Ijoolummaa hanga gaa'ilaa: Waa'ee haadha manaa Liyonel Meesii Antoonellaa Rakuuzoo maal beekna?

Madda suuraa, Getty Images
Roozaariyoo magaalaa dhaloota Liyonel Meesiiti. Magaalaa taphataa kubba miilaa addunyaa seenaa keessatti waggaa 100 keessattuu kan akka isaa hin argamu jedhamu biqilchitedha.
Harka mirgaa isaa kan taate haati ijoollee isaa modela beekamtuu, simboon ishee fagootii nama waamu Antoonellaa Raakuuzoo, Liyonel Mesii waliin biyyoo daakanii guddatan jechuun danda'ama.
Faranjiin biyyoo hin daaktu, meeshaalee biroon taphatu yoo jettanis dhugaadha. Dhugumaan garuu geemii jollee Soonii jedhamu tokko walitti bahanii taphatu ture.
Sanas tahe kana Mesii fi haati warraa isaa Antooneellaa magaaluma tokko, ganduma tokko keessatti ijoollee waggaa shanii gadii tahanii waliin taphachaa guddatan. Roozaariyoo keessa jechuudha.
Roozaariyoon magaalaa guddoo Arjentiinaa Boones Eriyes irraa gara Kaaba Dhihaatti KM300 fagaata. Magaala buufata doonii qabdu tahu, namni magaala kanatti dhalate beekamaan biraa nama siyaasaa fi qabsaa'aa kan ture ''Che'' ykn Che Guuveeraadha.
Mesiin nama ija laafu ykn qaana'u tahus Antoonellaa garuu ijoollummaa isaa irraa eegalee ishee jaalata ture.
Iji ishees isa irratti hafeera.
Wal barbaacha mana hiriyyaa Mesii tokkoo deemu. Lameenuu achitti wal arguun taphachaa oolu. Mesin akkaadaamii guddattootaa keessaa kubba taphata. Antonellaan ammoo barumsa irra turte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Antooneellaan taphataa PSG kan ture Lukaas Iskaagliyaa jedhamu waliin ijoollee obbolaawwaniiti. Inni ammoo hiriyaa Mesii waan taheef Mesiin yeroo hedduu isa bira deemee taphata.
Guyyaa tokko osoo taphatanii Antoonellaan dhufte. Waliin taphatanii deemuuf yoo kaatu Mesiin Lukaasiin eenyu isheen? jedhee gaafate.
Innis intala wasiila isaa akka taate itti hime. Osooma qaana'uu baay'ee isheetti dhiyaate.
Booda garuu kan gara mana Lukaas fa'aa deemu Antooneelaa arguuf akka tahe irratti barameera. Kun yeroo umuriin isaanii waggaa shan tahudha.
Mesiin waraqaa irratti gara fuulduraatti yeroo guddannu jaalalleekoo naaf taata jechuun Antooneellaaf barreessaa ture.
Kana ammoo leenjisaan isaas irratti bareera. Isheenis isarraa adda hin baatu ture.
Lafti bariinaan mana barumsaa deemtee yoo deebitu Mesii waliin taphachuuf isa barbaacha baati.
Manni Lukaas hiriyyaa Mesii fa'a ammoo bakkatti wal arganidha. Jaalala ijoollummaa hanga gaa'ila dhaabbachuutti kan gahe akkasiin jalqabe.
Mesiin Baarseloonaa galuuf yeroo umuriin isaa waggaa 13 tahu maatii isaa waliin gara Ispeen deeme. Yeroo sana Antooneellaan Arjentiinaatti hafuun barachaa turte.
Lameenuu wal iyyaafataa turan. Garuu akka ammaa miidiyaa hawwaasaa hedduu waan hin babal'anneef carraan wal qunnamtii isaanii xiqqaa ture.
Kun bara 2000 keessa yoo tahu addaan bahanii turaniiru. Isheenis isa jaalatti. Innis Antooneellaan ala dubartii biraa wlaiin jaalala jalqabe hin beeku jedhama.
Yeroo tokko Antooneellaan hiriyyaa baay'ee jaalattu balaa konkolaataan du'aan of biraa dhabde.
Waan waliin barataniif gadda guddaa irraa kan ka'e xiin-sammuu ishee miidhamee ture.
Mesiin karaa hiriyyoota isaa akka Antooneellaan gadda keessa jirtuu fi barachuullee dadhabde dhagahe.
Yeroo kana gadda hiriyyaa isaanii duutee fi Antooneellaa ammoo jajjabeessuuf gara Arjeentiinaa deeme.
Antooneellaan kanatti hedduu gammaddeetti.
Yeroo sanaa eegalee jaalallee walii tahuun imala jalqaban. Garuu Mesiin hanga umuriin isaa waggaa 18 darbutti waa'ee jalaalaas tahe gaa'ilaa takkaa kaasee akka hin beeknetu himama.
Antooneellaan Arjentiinaatti jalqaba barnoota yaala ilkaanii [Odontology] baratte. Booda ammoo barnoota komunikeeshinii baratteetti.

Madda suuraa, Telegraph
Bara 2007 yeroo umuriin isaa waggaa 20 tahuu fi dandeettii addaa qabaachuun addunyaan isa faarsuu jalqabdu akka Antooneellaa wlaiin jaalala keessa jiran barame.
Ergasii adda hin baane. Bara 2017 magaalaa keessatti dhalatanii fi wal baran Roozaariyootti deebi'uun cidha guddaa qopheessuun wal fuudhan.
Cidha isaanii irratti taphattoonni Baarseloonaa akka Jeeraardi Piikee fi haati warraa isaa duraanii Shakiiraa fa'aa argamuun ho'isaniiru.
Humni waraanaa bobbafamuun eegumsi guddaan cidha mesiif taasifameera.
''Cidha jaarraa kanaa'' jedhamuunis moggafameera. Cidha Mesii fa'aa irratti keessummoonni bebbekamoo 260 ol argamaniiru.
Ilma isaanii jalqabaa Tiyaagoo bara 2012 argatan. Kan lammaffaa Mateyoo bara 2015 dhalate. Kan sadaffaa ammo Kiiroo bara 2018 dhalate.
Mesiin abbaa gaariidha jedhama. Ijoollee isaa qaama isaa irratti taatuu godhee tumateera.
Haati warraa Mesii, Antooneellaan Inistaagiraamii irratti qofa hordoftoota miliyoona 33 ol qabdi. Modelaa fi faashiniidhaan beekamti.
Dhaabbilee biizansii gurguddaa sochoosti. Irra caalaa garuu ijoollee guddisuu irratti xiyyeeffatti.
Kanaaf dubartii yeroo hedduu uummata keessatti hin argamnee fi gadi of qabdee jiraattu jedhamuun beekamti.
Mesii fi Luwis Suwaarez hiriyyoota hedduu wal jaalatanidha. Akka obbolaatti wal ilaalu.
Haati warraa Suwaarez, Soofiyaa Balbii, Antooneellaa haadha manaa Mesii fi haati warraa Seski Faabrigaas, Daani'eellaa Seemaan michuu waliiti.
Maatii isaanii qabatanii wal afeeruun yeroo hedduu akak waliin yeroo dabarsan maddeen odeeffannoo adda addaa agarsiisu.
Inumaayyuu haadha warraa Luwis Suwaarez Soofiyaa waliin tahuun kaampaanii kaalsii mimmiidhagaa oomishu bananiiru.
Dabalataan bara 2016 diizaayinara beekamaa Riikii Sarkaanii waliin waliigaltee modelummaa maallaqa guddaa argamsiisuuf walii mallatteessan.
Kaampaanota biraandiidhaan addunyaa irratti beekaman akka Adidas waliinis ni hojjetti.
Mesiin Baarseloonaa keessatti seenaa guddaa hojjette. Badhaasota Ballon d'Or saddet injifachuun rikardiin kanuma isaati.
Waancaa Addunyaa, Kooppaa Ameerikaa, Chaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi Liig 1 Faransaaf dabalatee waancaa hedduu mo'ateera.
Baarseloonaa booda PSG achii ammoo amma Inter Miyaamiif taphata. Abbaan ijoollee sadii Mesiin maatii isaa waliin yeroo dabarsuun beekama.
Qabeenyi isaa Doolaara Miliyoona 850 ol akka tahe gabaasonni tokko tokko ni himu. Mesiin gidduu kana waggaa 38ffaa isaa kabajate. Ammallee kubbi miila isaa jalatti miidhagdi.












