Piriimer Liigiin Itoophiyaa satalayitaan tamsa'uunsaa jijjirama akkamii qaba?

Kubbaa goolii galte

Madda suuraa, Getty Images

Piriimer Liigiin Itoophiyaa bifa haaraan caaseffamee erga gaggeeffamuu jalqabee wagga 25ffaa isaati.

DStv'dhaan darbuu kan jalqabe ammoo bara dorgommii darbe irraa eegaluunidha.

Piriimer Liigii Beetinii Itoophiyaa 25ffaan Fulbaana 8/2014 jalqabuun taphatamaa ture.

Tamsaasni salalaayitichaa biyyoota Afrikaa hedduu keessatti hojjeta. Kanaaf karaa Dstv Piriimer Liigii Itoophiyaa bakkuma jiranii hordofuun ni danda'ama jechuudha.

Kana dura naamusni taphattootaa fi deeggartootaa, gahumsi murteessitootaa fi gahumsi namoota liigicha gaggeessanii rakkolee liigicha mudataa turandha.

Yeroo dhiyoon as garuu fooyya'insa agarsiisaa dhufeera. Kanaafii laata haguugii tamsaasa Dstv kan argate?

Firew Asiraat Piriimer Liigii Itoophiyaa keessatti hakiima tahuun tajaajila. Kana malees tamsaasa adda addaaf waa'ee Piriimer Liigii Itoophiyaa barreessuun beekama.

''Mucaa Hawwaasaa waanan taheef jaalala kubba miilaa keessatti kan kufe Hawwaasaa Kanamaa, Poolisii Kibbaa, Sidaamaa fi kaan ilaalaa turuunidha,'' jedhe Firew.

Liigichi tamsaasa bal'aa argachuu isaani akka gammades hima.

''Taphattootni keenya ni ilaalamu''

Liigichi akka rdichaatti tamsa'uun isaa haguuggii bal'aa argachuu tahus faayidaa bira qabaata.

''Nuyi lammiileen Itoophiyaa kubba miilaa jaalanna. Gara dirretti yeroo gallu tapha guddaa fi xiqqaa hin jennu. Deeggarsi keenya bifaa fi miidhagina addaa qaba. Dubartootnii fi ijoolleen gara dirree dhufu. Dstv'n kana agarsiisuu dandaheera. Biyyootni kaan lammiileen Itoophiyaa kubba jaalatu akka jedhan godheera,'' jedhe.

Bara darbe dirree cufaatti gaggefamus bara kana hanga dirreen qabachuu danda'u irraa nuusni akka galan godhamuun isaa waan gaariidha jedhe.

Teessuma istaadiyemii

Madda suuraa, Getty Images

Piriimer Liigiichi carra tamsaasa Dstv argachuun isaa taphattootni keenya akka isaan carraa biyya alaa argatan isaan gargaara jedhan.

Taphattootni Itoophiyaa liigota alaa keessa hin taphatan jedhama. Amma garuu taphattootni carraa of agarsiisuu waan qabaniif liigotni fooyyee qabanii fi namootni taphattoota ilaaluun mallatesisan carraa isaan arguu qabaatu jedhe.

Bara darbe Faasil Kanama waliin waancaa kan mo'ate Mujib Qaasim bara kana gara kilaba Aljeeriyaa JS Kabil deemuun ni yadatama.

Barreessaa ol aanaan Federeshinii Kubba Miilaa Itoophiyaa Baahiruu Xilahun haguugiin Dstv kun kubbi miilaa keenya akka gurguramuuf gargaara jedhan.

Faayidaa Maallaqaa

Kilebootni Piriimer Liigii Itoophiyaa irratti hirmaatan Dstv irraa karaa 'Broadcast and Title Name' jedhamuu deeggarsa maallaqaa argatu.

Kanaafidha hojii gaggeessaa ol aanaan liigichaa ''kilebootni keenya galii homaa hin qabne amma gara galii argachuutti ce'aniiru,'' jechuun kan dubbatan.

Kana irra darbees karaa foddaa televizhinii ilaalamuu jalqabuun isaa dhaabbileen humna qaban ilaaluun 'ispoonser' gochuuf carraa bana jedha Firew.

''Dhaabbilee idil adunyaas tahe biyya keessaa kileboota kanneen waliin waliigaltee mallatteessuun waliin hojjechuu danda'u. Hidhannoo taphattootaa irratti maqaa dhaabbilee isanii barreessuun haguuggii bal'aa argachuu danda'u. Kana irraa ammoo kilebootni faayidaa maallaqaa ni argatu.''

Lakkoofsi isaanii xiqqaa tahus kilebootni Piriimer Liigii Itoophiyaa dhaabbilee tokko tokko waliin waliigaltee ispoonseraa galuu jalqabuun dhagahama jira.

Tibbana kilabni Buna Itoophiyaa dhaabbata Beetikaa jedhamu waliin waliigaltee waggoota shanii mallatteessera.

Firew kilebootni kunneen karaa foddaa televizhinii argamuun isaanii haala tapha isaanii fi ijaarsa kilaba isaanii akka ol guddisaniif isaan gargaara jedhee amana.

Buufataaleen tamsaasaa tokko tokko leenjistootaa fi itti aantota isaaniif akkasumas murteesitoota taphaaf leenjii garaagaraa kennaa akka jiran Firew eerera.

''Akkuma beekamu kilebootni Itoophiyaa kana dura akka dhaabbata biizinesiitti hin socho'an ture. Mootummaa irraa maallaqa fudhatu. Amma garuu galii argachuu jalqabaniiru.

Kun kan tahe karaa televizhinii mul'achuu isaanii irraa kan ka'edha.''

Dabalataan waldaa aksiyoonii liigichaa akka Afrikaa Kibbaa PSL, fi akka Tanzaaniyaa 'Foot Ball Board' akka guddatu godha jedhe.

Dhimma Naamusaa

Piriimer Liigii' Itoophiyaa gara boodatti gototeera jedhamnii rakkoolee yaadaman keessaa, naamusni taphattootaa fi deeggartootaa isa tokkodha.

Keessumaa Liigicha tamsaasa TV saatilaayitii argachuu isaa dura waggootii turan keessatti, murtee murteessaa (daanyaa) kabajuu dhiisuun hanga wal reebuutti ga’uun kan barame ture.

Ta’us piriimer liigicha tamsaasa TV argachuun isaa rakkoo kana fureeraa?

Kanaan dura yeroo balleessaan jiratu bulchaa liigichaa kan ture Feedereeshiniin kubbaa miilaa adabbii kan dabarsu erga komiishiinaroota taphichaa irraa odeeffannoo argamu irratti hundaa’uun akka ta’e Fireew ni hima.

“Amma garuu komihinaarota taphichaa dabalatee viidiyoon jira. Akka duraani balleessaa balleessitee komishinarichi nama safarakoodha jettee ykn mallaqa keenne nana darba yeroo itti jettu miti. Komiteen liigichaa hima komishinaarotaa dabalataa viidiyoolee jiran ilaalee waan murteessuuf, dhimmi naamusaa jijjiirama qaba.”

Ta’us garuu jedha Fireew “… afaan guunnee baayyee hir’ieera jechuu hin dandeenyu. Sababiin isaas DsTV’n bara darbe dhufe. Bara darbe ammo deeggartoonni hin ture. Utuu jiraataniis muraasa turani. Bara kana gara kuma torbaatti ol guddataniiru. Deeggartoonni yeroo guutummaa guututtii gara dirreetti deebi’an, dhimmi namuusaas deebi’uu danda’a yaaddoon jedhu nii jiraata.”

Dhaabbati piriimer liigicha hogganu, deeggartoonni dhimma sanyuummaa fi siyaasaan hidhata qabu qabatanii gara istaadiyeemii akka hin seennee seera dhorku kaa’eera.

Seerii kun deeggartoonni waan akkanaa qabatanii gara dirree akka hin seennee fi, yoo kana raawwatanis viidiyoo fayyadamuun kanneen balleessan irratti addabbii akka muruuf gargaarsa jedha Fireew.

Obbo Baahiruun, waan kaameeraan jiruuf miira keessa seenuun dhaabbachuu dhiisuu danda’a jedhu.

“Namni si hordofu jiraachuu isaa yeroo yaaddu miira keessa seenuunkee hir’isuu danda’a malee, hanga kanatti namuusa irratti jijjiiramni ni dhufa jedhe hin yaadu.”

Ta’us taphootni TV’dhaan dabarsamuun isaanii, hanga tokko xiinsammuu irratti dhiibbaa uumuu akka danda’an garuu ni amanu.

Dhimma marga dheeraa

Torban jalbaatti taphni Piriimeer liigii Itoophiyaa istaadiyeemii Hawaasaa irraa agarsiisamuu yemmuu eegalu, wantoota hubatam keessaa tokko margi dirree kanaa dheeraa ta’uu isaadha.

Dirricha keessa margi gariin jiran baayyee waan dheerataniif kopheen taphattootaa yemmuu irraa ba’u argameera. Kun rakkoo fayyaa uumuu danda’aa?

Akkumma biyyaatti istaadiyeemota ijaaramuu eegalan xumuruuf akkasumas marga isaa kunuunsuu irratti dadhabinni jira jedha Fireew.

“Itoophiyaan nannoolee adda addaatti istaadiyeemii ijaaru eegalteetti garuu hin xumurre. Naannoleenis ta’e kilaboonni dirree foyya’aa dhiyeessuu waan dadhabaniifidha dhaabbati liigii gara yunivarsitootaatti kan gargale.

Mootummoonni naannolee istaadiyeemota dhiyeessaan caalatti yunivarsitoonni haala foyyaa’aa qabu. Kaanifidha liigicha isaan kan filate.”

Wantoota foyya’uu qaban

Dhimmaa murtee murteessitootaa irratti ammas rakkoon jiraatus, isa bara darbeerra garuu foyya’eera kan jedhu Fireew dabalataanis “yeroon argamuu, uffata isaanii irratti maqaa isaanii sirritti barreeuu fi rakkoon sirnummaa kkf jiru.”

“Garuu bara darbeerra barana wayya. Barana irrammoo bara dhufu ni foyyaa’a jedheen amana. Tv irratti tatamsa’inni eegalamuun kana ni fooyyessa abdii jedhu qaba.”

Federeeshiniin kubbaa millaa fi dhabbati liigichaa, murteessitoonni dogoggora isaanii viidiyoodhaan akka ilaalani fi balleessa isaani akka sirreessan gochuun isaani hanga tokko jijjiiramni jira jechuun “ kubbaa taphaa ala hin taane ni haqu. Balleesssaan uumamee hin uumamne jedhu.”

“Kana hunda kan argatu irra deebiin yemmuu ilaaltudha….Taphichi Tv’n darbaa jiraachuu isaa yemmuu beekan murteessitoonni hojii gaarii akka hojjatan isaan taasisa. Waggaa afur ykn shan booda ammo ‘VAR’ fayyadamuu dandeenya ta’a.”

Obbo Baahiruun gama isaaniin, deeggartoonni qajeelfama koronaavaayirasii hordofuu irratti foyya’uu qabu jechuun yaada kennaniiru.