Itoophiyaan istaadiyeemii dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuu danda'u hin qabdu - CAF

Itoophiyaan dorgommiiwwan sadarkaa idil-addunyaa gaggeessuudhaaf kan ishee dandeessisu istaadiyeemii hunda guuttate hin qabdu jedhame.
Waldaan Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Istaadiyeemiin Baahir Daar dorgommiiwwan idil-addunyaa akka hin keesummeessine dhorkuu isaa hordofee biyyattiin dorgommiiwwan wal fakkaatan keessummeessuu akka hin dandeenye mirkanaa'eera.
Baroota darban keessa dorgommiiwwan garee biyyaalessaa keessummeessaa kan ture Istaadiyeemiin Baahir Daar, dorgommiiwwan gulaallii Waancaa Addunyaafi Shaampiyoonaa Kilaboota Afrikaa akka itti hin gaggeeffamne CAF dhorkuu isaa beeksiseera.
CAF murtee isaa kana kan beeksise xalayaa Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itoophiyaatiif ergeenidha.
Istaadiyeemiin Baahir Daar ulaagaa istaadiyeemota CAF guutummaan guututti waan hin guutneef yeroof dorgommiiwwan keessummeessaa turuun isaa ni yaadatama.
CAF Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Adunyaatiif Gaanaa waliin torbanootaan booda taasistu biyya kamiifi istaadiyeemii isa kam irratti taphachuu akka filattu Itoophiyaan A L I Onkololeessa 10 dura atattamaan akka beeksiftuuf ajaja kenneera.
Kana gochuun hafnaan CAF tapha kana gara biyya waliin morkattuu Gaanaatti akka geessu murtesseera.
Istaadiyeemiin Baahir Daar dirreen taphaafi galteewwan dirree taphaatiif barbaachisoo ta'an waan hin guuttamiinif, kutaawwaan sadarkaa isaanii eeggatan kanneen taphattoonniifi gaggeessitoonni taphaa keessa turan waan hin jirreef, akkasumas kutaan tajaajila fayyaa isaa guutuu waan hin taaneef dorgommiin akka itti hin gaggeeffamneef ajajeera.
Dabalataanis, bu'uuraaleen misoomaa daawwattootaaf barbaachisan waan hin guutamiiniif, teessumni keessummoota kabajaafi bakki itti keessummeessan gahaa ta'ee waan hin qopheeffamneef, isteediyeemiin kun wiirtuun saba-himaalee sadarkaa isaa eeggate waan hin jirreefi bakka itti shaakalanis gadi aanaa waan ta'eef akka dhorkamu ta'eera.
Itti-gaafatamaan CAF Kilab Laayisansing Mohaammad Siidaat dhiyeenya kana gara Itoophiyaa deemanii istaadiyeemota gara garaa ilaalanii gamaggamaa turan jedhameera.
Aanga'aan kun turtii isaanii Itoophiyaatiin Istaadiyeemii Baahir Daariin ala istaadiyeemota Yunivarsiitii Jimmaafi Abbabbaa Biqilaa ilaalanii turan.
Istaadiyeemiin Yunivarsiitii Jimmaa waan hedduu guutuu qabu akka qabu ibsanii, istaadiyeemiin kun wantoota hir'atan yoo guttate gara fuula duraatti gareen gamaggamu akka erganis beeksisaniiru.
Istaadiyeemichi haala amma jiruun dorgommii idil-addunyaa kamiyyu keessumsiisuu akka hin dandeenye beeksisaniiru.
Istaadiyeemiin Abbabaa Biqilaa ammoo dorgommiiwwan sadarkaa tapha ol-adeemoofi taphawwan garee biyyaaleessaa dubartootaa yeroodhaaf keessumeessuu akka danda'u ibsaniiru.
Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaa ilaalchisee ammoo margi dirree irratti taphatamuu sadarkaa isaa kan hin eegganne, sararri irra fiigan cinaan jirus sirreeffamuu kan malan ta'uu kan ibsan yoo ta'u, kutaaleen itti uffatanis akka haaraatti foyyeeffamuu akka qaban beeksisaniiru.














