Waa'ee Kaataar dhimmoota beekuu qabdan shan

Madda suuraa, Sean Gallup
Minisitirri Mummichaa Itoophiyaa Haayilamaariyaam Dasaalanyi erga bulchaa biyyattii Galoo Galaanaa Kaataar waliin waliigaltee torban kana mallatteessaniin booda, dippilomaatota Kaataar daawwachuu barbaadaniif vizaan hinbarbaachisu.
Kanaafuu, dhimmoonni dowwattoonni beekuu qabaatan maalfaadha?
1. Biyyattii sooreettii addunyaa kanaa keessaa tokko
Gatiin boba'aa kufulleen, lammileen Kaataar jireenya sadarkaa gaarii jiraataa jiru. Biyyattiinis addunyaarratti guddina galii matayyaa fooyyaa'aan daandii sirrii irratti argamti. Akka odeeffannoo Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) tti biyyattiin waggaatti lammii tokkoon Doolaara 129,726 omishti. Kunis kan sadarkaa lammaffaarra jirtu, Luksembarg doolaara kuma 30n kan caaluufi kan Ameerikaan lammiidhaan omishtuun dachaadha.
2. Godaansaa fi kolugaltoota baayyee, baayyee qabdi...

Madda suuraa, Getty Images
Uummanni Kaataar miliyoona 2.6 taha. Isaan keessaa kanneen 300,000 ol ta'an qofatu lammiilee Kaataar. Kana jechuunis, godaantootatu lammiilee biyyattii harka torbaan caalaa jechuudha. Baayyeen godaantoota kanneenis kan Eeshiyaa Kibbaa- Hindii, Neeppaal fi Baangilaadish irraa dhufaniidha. Jalqaba bara kanaatti ammoo biyyattiin biyyoota 80f barbaachisummaa vizaa kaasuun, warreen garas dhaquu barbaadaniif haala salphaa taasiftee jirti. Itoophiyaanis biyya dhiheenya kana tarree sanatti dabalamteedha.
3. ….fi dubartoota caalaa dhiiroota baayyee.
Kaataar tarii haadha warraa argachuuf eddoo gaarii miti. Dubartoonni kurmaana ummatichaa qofa ta'u. Kanaaifis sababnii guddaan, namoonni godaansaan garas dhaqan dhiiroota waan ta'aniifi.
4. Bilisummaa yaada ibsachuu ni deeggarti (Garuu hanga yoonaa qofa)
Oggantoonni biyyoota Arabaa baayyeen waa'ee TV oduu idil-addunyaa Kaataar ta'e, Al-Jazeeraa gammadoo miti. Sababii waa'ee bulchiinsa isaanii irratti sagalee xinxalaa waan dhiyeessuufiidha. Wal diddaa walitti dhufeenya dippilomaasii Kaataariifi biyyoota Arabaa jidduu jiruuf akka sababa tokkootti ilaalama. Ogganaan Kaataar garuu, qaama waa'ee bulchiinsa isaanii ykn maatii isaaniirratti qeeqa barreesseef obsa hinqaban. Ni hidha ykn ni adaba malee.
5. Yeroon itti Kubbaa Addunyaa itti keessummeesan gahaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota shan booda taphni guddaa addunyaarraa, Waancaa Addunyaa, Kaataariitti adeemsifama. Kun dhibbaan dhibbatti kan mirkanaa'e miti. Sababiin isaas tapha kana keessummeessuuf akkaataan itti argatte, malaamaltummaa ofkeessaa qaba kan jedhu irratti qorannoon gaggeeffamaa jira. Yoo balleessaan irratti argame, biyya biraatis dabarfamee kennamuu danda'a. Yoo ittuma fuftee qopheessite ammoo, Waancaa Addunyaa isa jalqabaa ji'oota Sadaasaa fi Amajjii keessatti qophaa'e ta'a. Sababiin isaas ho'a garmalee Kaataar irraa fageessuufi. Addunyaarra biyyattii badhaadhinaan beekamtu taatuyyuu, hojjettoota godaantotaa istaadiyemii hojjechuu dhufan haalaan hinqabdu jedhamti.








