Waancaa Afrikaa 2021: Gahumsi biyyoota garee biyyaalessaa Itoophiyaa waliin ramadamanii maal fakkaata?

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Afrikaa bara 2021 Amajji 9 irraa eegaluun Kaameerunitti gaggeeffamuu jalqaba. Waancaan kun sababa koroonaavaayirasiin waggaa tokkoof duubatti hafee ture.
Garee A keessatti qopheessituu kan taate Kaameeruun, Burkinaa Faasoo, Itoophiyaa fi Keep Verdee hammata. Ramaddiin kun garee biyyaalessaa Itoophiyaa fi gahumsa isaanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu maal akka fakkaatu BBC'n qopheessera.
Dilbata Amajji 9 - Kaameeruun v Burkinaa Faasoo, Itoophiyaa v Keep Verdee
Kamisa Amajji 13- Kaameeruun v Itoophiyaa, Keeppi Verdee v Burkinaa Faasoo
Wiixata Amajji 17- Burkinaa Faasoo v Itoophiyaa, Keeppi Verdee v Kaameeruun
Kaameeruun

Madda suuraa, Getty Images
Njie Enow (Hogganaa Ministera Ispoortii Kaameeruun): Waggoota sadii dura Kaameeruun Waancaa Afrikaa keessaa marsaa 16ffaa keessatti kuftee keessaa baate.
Kaayyoon qopheesitootaa waancaa Afrikaa kana irratti medaaliyaa mo'achuu akka tahe himan.
Lammiin Poorchugaal Antooniyoo Konshekayoo erga Fulbaana 2019 as leenjisaa Kaameeruun tahuun hojjechaa jiru.
Leenjisaan kun akkuma taphni jalqabeen tapha saffisaan injifachuu jaalatu.
Gareen Kaameeruun saraqra gidduu to'achuun taphatu. Taphataan Naappoolii Andiree Firaanki Zamboo Angiisaa, sarara giduu irratti cimina guddaa qabu irraa ka'uun kubba daddabarsuu danda'u.
Fuulduraan ammoo taphataa sarara duraa Bayern Munik, Erik Maaksiim Choop Motiing fi taphataa Liyoon Karli Tookoo Ekaampii itti gaafatamummaa guddaa fudhataniiru.
Addabbii yeroo dheeraan booda ji'a Sadaasaa keessa gara taphaatti kan deebi'e karra eegaan Kaameeruun Andiree Onaanaan filannoo jalqabaa akka tahu shakkii hin qabu. Gahumsa gulaallii Waancaa Adunyaa irratti Ayivoorii Kosti waliin taphatan irratti agarsiise bakka isaa kabachiisaaf jedhamee amanama.
Burkina Faasoo

Madda suuraa, Getty Images
Muusaavoo Biilaa (Gaazexessaa Ispoortii, Ogaaduuguu]: Bara 2019 hin hirmaanne. Burkina Faasoon Waancaa Afrikaa darbe Masiriin qopheesite dagachuu barbaadu. Homaa sanaas humna balleessan hin qaban.
Akkuma morkattoota isaanii garee A keessaa, akkuma morkattoota isaanii kaanii carraa gara marsaa biyyoota 16tti cehuu qabu.
Garee dargaggoota baay'ee akka Herve Kofii, Edmoondi Tapsoba, Isaa Kaboree, Bertiraandi Tiraaoree fi Gustaavoo Sangaaree qabatee kan dhiyaate yoo tahu, gareen kun akka gaabbiitti hin galleef waan hundayyu ni taasisu.
gahumsa qaban cinatti ammoo gareen kun xiinsammuu cimaan akka dhufan abdii qabu. Gareen kun kaayyoo isaa galmaan gahuu irratti qofa akka xiyyeeffatuuf ogeessa xiinsammuu wagga kana jalqaba irra fidaaniiruuf ture.
Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Kaleb Moges (BBC Afaan Amaaraa): Waggoota sagal booda gara Waancaa Afrikaa 2021tti deebi'uun isaanii leenjisaa Wubetuu Abaateefi garee isaaf carraa gaariidha. Hundeessituu dorgommichaa kan taate Itoophiyaan, gahumsa akkamii akka qabdu agarsiisuuf isaan gargaara.
Leenjisaa Wubetuu Abaatee kubba gabaabaa gareen Itoophiyaa taphachuun beekamu keessatti gahee ol aanaa qabu.
Taphataan sarara gidduu beekamaa Shimallis Baqqalaa fi dursaa taphattootaa Geetaanee kabbadaa garicha yoo dursan, taphattaa dargaggoo Abubakar Naasir, Pirimer Liigii Itoophiyaa irratti galchii hedduu lakkofsisuun kan xumures nama ija irra godhatanidha.
Wubetuu Abaatee haala taphaa 4-3-3 Waancaa Addunyaa fi Waancaa Afrikaa irratti kan beekaman yoo tahu, Abubakar Naasir, Geetaanee fi sarara gidduu irra kan taphatu Daawwaa Hoxxeessaa fayyadamuun garee morkattotaa irratti dhiibbaa gochuu danda'u.
Gareen kun ammallee guddachaa kan jiru yoo tahu, gara marsaa biyyoota 16tti makamuun qabxii guddaa tahuu danda'a.
Keeppi Verdee

Madda suuraa, Getty Images
Luusiyoo Antunes (Leenjisaa duraanii Keep Verdee): Kubbi Miilaa Keeppi Verdee erga bara 2013 as ni haaromfame.
Yeroo jalqabaaf waancaa Afrikaa irratti hirmaanne. Kun kubbi miilaa keenya Afrikaa fi Awurooppaatti akka beekamu nu gargaare.
Federeeshiniin Kubba Miilaa pirojektii guddattootaa qaba ture. Yeroo inni jalqabu Keeppi Verdeen addunyaa irraa sadarkaa 126ffaa turte. Hanga 27ffaa taanutti deemne. Hojii federeeshinicha hanga ammaa hojjetetti ni boonna.
Garee keenyaaf waan hunduu gaarii tahee deemaa jira jennee abdanna. Taphattoota gahumsa qaban qabna, tahus ammallee dargaggootaafi muuxannoo gahaa hin qaban.
Leenjisaan keenya cimaa, muuxannoo kan qabuu fi Kubba miilaa Afrikaa nama beekudha.
Garichi qindoomina jabaa kan qabuu fi ittisa cimaatiin fuulduraan ammoo deebisanii taphachuun qophaa'eera.
Kaameeruun carraa guddaa qabdi. Nuyii fi Burkina Faasoon ammoo gara marsaa itti aanuutti darbuuf wal morkanna. Gareen Itoophiyaa garee dadhabaa ramaddii keenya keessa jirudha. Garuu kabajaa isaaniif qabna.
Gara marsaa itti aanuutti ni darbina. Garuu 16 keessaa darbuuf ammoo morkataa keenyatu murteessa. Sana caalaa akka deemuu dandeenyu abdiin qaba.













