Icciitii xiyyaara balaliisuu duuba jiran kanneen beektuu?

Xiyaara ka'uudhaaf qophaa'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Xiyaara wantoota tajaajilli geejibaa saffisa guddaa qaban kaan irra adda isa taasisuu keessaa tokkoo, qilleensa keessa ol fagaatee adeemuu isaati.

Hojiin hundinuu naamusa mataa isaa ni qabaata. Ta'us, eeggannoon balaliiftoonni xiyyaaraa godhanii fi naamusni isaa baay'ee jabaata.

Sababiinsaas, dogongorri xiqqaan balaa cimaaf saaxiluu dandeessi waan ta'ef.

Akkasuma ta'ee yeroo tokko tokkoo qillensa irra osuma jiramu mudannoon adda ta'an yeroon itti mudatu jiraachun ni dhagahama.

Ofii xiyyaara balaliisuu hojii kaan irraa maaltu adda godha? Erga qilleensarra bahanii paayileetiin dhiisee rafee boqachuu danda'aa? Naamusa akkamiitu irraa eegama?

Gaaffiilee kanaafi iccitiiwwan xiyyaara balaliinsuu kaan irratti Kaapiteen Daagim Girmaa waliin turtiin taasifne qabna.

Xiyyaara oofuu maaltu adda godha?

Kaapiteen Daagim Girmaa xiyyaara balaliisuun muuxannoo waggaa kudhanii ol qaba.

Erga ogummaa xiyyaara balaliisuu kana eegalee kaasees yeroo isaa irra caalaa qilleensa irratti dabarsa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaapteen Daagim xiyyaara oofuun qophii imalaa irraa jalqaba jedha.

Nageenya xiyyaaraa ogeesota teeknikaatu dursee ilaala. Sana booda paayileetonni ammoo mallatteessanii fudhatu waan taheef irra deebiin ilaaluu qabu.

Akkasumas bakka ka'umsaa, qilleensa keessa darbu fi kanneen biroo dhimmoota balaliisaan tokko ka'umsaan dursa saganteesuu qabudha jedhan.

Haala qilleensaa ilaalchisee ragaan haala qilleensaa naannoo buufata xiyyaaraa irraa daqiiqaa 30 dursuun bahu jira jedhu.

Erga xiyyaarri ka'een boodas qilleensi hamaan yoo jiraate imaltoota raasuu danda'a. Dabalataanis humna xiyyaara sanaa murteessa jedhan.

Akka malee ho'aa yoo ta'e ykn ammoo bishaan akka malee yoo qabaate nageenya xiyyaaraa fi imala irratti dhiibbaa qaba jedhan.

Imalli erga jalqabe haalli qilleensaa ulfaataa ta'uu mala yeroo tokko tokko.

Daandii irratti qilleensa hamaan yoo mudate irraa maquun ni danda'ama. Yoo irraa maquun hin danda'amu ta'e ammoo kallattii jijjiiruun bakka biraa qubachuun ni danda'ama.

''Bakka deemnu sanaas haalli qilleensaa gaarii yoo hin taane, karoora bakka biraa qubachuu dursinee waan qabnuuf garasitti imala'' jedhan.

Hojii guddaan paayileetii xiyyaaricha lafa irraa kaasuu (take off) irraa jalqaba.

Sana booda paayileetiin hanga inni ol ka'insa isaa balaliif mijatu irra gahutti eeggannoo barbaachisu hundaan imala jedhan.

Xiyyaarri tokko olka'insa faana 37,000 yoo ga'u sarara balalii isaa irra gala jechuudha jedhan. Kun 'Cruise' jedhamuun beekama.

Xiyyaarichi bakka gahumsa isaatti yoo dhiyaatu haala qilleensaa ilaalee ol ka'insa xiqqeesuu jalqaba jedhan.

Waliigalatti hojii cimaan paayileetii tokkoo xiyyaaricha ol kaasuu fi buusii irratti akka tahe himan.

Xiyyaara tokko balalisuuf yoo xiqqaate nama lama barbaachisa kan jedhan kaapteen Daagim, gosa xiyyaarichaa irratti hundaa'a jedhan.

Kun xiyyaara ishee xiqqoof nama lama, isa kaaniif ammoo sanaa olis barbaachisa jedhan.

Xiyyaara tokko nama tokkoon balaliisuuf xiyyaarii oomishe kanaaf ragaa kana kennuu qaba jedhan. Harki 99% kan tahan garuu nama lamaan balali'u.

Xiyyaarri ofiin balali'uu danda'aa?

Kaapiteen Daagim xiyyaarri kamiyyuu ofiin hin balali'u jedhan. Garuu paayileetii gargaaruuf kan hojjetame 'auto pilot' kan jedhamu jira jedhan.

Kun xiyyaarichi erga ol ka'insa barbaachisaa irra gaheen booda paayileetiin hojii kaan irratti akka xiyyeeffatu gargaara jedhan.

Sirni kun paayileetii fageenya dheeraa imalu hedduu gargaara jedhan. Garuu waanti itti dhiisanii rafan ykn taa'an hin jiru jedhan.

Paayiletiin tokko kan boqatu yoo ta'e gargaaraan isaa hojichatti darba malee akasumaan dhiisuun hin danda'amu jedhan.