Waancaa Afrikaa 2021: Sababoota shanan garee biyyaalessaa Itoophiyaa qabxii dhabsiisan

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Afrikaa Kaameeruun qopheessite irratti Itoophiyaan garee ishee keessaa taphoota sadii taphachuun lama mo'amtee tokko qixa bahuun dorgommicha keessaa baate.
Garee ''A'' keessatti Kaameeruun, Burkina Faasoo fi Keeppi Verdee waliin ramadamte. Dorgommicha irraas qabxii tokko qofa argachuun keessaa baate.
Kana duras Waancaa Afrikaa, Afrikaan Kibbaa qopheessite irratti taphoota lama mo'amuun tokko qixa bahuun ture kan xumurte.
Haa tahu malee dorgommii 33ffaa Waancaa Afrikaa kana irratti gara marsaa itti aanuutti akka hin dabarreef maaltu gufuu isaanitti tahe? Muuxannoo dhabuu? Dogoggora taphattootni uuman? moo sababa biraatu jira?
Muuxannoo dhabuu
Leenjisaa Wubetuu Abaatee tapha xumuraan booda ibsa miidyaaleef kennan irratti akka marsaa itti aanuutti akka hin dabarreef sababa kan tahe taphattootni isaanii muuxannoo gahaa dhabuu akka tahe himaniiru.
''Taphattoota dargaggoota tahan baayyee qabna. Taphattootni kunneen muuxannoo argataa osoo deemanii haalotni kunneen fooyya'aa adeemu.
Waancaa Afrikaa itti aanu irratti deebinee dhufna abdii jedhun qaba,'' jedhan.
Miidiyaalee gurguddoo adda addaaf xiinxala barreessuun kan beekamu Firew Asiraat yaada leenjisaa kana sirriidha jedhanii taphattootni akka hanqina muuxannoo qaban himan.
''Taphattoota sadii qofatu dorgommii kanaan duraa irratti taphachuun muuxannoo qaba. Isaan keessaas jamaal karra eegaa sadaffaa tahuun waliin imalus hin taphanne. Shimallis ammoo sababa miidhamaan hin taphanne. Geetaanee Kabbadaa qofatu taphachuu danda'e.''
Taphattoota amma Kaameerunitti imalanii deebi'an keessaa muraasni isaanii qofti dorgommii Chan Ruwaandaatti qophaa'e irratti akka hirmaatanii turan Firew yaadachiisera.
Garuu dorgommii gurguddaa akka Waancaa Afrikaa irratti hirmaachuudhaan garee muuxannoo hin qabne jecuun ni danda'am.
Leenjisaa Wubetuu Abaataa irra caalaan taphattoota isaanii pirimer Liigii Itoophiyaa keessa kan taphatan tahuu himanii waan gaariin argatan tokko yoo jiraate muuxannoo tahuu himaniiru.
''Muuxannoon halkan tokkotti hin argamu. Knaafidha taphoota irratti hirmaachuun muuxannoo argachuu qabna jedhee kanan amanuuf.''
Haa tahu malee Fireew, ''Waancaa Afrikaa kana irratti garee gurguddaa kan mo'atan kan akka Ikkuwaatooriyaal Giinii fi Komooroos yoo ilaallu taphattootni isaanii irra caalaan kilaboota xixiqqaa Faransaay, Ispeenii fi Xaalaiyaanii keessatti diviiziyona gadii keessa kanneen taphatanidha,'' jedhe.
''Kana ilaallee taphattootni keenya biyyuma keessa taphachuu isaaniin miidhaman jechuun amansiisuu dhiisuu danda'a. Tarii Liigiin keenya isaan xixiqqaadha jedham sanarrayyuu kan gadi bu'e tahuu danda'aa laata? Ani hin beeku.''
Dogoggora taphattootaa
Waaliyaawan kana durayyuu kan ittiin beekamanii fi dorgommii kana irrattis kan irratti mul'ate dogoggoroota sasalphaa tahan hojjechuudhaani.
Bara 2013 dorgommii Waancaa Afrikaa, Afrikaa Kibbaatti qophaa'e irratti ramaddii isaanii keessaa tapha Zaambiyaa waliin taphatan irratti karra eegaan sarara isaan alatti bahuun balleessaa hojjetee kaardii diimaan dirree keessaa bahe.

Madda suuraa, Getty Images
Fireew ammas dorgommii kana irratti tapha jalqabaa irratti taphataa tokko kaardii diimaan dhabuun rakkoo mul'atedha jedhe.
''Kaardii diimaa [Yaared Baayyahi balleessaa taphataa Keeppi Verdee irratti hojjeteen argate] kaasuu dandeessa. Dammaquu dadhabuu fi kubba saffisa qabu hubachuun tarkaanfii fudhachuu dhabuun irraa mul'ata.''
Gareen kun Kaameeruun waliin taphatee galchii 4 fi 1, Keeppi Verdee waliin 1 fi 0, akkasumas Burkina Faasoo waliin qixa tokko tokkoon kan xumurame irratti galchiiwwan irratti lakkaa'aman kubba sasalphaa ittisuu fi hanbisuun danda'amu ture jedhe Firew.
Firew akka jedhutti kubbi Waaliyaawwan walif daddabarsuun sarara gidduu gahu deebi'ee isaanuma irratti yeroo balaa fidu mul'ataa tureera.
Dammaqanii taphachuu dadhabuun amma qofa osoo hin taane taphoota gulaallii irrattis mul'ataa ture.
Leenjisaan garee biyyaalessaa Wubetuu Abaataa tapha Keeppi Verdee waliin taasisan booda ibsa miidiyaaf kennaniin galchiin tokkittii galte sababa dammaqanii ittisuu dhabuun akka tahe himaniiru.
Tooftaa taphaa
Tapha Kaameeruunii fi Keeppi Verdee waliin taasisan irratti lakkoofsaan yoo ilaalle caalamanii ture.
Tapha jalqabaa irrattis irra caalaa isaa taphattoota 10nin taphatanis kubbaa to'atanii taphachuu duraan ittiin beekaman isaan irraa hin mul'anne.
Kaameeruun waliin yeroo taphatan boqonnaa dura gahumsi agarsiisan dinqisiisaa tahus , boqonnaa booda garuu caalamaniiru.
''Keessumaa naannoo galchii morkattoota keenyaatti waan nama quubsu hin agarsiifne,'' jedhe Firew.
Tapha xumuraa Burkina Faasoo waliin taasisan irratti Waaliyaawwan kubba to'atanii taphatanis naannoo galchii Burkina Faasotti garuu gahumsa guddaa hin agarsiifne jedhe.
Kubba qabatanii taphachuu garee barbaadu tahus dirree isaa keessatti qofa kubba daddabarsuun kan taphate tahuu huanne. Sochiin gara fuulduraatti taasisaa tures hamma kana sodaachisaa hin turre..''
Firew garee kana iraa kan hubate yoo himu ''karoora B illee akka hin qabnedha.'' Taphataan tokko miidhamaan, kaardii diimaan ykn jijjiiramee yoo bahu guutumman guututti haala taphichi itti gaggeefama ture jijjiira jedhe.
Gahumsa qaamaa Taphattootaa
Leenjisaa Wubatuu Abaatee taphattootni koo rakkoo gahumsa qaamaa osoo hin taane xiinsammuun dadhabuu taha jedhan.
Firew garuu ''kun waan ifa tahe dadhabina qaamaatu ture'' jedhe.
Taphoota irratti kubba 50/50 tahan morkatanii fudhachuu, kubba qilleensa irra dhufu morkattee harkaa fudhachuu fi taphataa sarara ittisaa taphattoota sarara cinaa saffisaan dhufan dhaabuu danda'an qabnaa?
Firew dabalatee namootni kubba jaalatan miidiyaa hawwaasaa irartti taphattootni Itoophiyaa isaan kaan irraa qaaman akka xiqqaatan barreessaa turan.
Dabalataan taphoota akkasii irratti gahumsaa fi cimina qaamaa kanq abuu fi morkattoota dhaabuu danda'an akka Gaatooch Paanoom taphachiisuu dhabuun ijoo dubbii ture.
Hiriira taphattootaa leenjisichaa
Leenjisaa Wubatuu Abaatee duraan hiriira taphattootaa 4-4-3 fayyadamuun beekamu.
Haala kanaan dursaa taphattootaa Geetaanee Kabbadaa sarara duraa irra, bara darbe Piriimer Liigii Itoophiyaan galchii hedduu lakkofsisuun tokkoffaan kan xumure Abubakar Naasir karaa bitaa, Amaanu'eel G/Mikaa'el ykn Daawwaa Hooxxeessan ammoo karaa mirgaa taphachisaa turan.
Garuu tapha xumuraa Burkina Faasoo waliin taphatan irratti 4-2-3-1 fayyadaman. Xiinxaltootni kubba miilaa hedduun akka jedhanitti fakkeenyaaf Abubakar Keeppi Verde irratti karaa mirgaa, Kaameeruun irratti fuulduraan, Burkina Faasoo irratti karaa bitaa taphachuun isaa gahumsa qabu akka itti hin fayyadamne taasiseera jedhan.

Madda suuraa, Fifa Museum on Twitter
Isa qofa osoo hin taane taphattootni kaanis bakka kilaba isaanii keessatti taphatanin alla garee biyyaalessaa irratti akka taphatan taasifamuun isaanii sirrii miti jedhu namootni hedduun.
Fireew ammoo kun kan tahu taphattootni amma gahumsi isaanii gadi bu'eeru garee keessatti hammatamuu yookaan ammoo taphattootni gahumsa gaarii irra jiran filamuu dhabuu irraa kan ka'e tahuu mala jedhe.
Hiree Waaliyaawwan fuulduraa
Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa bara faranjoota dhufutti carraa waancaa Afrikaa irratti hirmaachuu qabu. Garuu taphoota gulaallii kanneen irratti rakkoo olitti ibsamanii fi kaanis furuun akka isaan irraa eegamu namootni baay'een irratti waliigalu.
''Dirqama dorgommii eeguu hin qabnu. Gareen kun walitti qabamuun taphoota michummaas tahu gaggeessuu qaba,'' jedhe Fieew.
Kana malees dhalattoota Itoophiyaa liigota alaa keessa taphatan gahumsi isaanii kan caalu yoo tahe waamamuu akka qaban dhaame. Dorgommii kna irratti gareen taphattoota liigota alaa keessa taphatan hin qabne Itoophiyaa qofaadha.
Waancaan Afrikaa 2023 qopheessummaa Ayivori Kostiin ni gaggeeffama jedhamee eegama. Dorgommichi haala hin baratamneen yeroo gannaa keessa ji'a Waxabajjii fi Adoolessaa keessa gaggeeffama jedhamee eegama.














