Paayileetotni ayyaana waggaa akkamiin kabaju?

Kaapiteen Daagim Girmaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti waggoota kudhanii oliif xiyyaara balaliisaniiru.
Ayyaana waggaa haaraa Itoophiyaa bara 2015 sababeeffachuun Kaapiteen Daagim keessummaa godhanne. Jireenyaa fi oolmaa paayiletotaa yeroo ayyaana waggaa maal fakkaata jennee gaafanne.
Yeroo gaaffiif deebii kana taasifnu kaappiteen Daagim Kolombiyaa irraa gara Beeljiyeem imalaa turan.
Balalii sa’a 15 erga taasisanii akkuma Beeljiyeem qubataniin waa’ee ayyaana waggaa fi hojii isaanii kana waliin dubanne. Dadhabbii fi hirribni akkuma jirutti tahee jechuudha.
‘’Namoonni geejiba xiyyaaraa keessa waliin hojjennu bifa adda taheen ayyaana dabarsina. Mana keenya jiraachuu dhiisuu dandeenya. Qileensa irra tahuu dandeenya ykn ammoo biyya biraa taanee kabajna,’’ jedhan kaapiteen Daagim.
Kaapiteen Daagim yeroo ayyaanaatti bakka adda addaa taanee waan dabarsinuuf Daandiin Qilleensa Itoophiyaa haalatti ayyaana kabajnu nuuf mijeessa jedhan.
‘’Nuyis akka maatiitti waan waliin hojjennuuf ofuma keenya waliin taanee kabajuufis yaalla. qilleensa irraa taanees tahuu danda’a.’’
Itoophiyaatti yeroo ayyaanaa handaaqoo, hoolaa fi qircaa qaluun waan beekamudha mitiiree. Paayileetotni guyyaa ayyaanaa balalii irra jiran kana argachuuf carraan isaa xiqqaa taha jechuudha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu waanuma jiru walitti fiduun akka kabajan himan Kaapiteen Daagim.
Haa tahu malee paayiletotni gara ardiilee adda addaatti waan imalaniif sa’aatiin isaa kan Itoophiyaa irraa adda tahuu danda’a.
Tarii gara Ameerikaa kan imalan yoo tahe erga ayyaanni Itoophiyaatii darbuu gaheeti achii bari’a jechuudha.
Sababa garaagarummaa sa’aatiidhaan kaapiteen Daagim jala ayyaanni darbee beekaa jedhee gaafannaan waan akkasii mudachuu akka danda’u dubbatan.
Garuu bakkuma jiran tahanii ayyaana kabajuun dabarsu.
''Yeroo hundumaa akka sa'a ykn guyyaa Itoophiyaatti kabajuun ni ulfaata. Garuu walitti bunneema sa'a boqonnaa keenyaa irra kabajna.''
Erga hojii kana jalqabee Kaappiteen Daagim yeroo hedduu maatii waliin tahee ayyaana akka hin dabarsine hime.
Kunis imalli addaan cituu waan hin dandeenyeef hojiidhaan dabarsu jechuudha.
Addunyaa kana irra imaltanii biyya kam irra caalaa jaalatan jennee gaafannaan akkas jedhan.
Kaappiteen Daagim hojiin isaanii namoota adda addaa qaban addunyaarra jiran waliin hojjechuuf hojiin isaanii akka carraa guddaa kenneef himan.
''Carraa akkasii yoo qabaatteyyuu biyyi an hunda caalaa jaaladhu biyyakooti.''
Kaappiteen Daagim ijoollummaa irraa jalqabuun paayileetii tahuuf fedhii akka qaban himan.
Garuu kallatumaan carraa kana hin arganne ture. Barnoota isaanii elektiriikaal injineriingii erga baratanii leenjii barbaachisu fudhachuun gara hojii kanaatti akka galan himu.
‘’Karaatti paayiletii tahan barbaadaan ture. Akkamiin akka paayiletii tahan hin beekun ture. Booda carraa isaa argadhee leenjii balalii baradheen paayiletii tahuu danda’e.’’
Dhumatti lafa irraa hamma kana ol fagaatanii imaluun nama sodaachisuu danda’a.
Xiyyaarri ol ka’insa faana [feet]37000 irratti balali’a.
Dogogora xiqqaan balaa irraa ooluun hin danda’amneef nama saaxiluu danda’a jechuudha.
‘’Ogummaa kana hojii kaan irraa adda kan godhu tokko dogogoraaf iddoo kennuu dhiisuu isaati. Dammaqinaan hojjechuu barbaada. Balaan tasa yoo mudate akka isa kaanii yeroo siif hin kennu waan taheef ogummaa kaan irraa xiqqoo adda tahuu danda’a’’ kaapiteen Daagim.
Kaapiteen Daagim gammachuun isaanii inni guddaan imaltoota isaanii nagaatiin bakka imalan geesisuu akka tahe himu.
''Maatiin ijoollee isaanii qabatanii nyaachisaa, xiyyaara keessa rafaa yoo imalan gammachuu qofa osoo hin taane itti gaafatamummaa guddaa nutti dhagahama.''
Hojiin isaanii itti gaafatamummaa lubbuu hedduu fudhachuu waan taheef yaaddoo xiqqaan jiraatus akka dammaqinaan hojjettu si taasisa jedhan.
Balalii yeroo dheeraan booda dadhabbiin akka jiru kan himan Kaappiteen Daagim gargaaraan balalisisaa waan jiruuf haalati boqatan akka jirus himu.












