Sirni gaggeessaa Alii Kaamenii guyyootaaf turu eegale

Iraan hogganaa olaanaa duraaniishee ji'oota afur dura haleellaa waloo US fi Israa'eliin ajjeefamaniif sirna gaggeessaa guyyoota baay'eef turu ifatti eegalte.

Guduunfaa

  • Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.
  • Mariin US fi Iraan Dohaatti gaggeessaa turan xumurame, awwaalcha hoogganaa Iraan booda itti fufa
  • Haleellaa Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 10 du'an
  • Meeksikootti wayita milkaa'ina Waancaa Addunyaaf gammachuu ibsatan namoonni afur du'an
  • Haleellaa 'hidhattoota Faannoo' tibbanaan Amuruutti maaltu ta'e?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yunaayitid Isteet akkamiin waggoota 250 dura hundoofte?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Lafti kun baroota kumoota hedduuf bakka namni jiraatudha. Ammoo waggaa 250 dura gareen kolonii Ingiliz kun Yunaayitiid Isteets of Ameerikaa jechuun of labsan.

    Biyyi kun USA ishee ammaa ta’uuf guddoo bal’atte. Seenaan biyya ta’uushee duuba jiru garuu bakka kanatti eegala.

  2. Teleskooppii hawaarraa kufuuf jedhu baraaruuf Nasa'n xiyyaar-hawaa erge

    Teleskooppii Swift

    Madda suuraa, NASA

    Nasa'n xiyyaar-hawaa erguun teleskooppii hawaarraa kufuuf jedhu oolchuuf jira.

    Caasaan Swift teleskooppiinsaa hawaa qo'atu dhohinsa jabaan kufuuf akka tahe barame- kunis baatii dhuftu lafa irratti caccabuu dabalachuu mala.

    Teleskooppiin xiqqoo hawaa keessa jirtu xiyyaar-hawaa LINK jedhamuun baraaramti- xiyyaar-hawaa kuni irree roobootii sadii diriirsuun teleskooppii kana fuudhee gara orbiitii nagaa qabutti geessa.

    Ergamni baraaruu kuni Jimaata darbe kan eegale yoo tahu kanaan dura ergamni akkasii raawwatee hin beeku. Dr Simiyoon Baarbar, saayintistii hawaas yoo tahu ''balaa guddaa dha,'' jedhe.

    ''Haa tahu malee, Nasa'n ergamni kuni raawwachuu qaba jedhee amana. Hawaasni saayinsiis akkasuma teleskooppiin kuni meeshaa murteessaa haala aannisaa akkaan olaanaa tahe akka qorannuuf nu gargaaru dha jedhu,'' jedha Baarbaraan Yunivarsiitii Oppeen irraa.

    Caasaan teleskooppii kana of keessaa qabu kan kufuuf sochiin soolaarii atimoosfeerii lafaa gara alaatti waan dhiibaa jiruufi. Kunimmoo teleskooppiifi miyoota kaan gara lafaatti gadi harkisa.

    Teleskooppiin kuni jalqaba gaafa hojii eegale orbiitii irratti km600 irratti taa'ee ture. Waggaa lamaa as garuu gara km360 lafatti siqeera.

    Saatalaayitoonni yeroo garagraatti lafarra ni kufu garuu teleskooppiin caasaa Swift qorattootaan baayyee jaalatamtuufi hawaa qorachuuf mijattuu turte.

  3. Abjuu Ameerikaa waggoota 250 booda qormaata keessa jiru

    Ameerikaa

    Qorannoon 'The Times' ji'oota dura taasise yaadni Abjuun Ameerikaa badaa jira jedhu namoota heddu bira jiraatuus kunneen qorannicharratti hirmaatan keessaa dhibbeentaan 61, yaadichatti akka amanan himaniiru.

    Namoota Abjuun Ameerikaa ammallee jira jedhanii amanan keessaa ga'eessa umrii waggaa 44 kan ta'e Braandan Paat ni argama.

    "Qaama Abjuu Ameerikaa ta'uu kootti kabajatu natti dhagahama. Asitti dhalachuufi qorannoo Ameerikaa (sirna dimokiraasii) keessatti hirmaachuunkoo bu'aa eebba Waaqaati" jedha.

  4. Itoophiyaan maaliif Waancaa Addunyaarratti hirmaachuu dhabde?

    Karra eegaan Naajeeriyaa kubbaa taphataan garee biyyaalessaa Itoophiyaa Shimallis Baqqalaa galchuuf ture yeroo qolataa jirutti, Finfinnee Onkoloolessa 13, 2012

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Karra eegaan Naajeeriyaa kubbaa taphataan garee biyyaalessaa Itoophiyaa Shimallis Baqqalaa galchuuf ture yeroo qolataa jirutti, Finfinnee Onkoloolessa 13, 2012

    Itoophiyaan Waancaa Addunyaa Mai'ideen bara 2014 irratti hirmaachuuf fiixeerra geessee ture.

    Garuu seenaa keessatti takkaa waancaa addunyaa taphachuuf darbitee hin beektu. Waancaa Afrikaa garuu bara 1962 mo'attee beekti.

    Eega sanii dirree kubbaa miilaa guddicha, Waancaa addunyaatiif darbuuf baraa 2014 erga fiixeerra geessee Naayijeeriyaadhaan 2 fi 0n moo'amtee abdiinshee dukkanaa'e.

  5. Polaand yaaddoon Raashiyaa itti cimuu dubbatte

    Polaand fi Lituweninaan dhihoo leenjii waraanaa waloo taasisaniiru

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Polaand fi Lituweninaan dhihoo leenjii waraanaa waloo taasisaniiru

    Yaaddoon Raashiyaa kan itti cime Polaand ''haalota garagaraaf of qopheessaa akka jirtu'' ministirri muummee biyyattii Donaald Taask dubbatan.

    Moskoon ''dubbii barbaacha'' haleellaa raawwachuu malti gabaasota jedhan ilaalchisuunis ji'oonni itti aanan ''murteessaa'' akka ta'an ibsaniiru.

    Gabaasonni odeeffannoo tikaa US eeruun bahan akka jedhanitti, Raashiyaan humna NATO madaaluuf Polaand irratti haleellaa raawwachuu malti.

    ''Eenyuniyyuu doorsisuu hin barbaadu. Haalli waraanichaa jijjiiramaa jirurraan kan ka'e ji'oonni itti aanan murteessoodha.

    ''Biyyoota Baaltik irratti yaaddoon buufateera,'' jechuun dubbataniiru.

    Miidiyaan Polaand Onet jedhamu akka gabaasetti maddi pirezidantii biyyattiitti dhihoo ta'an Ameerikaan waa'ee haleellaa kanaa akeekkachiisa garagaraa Polaand gurra buusteetti.

    Dhimma kanarratti BBC'n Waayit Haawus akkasumas Ministira Dhimma Alaa US irraa deebii argachuuf yaalus deebii hin arganne.

  6. Raashiyaan loltoota waraana Yukireen irratti dhabde bakka buusuuf barattootatti dachaate

    Diroonii

    Madda suuraa, Ukrinform/NurPhoto via Getty Images

    ''Akkatti dirooniin hojjetu baatii sadiif barate-garuu dirree haleellaan raawwatu deemuurraa isa hin hambisne,'' jetti haati guddisaa Vaaleery Aveeriin, Oksaanaan.

    Dargaggoon ganna 23 barattoota Raashiyaa Yukireen keessatti ajjeefamuun ifatti beekamu dha. Innis qaama duula bal'aa Raashiyaan barattoota yunivarsiitiifi kooleejii gara lolaatti fudhachuuti.

    ''Kanaan dura leenjii loltummaa fudhatee hin beeku,'' jechun Afaanaasyeevaan komata.

  7. US loltotashee garee IS Naayijeeriyaa loluuf bobbaaste achii baaste

    Uffata danbii waraanaa Ameerikaa

    Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images

    Ameerikaan loltootashee garee hidhataa Islaamaa loluuf Naayijeeriyaatti jalqaba waggaa kanaa bobbaaste baasaa jirti.

    Mudde darbe humnooti Ameerikaafi Naayijeeriyaa oppireeshinii waloo naannoo haroo Chaad Baasiinitti raawwachuun booda loltoonni 200 tahan bobbaafamaniiru.

    Hogganaan Olaanaa IS Abuu Bilaal al-Minuukii ergama ji'a lamaaf adeemeen ajjeefameera.

    Kamisa drabe Ameerikaan oppireeshiniin milkaa'inaan xumurame jette, dubbiihimaan waraanaa Naayijeeriyaas loltoonni Ameerikaa bahuun ''haala itti adeemaa jirru kuni karaa kamiinuu hin daangessu,'' jechuun BBCtti himan.

    Oppireeshiniin geggeefamullee gareeleen jihaadistii keessumaa kaaba-baha Naayijeeriyaatti haleellaa raawwachuu itti fufaniiru.

    Meejar jeneraal Maaykil Onojaa biyyoota lameen gidduu odeeffannoon walii qooduun itti fufa jedhan. Kana Ameerikaanis mirkaneessiteetti.

    Ameerikaa fi Naayijeeriyaa gidduu tumsi waraanaa kan dabale Waashingitan Naayijeeriyaan gareelee saaxilamoo eegaa hin jirtu jechuun booda. Ameerikaan ''duguuggaan sanyii Kiristaanaa'' Naayjeeriyaa keessatti raawwataa jira jechuun komatti

    Nayijeeriyaan himannaa kana hin fudhanne haleellaan namoota hawaasa garaagara hunda waan miidhu dha jette.

  8. Keep Veerdeen Arjantiinaan mo'amtee Waancaa Addunyaan ala taate

    Karri eegaa Keep Veerdee Vozinhaan tapha Ispeen irratti torba Arjentiinaa irrattimmoo kubbaa saddeet oolche

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Karri eegaa Keep Veerdee Vozinhaan tapha Ispeen irratti torba Arjentiinaa irrattimmoo kubbaa saddeet oolche

    Keep Veerdeen biyya xiqqoo addunyaa ta'uu malti, ammoo dhugumatti gurra guddaa horte.

    Liyoonel Mesii, Kiristiyaanoo Ronaaldoo, Eerliing Halaand, Haari Keen fa'i dagadhu - Waancaa Addunyaarratti yeroo jalqabaaf kan hirmaatan, Keep Veerdeetu ijoo dubbii ta'e.

    Karra eegaa cimaa qabu, Vozinha jedhama. Ispeen waliin qixa bahanii yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaarratti qabxii galmeessan.

  9. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Dhimmoota biyya keessaafi alaa ijoo ta'an jala jalaan isin biraan geenya.

    Lafa nagaa oolaa!

  10. Wayita rakkoon nageenyaa hammaatetti biyyoota Afrikaa nagaafi tasgabbii qaban 10

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Akka gabaasa kanaatti, nageenyi addunyaa bara darbe harka 0.7n hir'ateera, kunis yeroo 12ffaaf walitti aansee bu'uu agarsiisa.

  11. Iraan sirna gaggeessaan Hogganaa Olaanaa duraanii eegalte

    Miseensonni milishaa Baasij sagantaa gaggeessaa kana irratti hirmaataniiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Miseensonni milishaa Baasij sagantaa gaggeessaa kana irratti hirmaataniiru

    Iraan hogganaa olaanaa duraaniisheef sirna gaggeessaa guyyoota baay'eef turu ifatti eegalte.

    Hogganaan Olaanaan duraanii Ali Kaamenii ji'oota afur dura haleellaa waloo Ameerikaafi Israa'eliin ajjeefaman.

    Sirni owwaalcha isaanii torban dhufu gaafa Kamisaa qe'ee itti dhalatanitti raawwatamuu dura Jimaataa eegalee masjiida 'Grand Mosalla' jedhamutti reeffi isaanii ni mul'ata.

    Akka aangawoonni Iraan jedhanitti, ummanni miliyoona 12 hanga 20 ta'u sagantaa gaggeessaa kana irratti argamuu danda'u.

    Kanas, ''sirna owwaalchaa jaarraa kanaa'' jechuun ibsan.

    Sirni owwaalcha isaanii kuni yeroo Ameerikaafi Iraan dhibdee gidduu isaanii jiru hiikuuf yaalaa jiranitti adeemsifamuuf jedha.

  12. Dubartiin Moskootti bombii dhoosuun shakkamte 'dhiira of fakkeessite' jedhame

    Shakkamtuu

    Madda suuraa, Interpol

    Ibsa waa'ee suuraa, Shakkamtuun kuni Afaan Jarman dubbatti jedhameera

    Dubartiin lammii Yukireen haleellaa bombii Raashiyaa, Moskootti raawwate duuba jirti jedhamtee shakkamte ''akka dhiiraa of fakkeessite'' jedhan qondaalli Moskoo tokko.

    Dubartiin ganna 39, Anastasiia Berezovska, jedhamtu balbala gamoorratti waan marame wayii dhiiftee akka baatetti shakkamte.

    Bakkicha erga deemtee booda gara Jarman imaluu isheetu ifa ta'e.

    Haleellaa kanaan dureessa Yukireen, michuu isaafi ilma isaanii waggaa 13'tu madaa'e jedhame.

    Dubartiin kuni yeroo ammaa yaalii ajjeechaan intarpooliin barbaadamaa jirti.

  13. Ho'i cimaa Awuroppaatti kumaatama galaafate

    Jaarroleen ho'a cimaa jalaa bahuuf dibaabee fayyadamaa jiru

    Madda suuraa, Thibaut Durand / Hans Lucas / AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Jaarroleen ho'a cimaa jalaa bahuuf dibaabee fayyadamaa jiru

    Ho'i biyyoota Awurooppaa garagaraatti lammiilee kumaan lakkaa'aman galaafate.

    Biyyoota kanneen keessaa tokko kan taate Faransaay torban ho'i cimaan ture keessa lammiileen 2,025 lubbuu dhabuu beeksiste.

    Lakkoofsi kuni riikardiidha. Dhaabbileen raaga haala qilleensaa guyyoota muraasa itti aanan tempireecharri ho'a cimaan akka itti fufu akeekkachiisaniiru.

    Akka ministeera fayyaa Faransaayitti, duuni namoota umriin isaanii 45 ol jiranitti cime.

    Faransaayitti duuni torban darbes kan torban dura turerraa 29%'n dabaleera.

    Beeljiyeemittis lakkoofsi namoota 1,222 riikardii ta'e du'aniiru.

    Nezarlaandittis duuni namoota 480 galmaa'uu aangawoonni biyyattii beeksisaniiru.

  14. Iraan sirna awwaalachaa Kaameenii irratti US fi Israa'el haleellaa akka hin raawwanne akeekkachiifte

    Konkolaataawwan adii daandii Teehraan irraa mul'atan

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Ameerikaa fi Israa'eliin Guraadhala darbe kan ajjeefaman hogganaan olaanaa duraanii Iraan Ayaatoolaa Alii Kaameenii sirni awwaalchaa isaanii raawwachuuf jira.

    Iraan Ameerikaafi Israa'el sirna awwaalchaa kanarratti haleellaa akka hin raawwanne akeekkachiifte.

    Sirni awwaalchaa Hogganaa Olaanaa duraanii Ayaatoolaa Kaameenii Kamisaa hanga Sambataa Iraaniifi Iraaq keessatti iddoo garagaraatti raawwata. Qondaaloti biyyoota garagaraa sirna kanarratti hirmaachuuf gara Teeharaan akka deeman ibsameera.

    Chaayinaa, Paakistaan, Hindii fi Qataar biyyoota qondaalota isaanii ergan keessaati. Waraanni Iraan akka dhaabbatuuf jaarsummaa taa'aa kan turte Paakistaan Ministira Mummee Sheebaaz Shariif gara Iraan akka imalan mootummaan biyyattii beeksiseera.

    Sirna awwaalchaa kanarratti hirmaachuuf lammiilee Afgaanistaan 'kuma lama' tahaniif viizaan akka kennamu BBC Parshiyaan maddeen eeruun gabaaseera.

    Yeroo sagantaan kuni adeemaa jirutti humni waraanaa Iraan Hataam al Anbiyaa jedhamu ibsa akeekkachiisaa baasuu Rooyitars gabaaseera.

    Hogganaan dhaabichaa olaanaa Alii Abdoolaa ibsa miidiyaaleef kenneen ''diinoti Iraan keessumaa Ameerikaafi sirnaTsiyoonii Israa'el shallaga dogoggoraa irraa of qusachuu qabu,'' jechuun akeekkachiisan.

    ''Haleellaafi yaaddoon biyya keenyarratti qiyyaafatu hundi tarkaanfiin deebii hamaa akka keenamuuf ni akeekkachiifna,'' jechuun hubachiisaniiru.

    Roobii kaleessaas Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii uummata biyyattiifi hogganoota irratti haleellaa qiyyaafatuuf deebiin jabaa akka kennamu akeekkachiisaniiru.

    Araachiin kana kan dubbatan Ministarri Ittisaa Israa'el Hogganaan Olaanaa Israa'el Mojtaabaa Kaameeniin ''nama du'aaf kaadhimame dha,'' jechuun booda dha.

    Sirna awaalachaa kanarratti eegumsi guddaan akka taasifamuufi magaalawwan baayyee dhorkaan balalii akka irra ka'amu ibsamuu Rooyitarsi gabaaseera.

  15. Boorana naannawa Moyyaleetti dhalate. Waloo, loltuu ABO ture Jaarsoo Waaqoon.

    Ijoollummaattis lolarratti akka lubbuu dhabe himama.

    Nami kuni eenyu? Seenaa isaa iyyaafanneerra.

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

  16. Afrikaan Kibbaafi Gaanaan sababa 'du'a' nama godaanen walitti bu'an

    Afrikaa Kibbaa

    Madda suuraa, EPA

    Sababa lammiin Gaanaa Afrikaa Kibbaatti godaanee du'e jedhameen Afrikaan Kibbaafi Gaanaan walitti bu'an.

    Namni kuni yeroo mormii farra godaantotaa du'e jedhame. Afrikaan Kibbaa garuu du'u isaa ni waakkatti.

    Namni du'e jedhame Bashiru Isaak, ganna 40, gaafa Kibxataa Keep Taawon keessatti itti dhukaafamee ajjeefamu gabaasa arguu hime Ministeerri Dhimma Alaa Gaanaa.

    Kanattis, gadduufi komii poolisiif erguu ibseera.

    Ministirri haqaa Afrikaa Kibbaa immoo aangawoonni Gaanaa ''odeeffannoo sobaa'' tamsaasaa jiru jechuun deebise.

    Poolisiin Afrikaa Kibbaa namni kuni du'uu isaa waan mirkaneeffate akka hin qabne hime.

    Ta'us, ajjeechaa nama ganna 35 lammii Gaanaa ta'e qorataa akka jiru poolisiin beeksisee ture.

  17. 'Haleellaa jajjabaa' Kiyiiv irratti raawwatteen Raashiyaan nama 18 ajjeefte

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Haleellaa babal'aa' Kiyiiv irratti raawwatteen Raashiyaan nama 18 ajjeefte

    Humnoonni Raashiyaa haleellaa diroonii fi misaayelaa guddaa magaalaa Yukireen Kiyiiv irratti raawwataniin namoonni 18 ajjeefaman.

    Kantiibaan magaalaa Kiyiiv haleellaa kana "haleellaa jajjaboo" jechuun ibsan.

    Kantiibaan magaalaa Kiyiiv Vitaalii Kilishiskoo guyyaa Jimaataa guyyaa gaddaa jechuun labsan.

    Namoonni 90 ta'an madaawuu ibsan. Buufataaleen ambulaansii iddoowwan haleellaa kanaaf saaxilaman keessaa akka ta'an kantiibaan magaalaa tanaa himaniiru.

    Haleellaawwan asiin duraa namoota kanaa olii ajjeesan kan jedhan kantiibaan, inni miilanaa meeshaalee waraanaa hedduu bobbaasuufi magaalaa guddoo Kiyiiv bakka hedduu haleeluu himan.

    Raashiyaan haleellaa kan karoorfachuu hordofee sa'aatiiwwan muraasa keessatti uummanni qe'ee hedduurraa gadhiisee akka kan bahu Pirezidant Volodimir Zeleniskiin akeekkachiisanii turan.

    Mooskoon humnoonni ishee dhaabbilee waraanaa irratti xiyyeeffachuun akka haleelte fi haleellaan kunis haaloo Yukireen misoomawwan bu'uuraa Raashiyaarratti raawwatte haaloo bahuu ibsite.

    Dubbii himaan Kireemiliin Dimitrii Peskoov Kamisa dubbii dubbataniin " Raashiyaan galma kaawwatte dhugoomsuuf dhiibbaa sirna Yukireenirratti gootu itti fufti" jedhan.

    Yukreen Raashiyaan qubsuma namoota nagaarratti haleellaa raawwatti jechuun himatti. Kun immoo "gochaa weerartootaati biyyattiin of ittifti " jetti.

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, -
  18. Icciitiin balaliisaa gamoo abbaa darbii 109'tti xiyyaara buuse barame

    Gamoo Chaayinaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo chaayinaa xiyyaarri itti bu'e

    Balaliisaan xiyyaara xiqqoo oofu gamoo guddicha Beejingitti buuse dhibee ''yaaddoo sammuuf'' kan saaxilame akka ta'e aangawoonni beeksisan.

    Gamootti xiyyaara kan buusees ''sababa dhuunfaaf'' akka ta'e aangawoonni himaniiru.

    Balaa kanaan balaliisaan yoo lubbuu dhabu, namoonni 13 biroo immoo miidhamaniiru.

    Jiraataan magaalaa Beejingiifi abbaa umrii 66 kan ta'e Luun, gaa'illi isaa erga diigamee qofaa jiraata.

    Bulchiinsi aanaa Chaawoyaang namni kuni barruu yaada isaa kaa'urratti ''lubbuu ofii dabarsuuf yeroo baay'ee ibsuu'' beeksiseera.

    Gamoon guddichi abbaa darbii 109 'Taaworii 'CITIC' jedhamuufi xiyyaarri itti bu'e waajjira muummee paartii koministii Chaayinaa itti dhiheenyaan argama.

  19. Sirni owwaalcha haadha warraa Mojtabaa Kaamenii raawwatame - Gabaasa

    Sirna owwaalchaa haadha warraa Mojtabaa Kaamenii

    Madda suuraa, IRNA

    Ibsa waa'ee suuraa, Sirna owwaalchaa haadha warraa Mojtabaa Kaamenii

    Sirni owwaalchaa haadha warraa Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtabaa Kaamenii guyyaa Roobii Teehiraan keessatti raawwachuu gabaafame.

    Haati warraa Mojtabaa haleellaa Ameerikaafi Israa'eliin ji'oota muraasa dura raawwateen ajjeefaman.

    Zahaaraa Hadiid Adeel miseensota maatii Kaamenii haleellaa guyyaa jalqabaan lubbuu dhaban keessaa tokkodha.

    Haleellaa boombii guyyaa jalqabaan Hogganaan Olaanaa Iraan Alii Kaamenii fi hogganoonni olaanoo ajjeefamaniiru.

    Ilmi Alii Kaamenii, Mojtabaa Kaamenii, haleellaa guyyaa sanaan erga miidhaan guddaa irra gahe jedhamee booda ummatatti as bahanii mul'atanii hin beekan.

  20. Ameerikaan waraanashee Sa’ud Arabiyaa keessaa baasuuf yaalaa jirti

    Tiraamp Sa'ud Rabiyaa yeroo deemetti

    Madda suuraa, Reuters

    Ameerikaan waraanashee Sa’ud Arabiyaa keessa jiru hir’isuuf yookaan ammoo humna waraanaa hanga ta’e Sa’udii keessaa baastee gara bakka biraatti jijjiiruu yaadaa jiraachuu Wool Istiriiti gabaase argeera jedhe eeruun gabaase.

    Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuuf kan yaaadaa jirtuuf muddama Waashingiten fi Riyaad gidduu jiru hordofeeti jedhameera.

    Gabaasni Wool Isitiriit argeera jedhe akka agarsiisutti, xiyyaronni waraanaa Ameerikaa 100 ol ta’an Ulaan Hormuuz banaa ta’ee akka itti fufu gochuuf buufatawwan waraanaafi dooniiwwan xiyyaaraa Baha Giddu-galeessaa keessaa ka’uun balali’aa turaniiru.

    Bobbiin kun Sa’ud Arabiyaarraa gufuun hin eegamiin akka mudate gabaasni kun ibseera.

    Buufanno waraanaa Sa’udiitti argamuufi daangaan qilleensaa biyyattii bobbii kanaaf gahee guddaa kan qabu ta’ulleen Riyaad garuu kanarratti Waashingiten tumsuuf hayyamamtuu hin taane.

    Aanga’oonni Ameerikaa dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofan Wool Istiriit Joornaaliif akka ibsanitti, mormiin Sa’udii Ameerikaan bobbii ‘Oppereeshin Pirojekt Firiidam’ jedhamu akka addaan kuttuuf dirqisiiseera.

    Oppereeshiniin pirezidant Doonaald Tiraamp ifa godhan kun dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz akka darban gargaaruuf kan kaayyeffate ture.

    Ameerikaan oppereeshinii kana kan addaan kutte qalbii lamatti qoodameen ture.

    Ameerikaan waraana Sa’ud Arabiyaa keessaa qabdu hir’isuuf yookaan ammoo humna waraanaa hanga ta’e Sa’udii keessaa baastee gara Israa’el ykn gara Yordaanositti naannessuuf yaaduushee gabaasni Wool Istiriit ni ibsa.

    Dhimma kanarratti garuu murteen dhumaarra akka hin ga’amne gabaasni kun ni eera.

    Ameerikaan loltootashee baasuu murteessuun dura filannoowwan jiraatan akka ilaaltus ibsameera.

    Aanga’oonni Ameerikaa waa’ee dhimma kanaa wanti mirkaneessanis ta’e wanti waakkatan hin jiru.