Waancaa Addunyaa 2026 waan beekuu qabdan

Waancaa Addunyaa

Madda suuraa, Getty Images

Gareen biyyaalessaa Ingilaand goolii 5 fi 0n Latiiviyaa mo'achuu hordofee taphni lama osoo hafuu Waancaa Addunyaa 2026f darbuu isaa mirkaneeffateera.

Kana jechuun ammoo deeggartoonni garee biyyaalessaa Ingilaand maqaa 'Leencota Sadan' jedhamuun beekamuu dorgommii guddicha addunyaa ganna dhufu gaggeeffamu qaamaan deemanii daawwatuufi manuma taa'anii karaa televizhinii daawwatuu isaanii gamanumaan murteeffachuuf yeroo argataniiru.

Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti isa baayyee guddaadha jedhamee eegamu kana ilaalchisee taphoonni kunneen eessatti gaggeeffamu, tikkeettii akkamiin argachuun danda'ama, kanneen jedhaniifi odeeffannoo biroo baruu qabdan akka itti aanutti isiniif dhiyaateera.

Waancaan Addunyaa 2026 yoom, eessatti gaggeeffama?

Waancaan Addunyaa 2026 Yunaayitid Isteeis, Kanaadaa fi Meksiikooti waliin ta'uun qopheessu.

Dorgommiin kun biyyoota gara garaa sadiin yeroo qophaa'u kun isa jalqabaati.

Taphni baniinsaa Waxabajji 11, 2026 Magaalaa Meksiikootti kan jalqabamu yoo ta'u, cufiinsi isaa ammoo Niiwu Jersii keessatti Adoolessa 19 taasifama.

Dorgommiin kun yeroo jalqabaatiif biyyoota 48 kan hirmaachisu yoo ta'u, sababa kanaan ammoo guyyoota 39 tura.

Baayyinni biyyoota hirmaatanii kan yeroo dhumaaf Yunaayitid Isteetis keessatti qophaa'ee ture dachaa yoo ta'u, bara 1994 biyyoota 24 turan Wancaa Addunyaarratti kan hirmaatan.

Bifti ramaddii haaraa kun garee biyyoota afur qaban 12n kan qoodamu yoo ta'u, biyyoonni 32 ammoo marsaa mo'anii darbuun walitti dhufu.

Taphoonni Waancaa Addunyaa 2026 magaalota kam keessatti gaggeeffamu?

Tapha Waancaa Addunyaa ganna gaggeeffamu kanaan magaalonni 16 kan keessummeessan yoo ta'u, isaan keessaa 11 Yunaayitid Isteetis, sadii Meksiikoo, lama ammoo Kanaadaa keessattidha.

Isaan kunneen magaalota Waancaa Addunyaa 2026 qopheessanidha.

USA: Atilaantaa, Boostan, Dalaas, Hawustiin, Magaalaa Kansaas, Los Aanjalas, Miyaamii, Niwu Yoork/Niiwu Jersii, Filaadelfiyaa, Saan Firaansiiskoo fi Siyaatil.

Meksiikoo: Guwadalajaaraa, Magaalaa Meksiikoo fi Monteerii.

Kanaadaa: Toroontoo fi Vaankoovar.

Ramaddiin garee Waancaa Addunyaa 2026 yoom baha?

Ramaddiin garee biyyootaa Jimaata Mudde 5 17:00 GMT irratti baha.

Agarsiisa Aartiif jecha Waashingiten DC wiirtuu Joon F Kenedii keessatti raawwatama. Gareen biyyoota keessumeessanii toora A1 (Meksiikoo), B1 (Kanaadaa) akkasumas D1 (USA)tti ramadamu.

Akkamitti akka tikkeettii Waancaa Addunyaa itti argataniifi baasii isaa

Tiraamp fi Pirezidantii FIFA

Madda suuraa, AFP via Getty Image

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tikkeettiin marsaa jalqabaaf qophaa'e jalqaba Onkoloolessaa dhiyaatee deeggartoonni miliyona 4.5 ol ta'an bitachuudhaaf carraatti dhiyaataniiru.

FIFAn ammatti ibsa gatii tikkeettii guutuu isaa hin dhiyeessine, haata'u malee, deeggartoota hiriira dijitaalaarra sa'aatii dheeraa turuun carricha keessatti milkaa'aniin karaa oonlaayinii tarreefffamaa jira.

Tikkeettiin waliigalaa ittiin seenan ramaddiiwwan afuritti qoodama. Isaan keessaa warri marsaa jalqabaa tapha US keessatti gaggeeffamu daawwachuu barbaadan $560 hanga $2,235 baasuu isaan gaafata.

Tapha xumuraa irratti tikkeetiin 'rakasaa' ykn gatiin saa xiqqaa jedhamu $2, 030 yoo ta'u, inni qaaliin $6,000 ta'a.

Kun osoo kanaan jiruu tikkeettiin keessumeeffamuu gurgurtaaf dhiyaachuuf kan jiru yoo ta'u, gatiin isaa ol ka'aa ta'a jedhamee eegama.

Tikeetiin taphoota jalqaba dorgommii kanaa tokko tokko - bakkeewwan beekamtii hin qabne muraasa keessatti - $60n ni argama, garuu suuraan maappii istaadiyeemii teessoo jiru keessaa kun harka xiqqaa ta'uu agarsiisu.

Tikkeettii fudhachuun marsaan lammaffaan Wixata Okoloolessa 27 kan jalqabu yoo ta'u, carraan tikkeettii jalqabaa hanga Onkoloolessa 31tti kan adeemsifamu ta'a. Kunis adeemsa iyyannoo kan hordofu filannoo tasaa kan of keessaa qabu ta'a.

Carraan filannoo tasaa gareewwan Mudde 5 erga qixa ba'anii yeroo muraasa booda kan gaggeeffamu yoo ta'u, yeroo kana deeggartoonni taphoota adda ta'aniif iyyachuu danda'u.

Marsaan gurgurtaa daqiiqaa dhumaa dorgommii sanatti dhihoo ta'ee kan raawwatamu yoo ta'u, yeroo kana deeggartoonni inventarii hafe kamiyyuu dursee dhufee dursee tajaajilamuun bitachuu ni danda'u.

FIFAn dorgommii kanaaf moodeela gatii 'daayinamikii' fudhachaa jira, jechuunis taphoota ilaaluuf fedhiin guddaan jiru boodaatti gatiin tikkeettii haalaan ol ka'uu danda'a jechuudha.

FIFAn deeggartoonni filannoo kanaaf kaffaltii guddaa kaffalu jedhamee eegamus sirna 'Right To Buy' jedhus tikkeettiiakka mirkaneessaa jira, .

Waancaa Addunyaf biyya kamitu darbe?

Ingilaand biyyoota biroo 27 dabalatee darbuu mirkaneeffatteetti. Shaampiyoonaa addunyaa yeroo darbee kan taate Arjentiinaanis, darbuu mirkaneeffatteetti. Haata'u malee, ammallee biyyoonni 20 darbuu mirkaneeffachuu qabu.

Biyyoonni hanga ammaa darbuu mirkaneeffatan:

Biyyoota qopheessan: Kanaadaa, Meksiikoo, Yunaayitid Isteetis

Afrikaa: Aljeeriyaa, Keep Veerdee, Masirii, Gaanaa, Ayivorii Kost, Morookoo, Senegaal, Afrikaa Kibbaa, Tuniiziyaa.

Eeshiyaa: Awustiraaliyaa, Iraan, Jappaan, Jordaan, Qataar, Sa'ud Arabiyaa, Kooriyaa Kibbaa, Uzbeekistaan.

Awurooppaa: Ingilaand

Oshiiniyaa: Niiwu Ziilaand

Ameerikaa Kibbaa: Arjentiinaa, Biraazil, Kolombiyaa, Ikkuwaadoor, Paraaguwaay, Uraaguwaay.

Biyyoota hanga ammaa darbuu mirkaneeffatan keessaa sadii seenaa isaanii keessatti yeroo jalqabaatiif Waancaa Addunyaatiif darban. Isaanis Keep Veerdee, Joordaan fi Uzbeekistaanidha.

Biyyoonni Suriineem fi Kuriyaakaawoo akkuma kana Waancaa Addunyaaf yeroo jalqabaaf darbanii seenaa hojjechuu abdacha ajiru.

Haalli siyaasaa jiru maal fakkaata?

Yunaayitid Isteetis xapha waancaa isa xumuraa dabalatee taphoota 104 jiran keessaa 78 keessummeessiti.

Bara 2025 keessa ajjeechaawwan siyaasaa baayyeen US keessatti raawwatamaa kan jiru yoo ta'u, bara 2024 keessa ammoo dhukaasawwan jumlaa 500 ol turaniiru.

Los Aanjeles kan taphoota saddet keessummeesstu dabalatee magaalota Dimokiraatotaan bulan keessatti polisoonni Doonaald Tiraamp bobbaasu dabaluufi waajirri Immigireeshiniifi Gmurukii (ICE) namoota dirqamaan biyyasaaaniitti hari'uun dabalaa jira.

ICE fi Eegduu Biyyaa bobbaasuun ammoo hawaasa biyyattiirraa amantaa dhaban baayyinaan bahanii akka morman gochaa kan jiru oo ta'u, Tiraamp magaalota "nageenya hin qabne" jedhurraa tapha akka jijjiiru doorsisaa jira.

Bitootessa keessa, muddamni siyaasaafi dinagdee US fi biyyoota waliin qopheeessan Kanaadaa fi Meksiikoo gidduu ture dorgommii kanaaf gaarii ta'a jedhee ture.

Tiraamp yaada kana kan kenne erga taarifa/qaraxa -meeshaalee biyyoota biroorraa galan, keessumaa biyyoota hollaa US lamaanirra kaa'anii boodadha.

Haalli qilleensaa bakka Waancaan Addnyaa itti qophaa'uu maal fakkaata?

Ganna darbe dorgommii Waancaa Kilaboota Addunyaa USA keessatti gaggeeffamerratti ho'i rakkisaa ture. Ammas ganna dhufu kana Waancaa addunyaarrattis haalli qilleensaa kun rakkisaa ta'uu mala.

Leenjisaan PSG Liiwus eneriikee gareen isaa ho'a digirii 40 ta'e keessa dorgommoo Waancaa Kilaboota Addunyaa kanarratti xabachuuf dirqamaniiru. Taphni kun kan jalqabaa yoo ta'u Los Anjeles keessatti Atileetikoo Maadiriid waliin kan turedha.

Leenjistoonniifi taphattoonni ho'a tureen kan miidhaman yoo ta'u, taphataan Chelsii Enzoo ferenaadeez yeroo taphataa ture baayyee dadhabiin akka itti dhaga'amu dubbateera.

Rakkoo ho'aaf fala barbaaduuf FIFAn taphoota Waancaa Addunyaa biyyoonni Awurooppaa irratti hirmaatan akka sa'aatii UKtti halkan waarii boodarratti akka ta'uuf karoorfateer.a

'Waan Barbaadde Na Gaafadhu' - kan jedhu maali?

'Waan Barbaadde Na Gaafadhu' kan jedhu tajaajila gaaffilee keessan deebisuuf qophaa'edha. Wantota hin beekne isinitti himuun, akkasumas maal gochuu akka qabdan isin yaadachiisuudhaan yeroo keessan akka qusatan isin gargaarra.

Gareen waan isin barbaaddan adda baafachuun toora ogeessotaa isin gargaaran isiniif ramada.

Kutaa BBC Sport irraa gaaffilee keessaniif deebii kennina, akkasumas qophii ispoortii addunyaa guddaa kana jala buunee isin biraan gahuu iti fufna.

Karaa marsariitii BBC, miidiyaa hawaasaa, YouTube, raadiyoof kaaniin ni argattu.