Kiristaanoo Roonaaldoo Tiraamp biratti maaliif Joorjiinaa haadha warraakoo jechuu hin barbaanne?

Kiristaanoo Roonaaldoo kaadhimaa isaa Joorjiinaa waliin Waashingitanitti Tiraamp waliin wal argan

Madda suuraa, Inistaagiraamii Roonaaldoo

Roonaaldoon tibbana Piirs Morgaan waliin yeroo dubbatu ''addunyaa irraa namni amma koo beekamaa tahe hin jiru'' jedhe.

Deevid Beekam yoo tahellee ''fuuluma isaatu bareeda malee kaan akkuma nama kaaniiti. Waan addaa hin qabu. Ani garuu nama mudaa tokkollee hin qabnedha. Namni akka koo bareedaanis hin jiru'' jedhe.

Doonaald Tiraamp gaggeessaa addunyaa kana jijjiiruu danda'uu fi abdii irraa qbaudha kan jedhe Roonaaldoon ''guyyaa tokko osoon isa waliin wal arge natti tola'' jedhee ture.

Akkuma jedhe ammoo tibbana ilma mootii Sa'ud Arabiyaa Mohaammad Bin Saalmaan waliin gara Waashingitan DCtti imaluun Tiraamp waliin wal argeera.

Tiraamp ''ilmikoo Roonaaldoo baay'ee jaalata. Har'a asitti qaamaan waan wala rgeef isatti tola. Anis kunoo akka inni dhufu godheeraaf'' jedhe.

Roonaaldoon afeerraa irbaataa irratti Tiraamp waliin erga dhiyaatee isa galateeffatee jira.

Pirezidaant Tiraamp anaa fi haadha warraakoo fuula duraa [Joorjinaa] asitti nu afeeruukeef hedduu si galateeffadha'' jedhe.

Dhiyeenya qubeelaa kan kaa'eef Roonaaldoon ammayyuu Joorjiinaa haadha warraakoo jedhee waamuu hin barbaanne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggaa dheeraa waliin jiraataniiru. Ijoollee waliin godhataniiru. Garuu haadha warraakoo jedhee ishee hin waamu.

Waggaa dheeraa waliin turanii Joorjiinaa Roodirieez kan kaadhimatte Kiristiyaanoo Roonaaldoo akkamiin akka murtoo dhumaarra gahe hime.

''Akkan guyyaa tokko qubeelaa kaa'uufii nan beeka. Garuu guyyaa sana taha jedhee hin yaannen ture,'' jedhe sangaan Piirsi Morgaan 'Uncensored podcasti' jedhamu irrati.

''Akkan qubeelaa bareedaa bituufiif na gaafatte. Ergan baay'ee dhama'een isa isheen barbaaddu biteefii. Sababni isaa yeroo hundumaa abjuu ishee waan taheefi,'' jedhe.

Dayaamandii gatiin isaa qaalii tahedha kan biteefii. "Isheen akkan qubeelaa kaa'uufii baay'eema dhimma ishee miti. Garuu gaafan gaaffii kana dhiyeessuufii, 'dhugaakee jettaa?' jettee na gaafatte. Eeeyyee dhugaakooti. Sin barbaada, si fuudhuun barbaadan jedheenii. Jalqaba irratti na hin amanne ture,'' jedhe.

Taateen isaa akkasi. Guyyaa qubeelaa dayaamandii sana biteefii galu, hiriyyaan isaa tokko wlaiin ture.

Akka irbaata booda kennuufii gaafate. Roonaaldoonis tole jedhe. Hiriyyaan isaa erga mana galanii irbaata nyaatanii yoo Roonaaldoon kennuufiif jedhu viiidyoo waraabaa ture.

Yeroo sana ijoolleen durbaa lamaan Roonaaldoo rafaa turan. Booda ka'anii gara isaa deemuun waan tahe argani jedhe.

'Abbaa.... harmee keenyaaf qubeelaa keessee fuudhuuf jettaa?' jedhaii na gaafatan jedhe. ''Eeeyye ishee fuudhuufan jedha jedheen deebiseef jechuun ibse.

Yeroo kana yeroon isaa amma jechuudha jedheen ofitti hime'' kan jedhe Roonaaldoon guyyaa sana tasumaa qubeelaa gaa'ilaa isheef kennee ishee fuudhee haadha manaa isaa seeraa godhachuuf hin karoorsine ture.

Garuu wal jaallachuun waliigalteemaan wlaiin jiraatu. Ijoollees godhataniiru.

''Haadha ijoolleekoo waan taateef osoo hin taane, dubartiin jireenyakoo keessatti baay'ee jaalladhe waan taateefan fuudhuuf murteesse,'' jedhe.

Joorjiinaan eenyu?

Kubba miilaa keessatti maqaa guddaa kan qabu Kiristiyaanoo Roonaaldoo modelota addunyaa bebbeekamoo hawwachuuttis qixxee hin qabu.

Dhuma irratti garuu dubartii Ispeen tokkotu Giiftii isaa tahee jaalalaan boojitee gaaditee isa keesse.

Erga Kiristaanoo Roonaaldoon jaalallee isaa duraanii Ariinaa Shaayik waliin adda bahee as modelii beekamtuu Ispeen Joorjinaa Roodirigeez jaalala ho'aa adunyaan argeefiin Roonaaldoo waliin jiraachaa jirti.

Roonaaldoon ifatti akka ishee jaalatuu fi jireenya isaa guutuu ishee waliin akka godhatu gaaffii fi deebii Piirsi Morgaan waliin taasise irratti dubbateera.

Bara darbe guyyaa dhaloota ishee Dubaayitti gamoowwanii fi magaalittii suuraa isheen faayessee kabajuufiin ifatti jaalala akkamii akka isheef qabu agarsiiseera.

Taphataa beekamaan duraanii Maanchister Yuunaayitid Roonaaldoon waggoota shanii oliif modelii beekamtuu Raashiyaa waliin jaalalaan jiraateera.

Bara 2015 yeroo lameen isaanii adda bahuu ibsamu obboleettiin Roonaaldoo Elmaan ''akkuma du'aati'' jechuun ibsite.

Walitti deebi'uun hin jiru jechuu feete fakkaata. Roonaaldoon dubartoota jaalala waliin jalqabee adda bahetti deebi'ee hin beeku jedhama.

Keessumaa dubartii harmee isaa hin kabajne waliin halkan tokko akka hin bulle himama.

Ofii Joorjinaan kun eenyu kan jedhan hin dhabaman. Ishumti iyyuu dhiyeenya dookimantarii waa'ee jireenya ishee irratti xiyyeeffatu tokko irratti namootni maqaakoo beeku malee waa'eekoo haalaan hin beekan jette.

Joorjinaan jaalallee Kiristaanoo Roonaaldoo yoo taatu, modelii, shuubbisaa fi miidiyaa hawwaasaa irrattis dhiibbaa uumuun dubartii beekamtudha.

Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 45 ol qabdi.

Joorjiinaan lammii Ispeen haa taatu malee, Arjentiinaa magaalaa Boones Eeras keesatti dhalatte.

Isa booda magaalaa Kaaba Ispeen keessatti argamtu Jaakaa jedhamtu keessatti guddatte.

Magaalaa Maadirid irraa KM 450 fagaatti. Daangaa Faransaay irratti magaalaa xiqqoo argamtu yoo tahu, uummata kuma 13 qabdu keessatti guddatte.

Magaalaa kana keessatti keessummeesituu taatee hojjetteetti. Akka gabaasa gaazexaa kubba miilaa Ispeen AStti Roonaaldoo fi Joorjiinaan suuqii ykn dukkaana Guchii Ispeen jiru tokko keessatti wal argan.

Yeroo sana gargaartuu abbaa suuqii sanaa tahuun hojjechaa turte. Roonaadoon dubartii Ispeen miidhagduu, garuu harka qalleettii taatee fi sinboon guutamte kana irra ija buufate.

Yeroo sana kileba guddicha adunyaa Riyaal Maadiridiif taphata ture.

''Hojjaa, qaamni isaa fi miidhaginni isaa akkuman argeen qalbiikoo na booji'e. Isa durattin rom'e jechuun danda'ama. Garuu naasuudhaan hollachaan ture'' jechuun dookimantarii bara darbe tamsa'e irratti dubbatte.

"Ani dubartii hedduu qaanoftudha. Kun ammoo naman libsuu ijaa takkaan jaalalaan jilbeenfadheef kanatti akkan dafee namatti hin siqne na godha. Isaan booda garuu akkatti Roonaaldoon jaalala naaf kenne, na kunuunsetu waan hundaa xumure'' jette.

Joorjiinaa Roodiriigez, abbaa warraashee Roonaaldoo waliin

Madda suuraa, Getty Images

Bakka suuqii kanaa deemtee kan hojjettu awutoobisii magaalaa eegdee imaluun ture. Konkolaataa dhuunfaa ishee haa hafuutii geejibaaf maallaqa gahaa hin qabdu ture.

Roonaaldoon erga ishee baree sa'a isheen hojiidhaa baatutti konkolaataa qaalii adunyaa tahan qabachuun yeroo ishee fudhatee deebi'u namootni ishee waliin hojjechaa turanis gadi bahanii ilaalaa akka turan yaadatti.

Jaalalli isaanii ho'aan kun bakkeetti bahee mul'achuu jalqabe. Inumaayyuu namoota nama adamsuun suuraa kaasuun saaxilaniin hordofamuu jalqaban.

Bara 2016 keessa of dhoksee deemuuf jecha wiiggii fi fuullee ijaa godhachuun osoo deemuu argameera.

Joorjiinaan ijoollee Roonaaldoo kunuunsuu fi jaalala kennuun beekamti. Ilma isaa hangafaa Kiristaanoo Juuner waliin hariiroo gaarii qabu. Yeroo hundaa isa waliin dirree deemuun yeroo Roonaaldoon kubba taphatu daawwatu.

Ilmi hangafaa Roonaaldoo umurii isaa waggaa 14'n garee biyyaalessaa Poorchugaal umurii 15'f tibbana taphachaa jiru harmeen isaa eenyu akka taate hin beeku.

Roonaaldoonis eenyu akka taate gonkumaa hin himu. Daa'imakoof anatu itti gaafatama hundaa fudhatee guddifata jedhee ture.

Kiristaanoo Juuner bara 2010 Ameerikaatti dhalachuu isaa malee haati isaa dhugaan eenyu akka taate hanga ammaatti ifatti hin beekamne.

Roonaaldoon kana icciitiin qabuun harmee Roonaaldoo Doloresii fi Joorjiinaan garuu kunuunsa addaa kennuuf.

Joorjinaan tarii icciitii kana beektii? kan jedhu homaa odeeffannoon bahe hin jiru.

Garuu ilma Roonaaldoo kanaaf akkuma haadhaati. Kunuunsa barbaachisuu fi hordoffii hundaa bakka Roonaaldoon hin jirretti isheetu godha.

Joorjiinaan ijoollee sadii Roonaaldoof deesseetti. Alanaa, Beellaa fi Eenjil jedhamu. Lama lakkuu tahuun dhalatan. Beellaa fi Enjil lakkuu tahuun erga dhalatanii Enjil biraa boqate.

Akkasumas ijoollee lamaan Joorjinaa irraa dhalataniin dabalata Maatew fi Iivaa kan lakkuu tahuun gadameessa dubartii biraa kireeffahuun Roonaaldoon argatees ni kunuunsiti.

Kabajaa fi jaalala isheen maatii isaaf qabdu akka Roonaaldoon bakka addaa isheef qabu taasiseera jedhama.

Joorjiinaan harmee Roonaaldoo hedduu kabajji. Ijoollee isaaf haadha gaariidha.

Roonaaldoon nama harmee isaatti bu'e akka nama ija isaatti bu'eetti ilaala jedhama.

Joorjiinaan ammoo harmee isaaf bakka gaarii waan qabduuf Roonaaldoon jaalalaa fi kabaja guutuu isheef akka kennu godheera jedhama.

Maatew, ilma Roonaaldoo fi haadha warraa isaa Joorjiinaa

Madda suuraa, Getty Images