Waancaa Afrikaa 2021: Itoophiyaan Waancaa Afrikaaf waggaa saddeet booda dabarte

Garee Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waggaa 8 booda Waancaa Afrikaatti kan darbe

Madda suuraa, EFF

Ibsa waa'ee suuraa, Garee Kubbaa Miilaa Itoophiyaa waggaa 8 booda Waancaa Afrikaatti kan darbe

Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2021'f taphatamaa jiruun Itoophiyaan guyyaa har'aa, Kibxata, dirreen ala Kooti Divu'aar morkachuun 3fi1'n mo'amte.

Haa ta'u malee, sa'aatii walfakkaataatti Madagaaskaarfi Niijar taphatanii galchii malee qixa waan bahaniif Itoophiyaaf carraa gaarii uume.

Kanaanis, Koti Divu'aaritti aansuun Ramaddii K irraa Waancaa Afrikaa 2021 Kaameruunitti qophaa'utti darbuu dandesseetti.

Itoophiyaan tapha Waancaa Afrikaa 2021 irratti hirmaachuuf Kotidivu'aar injifachuu yookiin tapha Madagaaskaariifi Niijer eegun dirqama itti ta'ee ture.

Bara 2013 booda jechuunis waggoota 8 booda gareen Waaliyaa waltajjii kubbaa miilaa Afrikaatti hirmaachuu mirkaneeffatan.

MM Abiy Ahimad kana dura qabxii gareen Itoophiyaa argate akkuma dinqisiifatanii tapha ittaanuufis milkaa'ina hawwan, injifannoon garee Itoophiyaa erga dhagahamee booda ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Itoophiyaan akkamiin dabarte?

Gulaallii kanaan Ayivorii Kost, Maadagaaskaar fi Niijer wajjin kan ramadamte Itoophiyaan, marroo duraan Madagaaskaariin 1fi 0n mo'amtee kan turte oggaa tahu, tapha ittaanee Baahirdaaritti taphatameen Ayivorii Koostiin 2 fi 0n mo'atteetti.

Achiis gara Niijaritti imaluun 1 fi 0n mo'amanis, tapha lammeessoon ammoo 3 fi 0n injifataniiru.

Achiis Baahirdaaritti Maadagaaskaar keessummeessuun 4 fi 0n injifachuun, ramaddii kana qabxii sagaliin dursaa turan.

Ramaddii kana keessa taphni murteessaan jedhamu kan Ayivorii Kost fi Nijer gidduutti adeemsifame oggaa tahu, Ayivoorii Kost 3 fi 0n Nijeeriin injifatteetti.

Tapha Kibxataa dura Ayvorii Koost darbuu ishee mirkaneeffattee turte. Ta'us, tapha ramaddii xumuraa Itoophiyaa waliin taasisteen 3fi 1'n injifatte. Kanaanis, qabxii 13'n dabarte.

Tapha Kibxataan Ayvorii Koost Itoophiyaatin 3fi 1'n injifatte

Madda suuraa, ISSOUF SANOGO

Ibsa waa'ee suuraa, Tapha Abijaanitti gaafa Kibxataa taphatameen Ayivoorii Koost Itoophiyaatin 3fi 1'n injifatte

Gareen Itoophiyaa immoo qabxii sagaliin ramaddii isaarraa lammaffaa ta'e Waancaa Afrikaa Kaameruun qopheessituuf darbe.

Waancaatti darbuu Itoophiyaaf taphni Madagaaskaariifi Niijer guddoo gumaate.

Biyyoonni kaan darbuu mirkaneeffatan kami?

Taphoota gulaallii Waancaa Afrikaa haga Wiixataa taasifamaniin, biyyoonni darbuu isaanii mirkaneessan adda bahaniiru.

Kanaanis gareewwan biyyaalessaa 24 dorgommii Kaameruun qopheessitu kanarratti hirmaatan keessaa 20 baramaniiru.

Taphoota gaafa Wiixata taasifamaniin Maalaawiin 1 fi 0n Ugaandaa mo'achuun dorgommicharra seenaa keessatti yeroo sadaffaaf carraa hirmaachuu argatte.

Taphoota torban dabreen Gaambiyaa, Komoros, Gaabon, Gaanaa, Masrii, Zimbaabweefi Ikuwaatoriyaal Giinii dorgommii Kaameroon qopheessitu irratti hirmaachuuf carraa argachuusanii mirkaneessaniiru.

Gaambiyaan biyya Angoolaa 1 fi 0'n mo'achuun yeroo duraatiif Waancaa Afrikaaf dabarteetti.

Asuma ramaddii D jalatti kana argamtu Gaaboon 3 fi 0n DR Kongoon mo'achuun biyya hirmaattu ishii biraa taateetti. Kanaanis Gaabon erga dorgommiin 2019 erga ishee jala tare booda, carraa waltajjii kanaatti deebiyuu argatteetti.

Obaamaayaang, Deenis Buwaangaa fi Aron Buwuppenzaa galchiiwwan sadan galchaniiru.

Gama kaaniin ramaddii F jalatti kan argamtu Masriin ammoo qabxii ishee barbaachisu tokko tapha Keeniyaa wajjin gooteen argachuun darbuushee mirkaneessite.

Tapha Kamisa Naayiroobitti taphatameen biyyoonni lamaan 1 fi 1n gargar bahan.

Waancaa ykn Geeba Afrikaa harka qabate

Madda suuraa, Getty Images

Maqaa masoo Fari'oonota jedhamuun kan yaamaman gareen Masrii, Komoros wajjin qabxii walqixa tahe sagal qabu. Keeniyaan ammoo qabxii afuriifi Togoon ammoo qabxii lamaan dhumarra argamti.

Biyyoonni amma duratti carraa hirmaachuu hin arganne, erga 2019 as lakkoofsi biyyoota dorgomanii 16 irraa gara 24tti guddachuu isaan fayyadamoo tahaniiru.

Ramaddii C keessaa ammoo Afrikaa Kibbaa wajjin 1 fi 1n kan adda baate Gaanaan, dorgommichatti makamuushee mirkaneessite.

Gama kaaniin Zimbaabween 1 fi 0n Botiswaanaa mo'atteetti. Aljeeriyaan ammoo ramaddiidhuma kana keessaa Zaambiyaa wajjin 3 fi 3n walqixa bahan. Kanaanis Zimbaabwee fi Aljeeriyaan ramaddii kana keessaa dabraniiru.

Gama kaaniin ammoo galchii Emiliyoo Nisuu lakkoofsiseen Taanzaaniyaan kan mo'atte Ikuwaatoriyaal Giiniin, dorgommichatti makamuu mirkaneessite.

Liibiyaa 2 fi 5n kan mo'atte Tuniziyaan durumayyuu darbuushee mirkaneessiteetti. Gareen Liibiyaa galchii hedduun mo'amanis, uggura ganna torbaan booda biyyi isaanii dirreessaanirra taphachuu arguu isaaniitiin gammadaniiru.

Dorgommii Kaameroon qopheessitu kanarratti gareen hirmaachuuf darban garri caalu baramaniiru.

Taphni Waancaa Afrikaa marroon 33ffaa weerara koronaavaayirasiif jecha waggaa tokkoon achi siquunsaa ni yaadatama.