Taphattoota Pirimiyeer Liigii keessatti beekaman keessa eenyufaatu Waancaa Afrikaarratti hirmaata?

Madda suuraa, Rooyitars
Waancaan kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa ji’a dhuftu eegaluurratti hirmaachuuf taphattoonni Pirimiyeer Liigii 40 ta’an gara Kaamerunitti qajeeluuf jiru.
Waatfoord taphattoota tapha Waancaa Afrikaa kanarratti hirmaachuuf ulaagaa guutan jaha qabaachuun kilaboota hunda caalaa miidhamaa taha.
Haata’u malee, taphattoonni lama miidhamarraa kan ka’e itti hin hirmaatan.
Arseenaal, Kirstaal Paalaasiifi Leezister tokkoo tokkoon isaanii taphattoota afur, afur gaggeessuuf deemu.
Livarpuul Mohaammad Saalaah, Saadiyoo Maanee dabalate taphattoota sadii tapha kanaaf erguuf jiran.
Cheelsiin ammoo karra eegaa malee hafuuf deema- Iduwaard Mendiifi Hakim Ziyech garasitti qajeeluuf jiru.
Taphattoonni kunneen tapha ‘FIFA Club World Cup’ fi taphoota liigii Livarpuul, Maanchiistar Siitiifi Tootinhaam waliin taphatamu fa’aa dhabuuf jiru.
Gama biraatiin, kilaboonni Liids, Noorwich, Niwukaasiliifi Tootinhaam taphattoota sababa kanaaf dhaban homaa hin qaban.
Taphni waancaa biyyoota Afrikaa hanga Amajjii 9 dhuftutti hin eegalu.
Seerri FIFA akka jedhutti, kilaboonni taphattoota isaanii torban dorgommiin eegalamutti Wiixata ganamaan gadhiisuu qabu jedha- kunis Mudde 27, 2021.
Taphattoonni gara Ingilaanditti kan deebi’an Guraandhala 6tti erga gareen isaanii injifatamanii, sadarkaa sadaffaafi xumura argatanii booda.
Haata’u malee, kilaboonni hedduun isaanii guyyaa taphattoota isaanii gadhiisan duubatti akka harkifatuuf gareewwan biyyoota gara garaa wajjin waliigalaa jiru.
Waldaan Kilaba Awurooppaa (ECA) sababa COVID-19 irraa kan ka'e "fayyaa hawaasaa hammaachaa jiruun" nageenya taphattootaaf guddaa yaada'uu ibsuun qama sadarkaa idil-addunyaarratti himma kubbaa miilaa to'atu FIFA waliin atattamaan dubbachuu barbaada.
Gareen taphattoota isaanii beeksisan ammallee kan hin jirre ta'ullee taphattoonni kunneen Piriimer Liigii keessaa akka deeman beekameera.
Waatfoord (6)
Ismaa'ilaa Saar (Senegaal)*, Piiter Eteboo*, Immanu'eel Deniis, Wiliyaam Tiruust-Ekoong (hundi isaanii Naajeeriyaa), Adam Masinaa, Imraan Lowuzaa (lachanuu Morookoo)
*Saar fi Eteboon sababii miidhamaan hafuu danda'u.
Arsenaal(4)
Tomaas Paartii (Ghanaa), Piyeer-Emeriik Awubaamaayaang (Gaabon), Nikolaas Peeppee (Ivorii Kost), Mohaammed Elnenii (Masirii)
Kiristaal Palaas (4)
Chiikooh Kowuyaatee (Senegaal), Jefirii Iskulaap, Jordaan Ayewu (lachuu Ghanaa), Wilfreed Zahaa (Ivorii Kost)
Leester Siitii (4)
Kelechii Iyenaachoo, Wilfreed Diidii (lachanuu Naajeeriyaa), Dani'eel Amaartii (Ghanaa), Nampaliis Mendii (Senegaal)*
Aston Viilaa (3)
Bertiraand Tiraahoree (Burkinaa Faasoo), Tirezeguheet (Masirii), Marvelas Nakambaa (Zimbabuwee)
Birentifoord (3)
Firaank Oniyeekaa (Naajeeriyaa), Tariik Fosuu (Ghanaa), Juuliyaan Jiinviyer (Giinii)
Liiverpuul (3)
Nabii Keetaa (Giinii), Mohaammed Saalaah (Masirii), Saadiyoo Maanee (Senegaal)
Chelsii (2)
Eduwaard Mendii (Senegaal), Hakiim Ziyeech (Morokoo)
Evertan (2)
Aleks Iyoobii (Naajeeriyaa), Jiin-Filiip Bamiin (Ivorii Kost)
Maanchester Yunaayitid (2)
Eriik Beelii, Amaad Diyaaloo (lachanuu Ivorii Kost)
Saawozhampitan (2)
Muusaa Jeneppoo (Maalii), Mohaammed Saalisuu (Ghanaa)*
Wolverhampitan Wanderers (2)
Wiilii Bolii (Ivorii Kost)*, Romeeyin Saahis (Morookoo)
Biraayitan fi Hoov Albiyoon (1)
Yves Bisuumaa (Maalii)
Barnilee (1)
Maaksiweel Koornekt (Ivorii Kost)
Maanchester Siitii (1)
Riyaad Mahareez (Aljeeriyaa)
West Haam Yunaayitid (1)
Sa'id Benraahmaa (Aljeeriyaa)
Liids Yunaayitid (0)
Niiwuukasil Yunaayitid (0)
Noorwichi Siitii (0)
Tootinhaam Hotispaar (0)
Yeroo taphattoonni biyyoota Afrikaa Waancaa Afrikaaf deemanitti taphoonni gurguddoon miidhamu jehaman isaan kam?
FA Kaap marsaa sadaffaafi afraffaa
Dorgommii Waancaa Kilaboota Addunyaa Chelsiin taphatu
Mudde 28: Leester v Liiverpuul
Amajji 1: Arsenaal v Maanchester Siitii
Amajji 2: Chelsii v Liiverpuul
Amajji14: Biraayitan v Kiristaal Palaas
Amajji15: Maanchester Siitii v Chelsii
Amajji16: Tootinhaam v Arsenaal
Amajji 23:Chelsii v Tootinhaam













