'Abdiinkoo waggaa haaraatti ‘nu gaha’ jennee gara boqonnaa haaraa kan itti ceenu akka tahudha'

Ministira Mummee duraanii Itoophiyaa Obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyi

Ministirri Mummee duraanii Itoophiyaa Obbo Haayilemaariyaam Dassaalany bara 2005 ALI turee du’aan boqochuu Obbo Mallas Zeenaawwiin booda biyyattii akka hogganan kan muudaman.

Ministira Mummee ta'uun muudamuun dura Ittaanaa Ministira Mummee fi Ministira Dhimma Alaa ta'uun tajaajilaniiru.

Pirezidantii Naannoo Ummattoota Kibbaa ta'uu dabalatee, itti gaafatamummaa naannoofi federaalaarratti hojjetaniiru.

Yeroo ammaa dhaabbilee addunyaa garagaraa keessatti hoggansa boordii keessatti tajaajilaa jiru.

Akkasumas Faawundeshinii haadha warraasaanii, Roomaan Tasfaayee waliin hundeessaniin sochii hawaasaa garagaraa hojjataa jiru.

Obbo Haayilamaariyaam Afrikaa keessatti taajjabaa adeemsa filannoowwanii taajjabuu hoggananiiru.

BBC’nis bara haaraa Itoophiyaa 2015 ilaalchisuun turtii gabaabaa wajjin taasiseera.

BBC: Yeroo ammaa sooruma baatanii jirtu ammoo hojiiwwan idilee qabdu? Jireenyi hoo?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Haayilemaariyaam: Itoophiyaa keessan jiraadha. Ta'us sababii hojiitiin gara biyyoota garaa garaatti nan imala. Damee hojii ijoo lamarratti baay’inaan na hirmaadha.

Hojiinkoo inni jalqabaa Faawundeeshinii maqaakoo fi haadha warraakootiin dhimmoota Itoophiyaafi Gaanfa Afrikaa irratti hojjenna.

Dhimmi dursa kenninuuf jijjiirama haala qilleensaa akkasumas leecelloo uumamaa fi eegumsa sirnakkoo irratti hojjenna. Kanaanis eegumsa bosonaa, biyyoo, bishaan akkasumas bineensota bosonaa irratti xiyyeeffanna.

Biyyi keenyi gama kanaan baayyee miidhamteetti. Rakkoon jijjiirama haala qilleensaa baayyeee qabdi. Lolaaa fi hongeen irra deddeebiin ni mudatu.

Hojii keenya sulula qiinxamaa Omoo irratti jalqabnee jirra.

Jiraataan naannichaa baay’inaan horsiisee bulaadha. Haala kanaan dhimmi ijoollee fi dubartootaa baayyee dhimma yaaddeessaadha.

Kanaaf haalli fayyaa, barnootaafi sirni nyaataa akka fooyya’u sulula qiinxamaa Omoo keessatti hojii hojjenna.

Inni kaan garuu dhimmuma jijjiijrama haala qilleensaa ilaalchisee hirmaannaa ani taasisudha. Kun dhimma ijoollummaa koorraaa qabee na yaaddeessu gatii ta'eef barnootas waanuma kana ilaallatun baradhe.

Furmaata uumama wiirtuu taasifate irrattis hojii duula garaa garaarratti nan hirmaadha.

Akkasumas ajandaa nagaa fi tasgabbii irratti mariiwwan Afrikaatti taasifaman irratti qorannoo na dhiyeessaa, nan hirmaadhas.

Yeroo tokko garee idila addunyaa ‘Crisis Group’ keessa miseensa boordii taheen tajaajilaan ture.

Akkasumas jijjiirama diinagdee Afrikaa irratti, dhimma mirga namoomaa, demookiraasiifi bulchiinsa irratti hojii haala mijeessuu irratti nan hirmaadha.

BBC: Ayyaana waggaa akkamiin dabarsitu?

Obbo Haayilemaariyaam: Yeroo baayyee ayyaanaan dura soomni bataskaanaa garagaraa jira. Waggaan haaraa galuun duras guyyaa 15 soomaafi sagada ni taasifna. Waggaan haaraa kan nagaa, misoomaa, badhaadhinaa akkasumas tasgabbii tahee akka darbu ni kadhanna.

Garuu ayyaana kamirrattiyyuu yeroo namni baay’inaan walitti qabamu badaa natti hin tolu.

Kanarra gara bosonaa, laga ykn paarkii deemuu fa’itu natti tola. Manatti yoon dabarsa ta'e garuu maatii wajjin haasofna. Maatiin hunduu walitti qabama.

Keesumaa gara galgalaa hunduu waldaadhaa deebi’ee walitti qabamna. Ni haasofna.

BBC: Kana dura gaaffiifi deebii tokko irratti foon dheedhii akka jaalattan dubbattaniittu. Waggaa haaraatti foon dheedhii irratti akkami?

Obbo Haayilemaariyaam: Eeyyee foon dheedhii yeroo argamu nan nyaadha. Furdina hir’isuufis ta'e sirna nyaataa fayyaalessa ta'e qabaachuuf foon pirootinii waan qabuuf ni gorfama.

Hamma madaalawaan ol yoo ta'e garuu gara Yuuriik asiidiitti akka hin geeddaramne yoo of eeggannoon taasifame jechuudha. Ijoollee koo keessaas tokko baayyee jaalatti.

BBC: Kanaaf ayyaanatti foon dheedhii hin dhibu jechuudha.

Obbo Haayilemaariyaam: Hin dhibu.

BBC: Yeroo ayyaanaa maatiif kennaa kennuratti akkam?

Obbo Haayilemaariyaam: Yeroo ayyaanaa biyya keenyatti kennaa walii kennuun badaa baramaa miti, post kaardii yoo tahe malee.

Garuu yeroo garagaraatti kennaa walii kennina. Nuufis kennaan nuuf dhufa.

Abaaboo, hoolaa fi dhugaatiin akka kennaatti nuu dhufa. Garuu nuti dhugaatii gatii hin dhugneef wallitti qabnee gurgurreetu kaayyoo biraaf oolchina.

BBC: Bara dhufutti abdii fi karoorri keessa maali?

Obbo Haayilemaariyaam: Ani yeroo hunda abdiin koo Waaqadha. Abdiin koo isarra. Yoomiyyuu abdii hin kutadhu. Waan gaarii nuu godha jedheen amana.

Abdii fi yaaddoon garuu hajaa dhala namaa yeroo yerootti geggeedaramani dha. Dhugaa kanaan ala jiraachuu waan dandeenyu natti hin fakkaatu. Takka takka abdiin irra aana, yeroo kaana immoo yaaddoon hammaata.

Biyyattis ta'e akka dhuunfaatti waan abdii namatti horan akkuma jiran, waan yaaddoo keessa nama galchuufi rakkoo yerootti hin hiikmne qabna.

Kanneen haala miira irraa bilisa taheen, tasgabbiin, fageessanii yaaduufi jaalala, nagaafi walii yaaduu haala bu’uura godhateen jibbaafi wal-hadheessuu hiikuu qabna.

Biyyootni Awurooppaa yeroo hundeeffaman rakkoo baayyee keessa darbaniiti, nu gahe jechuuni rakkoo sana keessa kan darban.

Nutis haala amma keessa jirruun nu gahe dadhabne kana booda uummanni yerootti rakkoo kana didee irratti waliigalu gaheeraa laataa?

Hoggantoonni gama hundaan jiran yeroon waliigalan gahaa jira laataa jedheen gaafadha.

Akkas taanaan isa darbe seenaaf kaa’anii gara boqonnaa haaraa ce’uuf carraan jira. Suni tahuu baannaan garuu gara badiinsaatti nu geessa.

Anaaf garuu abdiinkoo ‘kun nu gahe’ jennee gara boqonnaa haaraa kan itti ceenudha.

MM duraanii Haayilamaariyaam Dasaalanyii fi haadha warraasaanii Roomaan Tasfaaye

BBC: Itoophiyaafi uummanni haalli rakkisaa keessa jiran beekamaa dha. Kana jijjiiruuf gahee akkamii bahattu?

Obbo Haayilemaariyaam: Gaheen koo guddaa dha jedhee amanuu baadhus, seenaa keessatti biyya hamma Itoophiyaa geessu yeroon hooganetti tattaaffi gochaan ture.

Nagaa, wal-tumsaafi jaalala malee jibbaafi wal-morkiin akka hin geggeeffamneef hojii gorsuufi yaadachiisuu nan dalaga. 

Kana hojiitti jijjiiruuf yeroo yaaltu ulfaataa dha. Namoota akka addunyaatti Itoophiyaa irratti dhiibbaa gochuu danda’an nan argadha. Keesumaa hogganoota biyyoota lixaa fi Afrikaa argachuun haala sirrii Itoophiyaan keessa jirtu hubachiisuu nan yaala. Rakkoo jirtu keessaa akka baatuufis deeggarsa akka godhan tattaaffii nan godha.

Keesumaa xiyyeeffannoon isaanii qaamota wal-falman irratti otoo hin taane, uummata Itoophiyaa irratti akka tahun yaala.

Xiyyeeffannoo isaanii uummata irratti yoo hin taasifne, rakkoo wal-morkattoonni fidaniin uummanni ni adabama.

Tarkaanfii uummata Itoophiyaa kan gadadoo keessaa baasu malee gidiraa isaanii kan baay’isu akka hin fudhanne nan isaan yaadachiisa. Keesumaa Itoophiyaan biyya guddaa gatii taateef bu’uurrishee kan raafamu yoo taheef miidhaansaa Afrikaa Bahaa dabalatee, Baha Gidduugalaafi Awurooppaa irrattillee dhiibbaa wwan uumuuf imaammata tasgabbaa’aa akka qabatan nan yaala.

BBC: Namoonni baayyee yeroo ayyaanaa ijoollummaa isaanii yaadatu. Isini waggaan haaraa yeroo dhufu maal yaadattu?

Obbo Haayilemaariyaam: Waggaan haaraa yeroo dhufu yaadannoo gaarii hin taane tokkon qaba.Yeroon kutaa 12ffaa xumure dhuma Hagayyaa irratti ture abbaan koo kan du’e.

Taaziyaa irraa ka’een ture galmeef gara yunivarsiitii kanin dhaqe. Waggaan sun anaaf gaarii hin turre. Isa yeroo hundan yaadadha.

Abbaan keenya waan hunda keenya ture. Gama biraan cidhi gaa’ela koo baatii Hagayyaa keessa ture. Yeroo dargagummaa waggaa haaraa dabarsine yeroo hundan yaadadha. Kanaaf waggaan haaraa waan lama na yaadachiis jechuudha.

Kanaan ala garuu naannoo keenyatti ayyaanni Masqalaa ni kabajama. Saba naannichaa biratti Gifaataa jedhama garuu Masqala wajjin walirra oola. Barri haaraas yeroos jalqaba. Fulbaana 17 irraa qabee ji’ootaaf kabajama.

Yeroos hamma waggaa 15tti baayyee kabajeera isa booda garuu ayyaanichis qabbaanaa’aa dhufe.

BBC: Haasaan keenya ayyaana kan ilaallatu tahus, gaaffii tokkon dabaluu barbaada. Ministira mummee Itoophiyaa tahuurraa eeyyama keessa erga gadhiistaniin booda jijjiiramni dhufa jettanii yaaddan dhufeera jettanii yaadduu?

Obbo Haayilemaariyaam: Ani aangoorra eeyyama koon gadhiisuun muddamaa fi yaaddoon yeroos uumamee akka tasgabbaa’uufi uummannis akka abdii horatu shoora olaanaa qaba tureen jedha.

Aangoorraa bu’ee namni nagaan jiraate biyya keenya yeroo hin jiretti suni akka danda’amu fakkeenya tahuunsaa waan tokko ture.

Anis nama carra-qabeessa dha jedheen amana. Kun gama hundaan ergaa dabarsu qaba.

Warra amma aangoorra jiraniifis kun akka danda’amu agarsiiseera. Ministirri mummee Dr Abiy Ahimad illee, ‘akka kee osoon carraa argadhee yeroo kootti aangoo nagaan dabarsee uummata wajjin haalli nagaan jiraadhu otoo naa tahe,' yeroo jedhan dhageessaniittu ta'a.

Aangoon dhuma jireenyaa akka hin taaneefi aangoorraa bu’anii jiraachuun akka danda’amu kan agarsiise dha. Inumaayyuu gumaacha gochuun akka danda’amu agarsiisa. Garuu haalli waa itti gumaachinu adda adda tahu danda'a.

Haata'u malee, rakkoon biyya keenyaa guddaadha. Aangoorraa bu’uu nama tokkoon kan hiikamu miti.

Itoophiyaan isa ibsuun danda’amuun ol rakkoo wal-xaxaa, kan durirraa achii as dhufeefi rakkoo amma uumame keessa biyya jirtu dha.

Kun furmaatisaa maali jedhanii yaaduun barbaachisaadha. Isa kaan dhiisiitii hoggansi amma jiru hundi otoo aangoorraa bu’ellee dubbii takkaatti furamu miti. Rakkoonsaa hoggansa geddaruu irra kan caalu dha.

Inumaayyuu jijjiirama sirnaa guddaa gaafata. Hawaasa muffiiifi komii qabudha qabna.

Dargaggeeessi ilaalcha mataasaa qaba, namni duriis akkasuma. Labatni garaagaraa Itoophiyaa keessatti mallattoo garagaraa kaa’etu darbe.

Akka nuti jennutti dhalootni baroota 1960mootaa ammallee paartilee garagaraa keessa jira, kanneen aangoof morkatan dabalatee jechuudha.

Ejennoon dhaloonni sun qabatee Itoophiyaa irra kara gaariifi gaarii hin taaneen dhiibbaa taasiseera.

Isaan keessaa tokko haala gaaffiin sabummaa itti deebi’eedha. Amma akka naa gale yoo taheef akka yaadne mirgaa fi wal-qixxummaa sabootaa fiduurra faara sababa badii keenyaa tahuutu mul’achaa jira.

Kanarraan kan ka’e gadadoo keessa jirra. Kana ifatti marii’annee karaa gidduugalaa barbaaduu qabna.

Karaa mankaraaressuu irraa fagaate, kan mirga amantii fi sabaa akkasumas mirgoota lammummaafi garee haala wal-hin caalleen teenyee furmaata barbaaduu qabna.

Yeroo Sooviyeet sabni tokko sanyii gosa tokko dha yaada jedhu leellisaa turteetti nutis fudhannee amma akkatti sochoonu dhabneerra. Kanaafi gaaffiiwwan hin hiikamne birootu jiru. Hiika waloo kennuuf hogganoonni amantiifi sabaa akkasumas kanneen isaan ilaallatu hundi hirmaachuun marii taasisanii furmaata fiduu qabu.

Fakkeenyaaf saba ani irraa dhufe Walaayittaa yoo ilaalte yeroo Miniiliika biyya ijaaruuf yaalaa turanitti cunqurfamneerra, namni kuma dhibbaan lakkaa’amu dhumeera jechuun hamma har’aalle dubbatu. Kun hin raawwatamne hin jedhu.

Mootii Fiwudaalaa yeroosii irraa waan kanarraan adda hin eegnu, yeroos mootii Xoonaallee carraa kana osoo argatanii waan Miniiliik raawwatan raawwatu jedheen amana. Xoonaanis naannoosaatti sirna fiwudaalaan dhiibbaa uumeera. Garuu sirrii turee jechuu miti.

Muffii sana qabatanii saba isaan irraa uumaman saba Amaaraa rakkoo kana akka uumeetti maqaa kennuun haalli itti hiikamu jiraachuu qaba.

Kuni haala amma jirru keessattilllee muffii hin hiikamne dhiisee darbuun namni nagaa akka miidhamuufi akka du’u gochaa jira. Seenaa biyya keenyaa isa gaarii qabannee isa kaan immoo lammata akka irra hin deebine akkamiin hojjenna waan jedhurratti hojjechuu qabna.

Namni hundi madaasaa hin qorre himateefi waan sirrii fi sirrii miti jedhurratti waliigalee darbuun gaafata. Marii hawaasaa jabaafi hunda hirmachisaa ta'e gochuun waliigalteen uumamu qaba. Kun yoo tahuu baate yaaddoon dabalaa deemuunsaa hin oolu.

Kanaaf ani aangoo dhiisuun waan hunda kan hiiku miti. Yeroos abdii wayii uumee ture. Booda garuu qabbanaa’aa dhufuusaa argaa jirra. Gara karaa sirrii galuuf garuu ammallee yeroo qabna.