kun, karooriifi hawwiinsaanii gara fulduraa bulchiinsa bishaanii saayinsaawaa gochuu akka ta'e himu.
"Addunyaa biraarratti bishaan lafa jalaa, lafarraa fi bishaan ujummoon mana namaa jiru kun akkamitti bula kan jedhu argee waan jiruuf inni boqonnaa na dhowwa" jedhan.
Kana malees akka biyyaatti xiyyeeffannoon bishaanif kennamu gadi aanaa ta'uu himuun, hubannoo hawaasni qusannaafi kunuunsa bishaaniirratti qabu guddatee, bulchiinsisaas qixa kanaan ta'ee arguu akka barbaadanis himaniiru.












