Waancaa Adduunyaa 2022: Qaataar filannoof iccitiiin dogoggorsuun himatamte

Madda suuraa, Getty Images
Morkattoota ishee dogoggorsuuf filannoo Waancaa Adduunyaa 2022'f Qaataar sochii filannoo iccitii 2010'tti adeemsisaniiru jechuun Za Saanday Taayims gabaaseera.
Akka gabaasa kanaatti morkaattoota ishee, kessumaayyuu Yunaaytid Isteetifi Awustiraaliyaa maqaa balleessuuf Qaatar dhaabbata Sab-qunnamtii US fi miseensoota CIA durii qacaruu ishee galmee agarsiisu argachuu ibseera.
Qaataar garuu himannaa kana haalteetti.
Waancaa Addunyaa 2022 keessummeessuuf Qaataar morkatoota ishee Yunaaytid Isteet, Awustiraaliyaa, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappan injifateetti.
Galmeen iccitiii nama gartuu filannoo 2022 irra hojechaa tureen akka gadhiifameefi yeroo gaaffii Fifa akka hin turre Za Saanday taayims dubbateera.
Qaataar garuu himannaa akkasiii hunda Za Saanday aayims'in dhiyaatee akka hin simanne ibsiteetti.









