Imbaappeen waa'ee dhibee sammuu isa irratti odeeffamee fi jireenya jaalalaa isaa maal jedhe?

Kiiliyaan Imbaappeen rakkoo dhibee sammuu akka hin qabne dubbate

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan Riyaal Maadirid Kiiliyaan Imbaappeen tibbana irra deddeeniin rakkoo xiin-sammuu isa mudateera jedhamuun irratti odeeffamaa ture.

''Rakkoowwan tokko tokko na mudataniru. Gariin dadhabbiidha. Kaan qormaata jireenyaati....garuu dhibee sammuuf hin saaxilamne,'' jedhe.

Gaaffiif deebii tibbana Canal+ waliin taasise irratti, ''namoonni hedduun dhibee sammuudhaan waan rakkataniif akkasumaan lafaa ka'anii akkas jedhanii waa'eekoo odeessuu hin /qaban jedhe.

''Yoon ani waa dubbadhu namoonni hiika adda addaa itti kennu. Ani roobootii miti. Namoonni baay'een taphattoota akka roobootiitti ilaalu. Nuyis akkuma namoota kaaniiti, ciminaa fi dadhabina akkasumas sodaa qabna.''

Dhimmi biraa isa irratti odeeffamaa ture waa'ee jireenya jaalalaa isaati. Imbaappeen kana dura dubartoota bebbekamoo adda addaa waliin jaalala keessa akka ture himamaa ture.

''Kana dura dubartii tokko waliin jaalala keessa turre. Amma dhaabneerra. Gara fuulduraatti dubartii tokko nan jaaladha jedheen abdadha,'' jedhe.

''Amma jaalalli ani keessa jiru kan abbaakoo, haadhakoo fi obbolaakooti'' jechuun ammatti jaalallee akka hin qabne dubbate.

Garuu namni Imbaappeen waliin ture eenyu? Innihoo eessaa ka'ee as gahe?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

____

Maatii Afrikaa harka qalleeyyii tahan irraa Faransaay magaalaa Paaris gara qarqaraatti ganda yakki itti hammaatu keessatti dhalatee guddatus, har’a kileboota isa barbaadaniin osoo hin taane ofii isaa miindaan hagamii akka isaaf kaffalamu murteessuun waliigaltee mallatteessa.

Daa’ima xiqqaa guyyaa dhaloota isaa keekii muruun gammadu qofa osoo hin taane abjuun isaa akka fagaatuuf Teerii Henerii fi Ziinaddin Ziidaan fa’aa barbaadee dubbisuun fagoo yaadaa kan guddatedha.

Kiiliyaan Imbaappee urjii Paaris.

Kokkolfaa, dhaabbii toleesa, saffisaan Yuuzen Booltiin caala kan jedhamu, dandeettii kubba miilaa ajaa'ibsiisaa kan qabuu fi dubartootni mimmiidhagoo adunyaa jiru jedhaman isa barbaadu jedhamu Kiiliyaan Imbaappee eenyu?

Kiiliyaan Imbaappeen abbaa isaa lammii Kaameeruun tahanii fi harmee isaa lammii Aljeeriyaa irraa dhalate.

Taphataan duraanii PSG kun hojiin isaa dirree keessaa adunyaa guutuutti beekama. Isaan alahoo waa’ee miiltoo jaalalaa fi hojii Kiiliyaan Imbaappee maal beekna?

Kiiliyaan Imbaappee fi abbaa isaa Wilfired Imbaappee

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo hedduu waa’ee namoota bebbeekamoo adunyaa baruun kan ulfaatuu fi icciitii tahu jireenya jaalalaa fi bultoo isaaniiti.

Dargaggeessi Faransaay dubartoota adunyaa mimmiidhagoo jedhaman hedduun barbaadamu Kiiliyaan Imbaappeenis kanarraa adda miti.

Yeroo tapha Waancaa Adunyaa Raashiyaa fi Kaataar Itoophiyaa irraa dabalatee biyyoota hedduu irraa dubartootni suuraa Kiiliyaan Imbaappee pirofaayilii miidiyaa hawwaasaa isaanii godhatan muraasa kan jedhaman miti.

Imbaappeen cimina kubba miilaa qabuun jaalatamuu qofa osoo hin taane dhaabbiin qaamaa fi bifti isaa gurraacha abbaa isaa lammii Kaameeruun tahanii fi harmee isaa bifaan adii lammii Aljeeriyaa tahan irraa argates hawwataa gochuu hin hafne.

Garuu akkuma namoota beekamoo kaanii waa’een jireenya jaalalaa isaa icciitiin kan qabamedha.

Barruun Man’s World jedhamu bara 2022 akkas jedhee barreesse: Kiiliyaan Imbaappeen jaalallee isaa kan turte Emaa Ismeet irraa erga adda baheen as moodelii beekamtuu Faransaay, Ines Raa’uu waliin jaalala jalqabuu hin hafne.

Akka gabaasa Delo Sport agarsiisutti ammoo Imbaappeen Festivaala Fiilmii Keensitti moodelii kan taate Ines Raa’uu waliin osoo bashannananii argameera.

Raa’uun akkuma harmee Imbaappee hidda dhaloota Aljeeriyaa kan qabdu yoo taatu, moodelii beekamtuu Faransaayidha.

Bara 2017 moodelii ‘Transgender’ jalqabaa tahuun fuuldura barruu Playboy irratti baate. Raa’un indaastirii fiilmii Hooliwuud keessattis beekamtuu yoo taatu saala ofii jijjiirachuu [transgender] tahuu kan jalqabde yeroo umuriin ishee ganna 17 ture.

Garuu yeroo umuriin ishee ganna 24 guutu adunyaatti dubartii tahuu ishee beeksifte.

Transgender jechuun yeroo dhalatte qaama saalaa qabduun dhiira jedhamtee booda ammoo dhalaa tahuuf murteessuu ykn akka dhalaatti waamamuu jechuudha. Ykn ammoo faallaa kanaas taha.

‘’Nama saala jijjiirate [transgender] tahuukoo osoo hin beeksisiin yeroo dheeraan jiraadhe.

Jaalala jalqabee garuu hunda isaanii dagadheera. Hiriyyaa dhiiraa argachuu dhabuun koo hedduu na yaadesseera. Akka waan adda tahe tokkoottan ilaalamaa ture. Kanarraa ka’uun eenyummaakoo isa dhugaa mul’isee jiraachuu qaba jedhee murteesse’’ jechuushee Delo Sport barreesse.

Dabalataan Imbaappeen waggootaaf moodelii beekamtuu Faransaay Aliishaa Ayilis waliin jaalalaan turuu himama.

The Sun akka gabaasetti, Imbaappeen Aliishaa waliin erga adda bahees haadha ijoollee lamaa kan taatee fi moodelii beekamtuu Beeljiyeem taate Rooz Bertiraam dubartii jedhamtu waliin turuu himama.

Bertiraam duraan taphataa beekamaa Nezerlaandis, Vaan der Weyil jedhamu waliin wal fuudhuun ijoollee lama godhataniiru.

Rakkoo isaan gidduutti uumameen adda bahuu kan himte Rooz Bertiraam amma nama biraa waliin waan hin jirreef jaalala nama fedhe waliin jalqabuuf qophiidha jettee ture.

Kun bara 2022 keessa yoo tahu, Imbaappee waliin deddeebi’anii argamuu isaanii miidiyaaleen gabaasaniiru.

Bertiraam umurii ishee wagga 13’n dhaabbata moodeling tokkoof mallatteesite. Umurii ishee wagga 16 ammoo hedduu beekamtuu tahuu irraa kan ka’e hojii beeksisaa mallaqa guddaa isheef argamsiisan hojjechuu jalqabde.

Ergasii abbaa ijoollee ishee waliin yeroo umuriinshee wagga 19 tahu wal baruun yeroo inni kileboota adda addaaf mallateessu Paarisii hanga Istaanbul achiis hanga Toroontootti waliin imalaa turte.

Imbaappee yeroo Monaakoof taphataa ture

Madda suuraa, Getty Images

Waggoota sagal tahanis waliin jiraataniiru. Booda dhibee sammuu fi amala badaa inni horateen adda bahuu kan himte Bertiraam dhiyeenya Kiiliyaan Imbaappee waliin jaalalaa jalqabuu Daily Mail barreesseera.

Imbaappeen faashinii hordofuun hedduu beekama. Dhaabbilee bebbeekamoo akka Dior, dhaabbata Isweezerlaand sa’aatii qaalii tahan omishu Hublot fi dhaabbata fuullee ijaa Oakley’f ammoo ambasadara tahee hojjechuun beekama.

Asitti dubartoota mimmiidhagoo fi moodelii hojii kana keessa jiran waliin wal arguun isaa hin hafne.

Rooz Bertiraam kan Imbaappeedhaan waggaa afuriin caaltu waliinis as keessatti wal baruu hin hafne.

Abbaan ishee lammii Beeljiyeem yoo tahan harmeen ishee ammoo tibbana Waancaa Afrikaan gahumsa guddaa agarsiisuun kan keessaa baate lammii Keep Verdeeti.

Lameen isaanii garuu ifatti bahuun waliin jiraachaa jiraachuu isaanii hin himne.

Arjummaa fi naamusa addaa

Kiiliyaan Imbaappeen kilaba PSG keessatti miindaa torbee paawondii miliyoona 1.2 ol argata. Garuu nama akkasumaan maallaqa balleessuuf bakka hin taanetti akka taphattota tokko tokkoo mancaasu miti.

Dargaggoota miidhaan adda addaa irra gahe gargaaruuf faawondeeshinii mataa isaa banee hojjechaa jira.

Imbaappeen kaffaltii garee biyyaalessaa Faransaay irraa argtu hundaa hojii tola-ooltummaaf karaa dhaabbata isaa oolcha malee dhuunfaatti hin fudhatu.

Kan malees, maallaqa hagamiiyyuu yoo kaffalameef dhaabbilee dhugaatii alkoolii beeksisan, tirgaa [betting] fi nyaata daandiirraa ykn ariitiin hojjetaman beeksisan waliin hin hojjetu.

Dhaabbilee kanneen akka uumatatti beekamani hin fedhu. Kun ammoo miidhaa inni dargaggoota irraan gahu hanbisuuf jedheeti.

Tirgaa [qumaara] Koka Kola fi nyaata akka Uber eats jedhaman tasumaa beeksisuu hin fedhu.

Imbaappeen maatiis tahe hiriyyoota isaa biratti arjaa jedhamuun beekama. Hiyyeessota gargaaraa. Tarii kun ganda harka qalleeyyiifi maatii harka qalleeyyiirraa waan dhalatee guddateef tahuu mala.

Beekamtiifi maallaqani argate hidda dhaloota isaa fi harka qalleeyyii irraa isa hin fageessine. Hawwaasa keessa deemuun dargaggoota jajjabeessa, akka ispoortii keessatti hirmaataniif maallaqaan gargaaraa tureera.

Bara 2018 tapha Waancaa Adunyaa Raashiyaa biyyi isaa injifatte irraa maallaqa argate Paawondii 400,000 tahu hojii tola-ooltummaa ijoollee gargaruuf kenne.

‘’Maallaqani akka naaf kaffalamu hin barbaadu, kaniin taphadhe maqaa biyyakoo waamsisuuf. Maallaqa gahaa nan qaba’’ jechuun barruu Taayimsitti hime.

‘’Maallaqa gahaa nan qaba. Namoota rakkatan hedduuti jiru. Warra rakkataniif harka diriirsuun waan ulfaatu miti,’’ jedhe.

Imaanu'eel Maakiroonii fi Kiliyaan Imbaappee

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2020 dhaabbata KM jedhamu hundeessuun ijoollee miidhamoo tahan 98 gargaaraa jira.

Ijollee kanneen mana barumsaa isaaniitti kan gargaaru yoo tahu, hanga isaan of danda’anii galii argachuu jalqabanitti akka itti fufu himeera.

Kiiliyaan Imbaappeen waliigaltee wagga sadii paawondii miliyoona 547 PSG irraa argata.

Imbaappeen osoo kilabicha gadhiisee baheyyuu maallaqni kun guutuun akka kaffalamuuf waliigaltee qaba.

Amanamummaa isaaf ammoo wagga waggaan paawondii miliyoona 61 argata.

Yoo barbaade ammoo kontiraata amma qabu irratti wagga lama dabalee dheereffachuu danda’a.

Silaa kan tahuu qabu kilabiitu yoo taphataa tokko barbaade waliigalticha dheeressa.

Imbaappeen garuu yoo ofii fedhe dheeressuu akka danda’u PSG waliin waliigaltee qaba.

Kiiliyaan Imbaappeen pirezidaantiin Fransaay Imaanu’eel Maakiroon gidduugaluun akka PSG keessa turu gaafannaan waliigalticha mallatteesse.

Imbaappeen galii hagas qabu cinatti dhaabbata yaada adda addaa adunyaa jijjiiruu danda’an maddisiisuu fi maxxansu Zebra Valley jedhamu Ameerikaatti baneera.

Abjuu ijoollummaa…

Yeroo taphni kubbaa hin jirre Kiiliyaan Imbaappeen akka ijoollee kaanii ala bahee taphataa hin oolu.

Taphataan ammaa Arsenaal Wiiliyaam Saalibaa abbaa Kiliyaan Imbaappee jalatti leenji’aa ture. Yeroo ijoollummaa isaa jechuukoti.

Garuu Imbaappeen hammuma isaan jiraatanillee jireenya ijoollee jiraateera jechuun hin danda’amu.

Maatiin isaa ilmi isaanii kun akka fagoo gahu hubatan yeroo boqonnaa isaatti adamsanii bakka taphattootni maqaa guddaa qaban akka Teerii Henerii, Ziinaddin Ziidaan fa’aa jiran geessanii wal isa qunnamsisu.

Harmeen isaa Faayizaa fi abbaan isaa Obbo Wiilfireed kana osoo hin nuffiin raawwataniiru.

Guyyaa tokko milkaa’anii yeroo Imbaappeen umuriin isaa wagga shan ture Teerii Henerii argatanii wal qunnamsiisan.

Heeneriin yeroo sana daa’ima rikardii isaa jalaa cabsu akka qunname waan hubate miti.

Imbaappeen rikardii Heneriin garee biyyaalessaa Faransaay irratti qabu lama cabse.

Kilaba Henerii, Monaakoofis, taphate. Dhumarratti akkuma harmee isaa Faayizaa lammii hidda dhaloota Aljeeriyaa kan qabu Ziidaan argate. Ziidaan yeroo sana akka rikardii shaampiyoons Liigii isa cabsu hin hubanne.

Imalli Imbaappee akkasiin jalqabe har’a adunyaa irratti taphataa qaalii maallaqa guddaan hin argamne isa taasise.

Roonaaldoo fi Imbaappee

Madda suuraa, Life Bogger

Kiiliyaan Imbaappeen eenyu?

Imbaappeen abbaa isaa lammii Kaameerun Wilfired jedhamaniifi harmee isaa lammi Aljeeriyaa taphattuu kubbaa harkaa tahan irraa Faransaayitti dhalate.

Walakkaa Paaris irraa km 11 fagattee kan argamtuu fi ganda uummatni harka qalleessa keessa jiraatu Bondii jedhamtu keessatti dhalatee guddate.

Gandi isaanii bakkeewan seena qabeeyyii akkuma qabdu bakka yakki itti hammaatu tahuunis beekamti. Kubbi miilaa ganduma kana keessaa ijoollee dandeettii addaa qaban akka Imbaappee filatte.

Abbaan isaa kilaba gandicha keessaa Bondii jedhamtu leenjisu waan tureef ilma isaanii yeroo inni daa’ima turee jalqabuun fudhatanii deemu ture.

Yeroo umuriin isaa wagga shan ture kan jalqabe Imbaappeen, yoo wagga kudhan guutu maatiin isaa taphataa jabaa akka tahu hubatan.

Harmeen isaa garee biyyaalessaa Farnsaayiif taphattuu cimtuu kubba harkaa waan turaniif hojii dirreen ala akkamiin ilma isaanii kana kilaba gurguddaatti akka fidan beeku ture.

‘’Galmakee ji’arra godhachuu qabda, yoo achirra gahuu hanqattellee duumessarra gahuu dandeessa waan taheef jedhe Imbaappeen dubbii ijoollummaa isaatti kenne tokko irratti.

Umuriin Imbaappee wagga 12 yoo tahu maatiin isaa kilaboota gurguddaa Awurooppaa dandeettii isaa ilaaluun mallattesisan bira geessuu jalqaban.

Jalqaba kan imalan gara Ingilaanditti yoo tahu, kilabni Landan Cheelsiin carraa kenneef.

Fakkeenya godhatee kan guddate Kiristaanoo Roonaaldoo waan taheef Ingilaand akka gahaniin suuraa Roonaaldoo kutaa kireeffatan keessa godhate.

Cheelsiinis daa’ima kana waamuun tapha Chaarlitan waliin qaban irratti hiriirsise.

Imbaappeen dandeettii jabaa qabu agarsiisuun taphicha 8-0 mo’atan. Qalbii isaatti na fudhatu jedhee gammadee gale.

Guyyaa sana Tobii Abraahm taphataa Chelsii duraanii amma Roomaaf taphatu fa’aa waliin taphate.

Chelsiin garuu hin barbaannu, dandeettiikee qoraamticha si hin dabarsine jechuun dhiise.

Imalli lammataa gara Riyaal Maadiriditti yoo tahu, Ziidaan waan achi jiruuf Imbaappeef carraa gaarii uume.

Roonaaldoo achitti arguun ammoo akka abjuun isaa milkaa’etti ilaale. Garuu ammas hin milkaa’iin hafe.

Har’a garuu Riyaal Maadirid Imbaappee miliyonota dhibaan kufee ka’ee barbaadaa jira.

Dhumarrti kilaba duraanii Henerii Monaakoof mallatteesse. Mudde 2, bara 2015 umurii isaa waggaa 16 fi guyyoota 347n Monaakoof taphachuun rikardii umurii xiqqaa duraan Heneriin qabate cabse.

Bara dorgommii isaa jalqabaa guutuudhaan galchii 26 lakkoofsisuun Monaakoon shaampiyoonaa tahe. Kanumaan bara 2017 Imbaappeen umurii xiqqaa Kanaan paawondii miliyoona 166 tahuun PSG gale.

Imbaappeen amma rikardii galchii PSG harkatti galfateera. Waancaa Adunyaa fi Liig 1 Faransaay mo'atee kan isa hafe waancaa Shaampiyoons Liigiiti.

Badhaasa Ballon d’Or biyyi isaa kennuu jalqabdeef kan abdatamu Imbaappeen, amma urjii Paaris kilabni adunyaa gurguddaan ijaan hawwaa ooltudha.