Umar Abdulqaadir Artaan: Murteessaa Kubbaa Miilaa AFCON irratti Somaaliyaa maqaa dhoofsisaa jiru

Umar Abdulqaadir Artaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Umar Abdulqaadir Artaan tapha Aljeeriyaa fi Moritaaniyaa wayita taphachiisu taphataa Aljeeriyaa hudhee qabe

Waancaan Afrikaa 34ffaa qopheessummaa Ayivoorii Koostiin gaggeefamu gara Nuusa Xumuraatti biyyoota darban gulaalee hanga raawwatutti ''raajiidha'' wantoonni nama jechisiisan hedduun ta'aniiru.

Biyyoonni Afrikaa sadarkaa FIFA'n kaaheen adda dureedha jedhaman shan haala hin eegamneen dorgommicha keessaa bahaniiru. Dorgommii darberratti biyyoota Nuusa xumuraatti ce'an keessaa tokkollee isa bara kanaatti hin milkoofne.

Biyyoota Baha Afrikaarraa biyyi tokkittiin hiree hirmaannaa argatte Taanzaaniyaan ramaddiishee keessaa hin darbine.

Ayivoorikoost akka hin tanetti marsaa mo'anii darbutti ceetee shaampiyoonaa dorgommii darbee Senegaaliin gaggeessiteetti.

Kana hunda keessatti biyyootni Baha Afrikaa akka Itoophiyaa, Keeniyaafi Somaaliyaa murteessitoota hirmaachisuun maqaa of dhoofsisaniiru.

Baamlaak Tasammaa taphoota ramaddiifi tapha mo'anii darbuu falmii jabaa keessummeessan murteessaa taphaa ta'uun hogganeera.

Somaaliyaan ammoo dargaggeessa ganna 29 Umar Abdulqaadir Artaan jedhamuun maqaanshee dorgommii kanarratti ka'aa ture.

Artaan tapha ramaddii isa xumuraa Aljeeriyaan Moritaaniyaatiin injifatamtee dorgommichaa ala taate irratti taphata Aljeeriyaa morma qabee yoo muggutu suurri agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti namootas dudubbachiisera.

Artaan murteessaa taphaa lammii Somaalii isa jalqabaa dorgommii Waancaa Afrikaarratti taphachise akka ta'e amanama.

Dargaggoo Artaan Waancaa Afrikaa kanarratti taphni jalqabaa taphachiise kan Tuniiziyaa fi Namiibiyaati.

Ergasii tapha tapha Aljeeriyaafi Moritaaniyaa, mo'anii darbuurratti ammoo tapha Ekuwaatoriyaal Giinii fi Giinii gahumsa olaanaan taphachiiseera.

Taphoota biroo irratti ammoo daanyaa arfaffaafi ogeessa murtee VAR ta'uun tajaajileera.

Barnoota qorannoo Misoomaan digirii jalqabaa qaba

Umar Abdulqaadir Artaan

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Umar Abdulqaadir Artaan bara 1995 aanaa Moqaadishoo jalatti argamtu Waadjiir keessatti dhalate.

Ijoollummaa isaatti akka ijoollee kaanii kubbaa waliin fiigee dhiituu caala daanyaa ta'uu akka filatu BBCtti himeera.

Keessumaa ji'a Ramadaanaa keessa ijoolleen ollaa garee ijaaranii wayita kubbaa taphatan inni daanyaa ta'uun taphachiisaa ture.

Artaan ijoollummaarraa eegalee fedha abbaa murtii kubbaa miilaa ta'uu qabaatus, deeggarsa maatii isaa akka hin arganne ibsa. Sadarkaa amma irra gahe kana kan qaqqabes tattaaffii oogummaa fi beekumsa isaa dabaluun akka ta'e ibseera.

Artaan hawwiisaa kana bira gahuuf tarkaanfiin jalqabaasaa waggaa 10 dura wayita dargaggeessa ganna 19 ta'ee jiru akka eegale ibsa. Bara 2014tti leenjii daanyaa arfaffaa isa gochuu danda'u fudhatee, liigii kubbaa miilaa Somaaliyaa isa sadarkaa sadaffaa keessatti taphachiisuu eegale.

Waggaa lama booda, bara 2016tti ammoo, leenjii daanyaa tokkoffaaf kennamu fudhate. Liigii biyyattii isa sadarkaa tokkoffaarratti yeroo duraaf garee beekamoo laman gidduutti falmii godhame murteessummaan yeroo taphachiisu yaaddoodhaan guutamee akka ture yaadata. Ammoo ''hedduun irraa baree'' jedha.

Umar Abdulqaadir Artaan

Madda suuraa, Artaan

Abbaan ijoollee lamaa Artaan yeroo jalqabaaf murteessaa taphoota idila addunyaa ta'uuf kan filatame bara 2018.

Artaan ammaan tana Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatti murteessaa taphaa idila addunyaa ta'uun galmaa'eera.

Dargaggeessi Somaaliyaa kun Waancaa Addunyaa Kataaritti gaggeefameef taphoota calallii godhaman sadii murteessummaan gaggeesseera.

Shaampiyoonsi Liigii Afrikaa keessattis murteessummaan ni hirmaata.

Artaan tapha Waancaa Afrikaa Ikuwaatoriyaal Giiniifi Giinii gidduutti godhame irratti kaardii diimaa tokko kenneen dabalataan dorgommii Afrikaa irratti kaardii diimaa si'a sadii caala hin kennine. Kaardii kennuttiis hin ariifatu.

Somaaliyaa keessatti teeknoolojii VARn deeggaramuun murtee kennuuf ogeessi jalqabaa leenjicha xumure Artaan akka ta'e dubbatama.

Artaan barnoota sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa magaalaa Moqaadishoo keessatti xumure. Digirii jalqabaasaa barnoota Development Studies (Qo'annoo Misoomaan) argateera. Gaa'ila ijaarratee, abbaa ilma tokkootis.

Yaada BBCf kenneen karoorrisaa gara fuulduraa Waancaa Addunyaarratti abbaa murtii ta'ee hirmaachuu akka ta'e himeera.