CECAFA: Taphattooni garee kubbaa miilaa dubartootaa Itoophiyaa ganna 20 gadii shaampiyoonaa ta'an

Madda suuraa, EFF
Gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa ganna 20 gadii waldorgommii kubbaa miilaa Bahaafi Giddugala Afrikaa kan taphattoonni biyya keessaa irratti hirmaatan, CECAFA, irra aanuun waancaa fudhate.
Waldorgommiin kuni biyya Baha Afrikaa Yugaandaatti adeemsifamaa ture.
Guyyaa har'aa waaree booda qopheessituu dorgommichaa Yugaandaa kan morkatan taphattoonni Itoophiyaa 3fi 2'n injifatanii waancaa fudhatani.
Taphni boqonnaa duraa olaantummaa Yugaandaan 2fi 0'n xumuramee ture.
Boqonnaa booda garuu Radi'et Asrassaahany, Iriyeet Idongii akkasumas daqiiqaa 82'ffaa irratti Turist Lammaan galchii galchiteen irra aanuu danda'aniiru.
Wanti ijoo biroo tapha har'aa irratti karri eegduu Itoophiyaa daqiiqaa 8ffaa irratti kaardii diimaan baatetti.
Sababa kanaaf yeroo dheeraa gareen Itoophiyaa taphattoota 10 qofaan taphate.
Akka Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa ibsetti gareen Itoophiyaa taphoota afur dorgommii kana irratti taasise afranuu mo'achuu danda'eera.
Wal morkii Yugaandaa taasifame irratti biyyoonni jaha hirmaataniiru.
Kunneenis narsaadhaan erga taphataa turanii booda guyyaa har'aa tapha sadii taphatameen xumurri baramaeera.
Itoophiyaan wal morkii kana waan injifatteef Waancaafi medaaliyaa warqee yoo fudhattu Yugaandaafi Taanzaaniyaan lammaffaafi sadaffaa bahani.
Kanaanis medaaliyaa meetiifi nahaasa argatani.














