Waancaa Addunyaa 2026: Kanaadaa, US fi Meksiikoon walta'un qopheessuufi

Sagaleen kenname ifa ta'eera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni FIFA kongirasii FIFA'tti sagalee kennan

Yunaayitid Isteet, Kanaadaa, fi Meksiikoon Morokoo injifachuun Waancaa Addunyaa bara 2026 akka qopheessan murtaa'e.

Miseensonni qaama kubbaa miilaa addunyaa hogganu, FIFA, sagalee har'a kongirasii magaalaa Moskoo ta'ametti kennanin biyyoonni sadii ta'ani qopheessan sagalee 134 argataniiru.

Biyyi Afrikaa Morokoon immoo sagalee 65 argatte.

Waancaan Addunyaa bara 2026 waancaawwan kamuu keessaa guddicha ta'a. Biyyoonni 48 kan irratti hirmaatan yoo ta'u guyyoota 34'f taphoonni 80 taphatamu.

Miseensota FIFA 211 keessaa kongirasii FIFA har'a Moskoo taasifame irratti 200 sagalee kennaniiru.

Mootummaan biyyattii federeeshinicha sababa malaanmaltummaaf sababa digeef Gaanaan hin dhiyaanne.

''Guddaa galatoomaa. Hundi keenya kubbaa miila ajalatti tokkoomne, '' jedhan pirzidantiin Kubbaa Miilaa Yunaayitid Isteet Kaarlos Kordeyiroo.

Meksikoon bara 1970 fi 1986 akkasumas Yunaayitid Isteet bara 1994 waancaa addunyaa qopheessani beeku.

Magaalota 16 waltajjii kubbaa miilaa kana kessummeessan keessaa 10 Yunaayitid Isteet keessa yeroo ta'u kan hafan immoo Kanaadaafi Meksikootti taasifamu.

Taphoonni 60 Yunaayitid Isteet 10 Kanaadaa akkasumas 10 hafan immoo Meksikootti taphatamu.