Itoophiyaa: Amala Mallas Zeenaawwiifi hariiroo inni Isaayyaas Af-Warqii waliin qabu eegduu isaarraa

Madda suuraa, Miky Raya
Eegdoota Ministira Mummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zeenaawii keessaa tokko kan ta'e Miikii Raayyaa wayita Mallas aangoorra ture waan beeku BBCf qoodeera.
Hariiroo cimaa Mallasiifi Pirezidaantiin Ertiraa Isaayaas Af-Warqii jiduu ture yoo ibsu, 'jaalaalaafi walitti dhufeenya maatii' ture jechuun dubbata.
Miikii Raayyaa dhalatee kan guddatee Godina Kibbaa naannoo Tigraayitti ture. Boodas hojii qonnaafi loon tiksuu dhiisuun qabsoo Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigree (TPLF)tti makame.
Qabsoo waggoota 17 gaafateen sirni Dargii erga kufee booda haasaan Mallas Zeenaawii ALI bara 1984'tti taasisanii turan kan ummata naannichaatti kaka'umsa guddaa uumee akka ture himama.
Haasaan sunis guyyaa yaadannoo hundeeffama TPLF 17ffaa sababeefachuun kan taasifameedha.
Haasaan inni taasisee ture keessaa ergaan akkas jedhu ture: ''…Baga ummanni kun kan biraa hin taanee. Baga isin irraa uumamne. Baga kan fageenyaa isin ilaallu hin taane...'' jechuun ummata jajatan.
Akkasumas, dargaggootaan ammoo ''akka isiin as geessaniif abbootiin keessan dhiiganiiru, gaarreen irratti lafeensaanii bittinaa'eera. Lafeewwan kanneen hi ndhiitiinaa adaraa…'' jechuun adaraa akka dhaamaniif himama.
Egduun Obbo Mallas waa'ee seenaa isaa dubbifne kunis guyyaa Obbo Mallas haasaa kana taasisaniitti dugda isaanii duuba dhaabbatee mullata ture.
Guyyaan sun anaaf guyyaa seena qabeessa ture jechuun ibsa Miikii Raayyaa.

Madda suuraa, Miky Raya
"Guyyaa sana keessummoonni gurguddoonni kan akka Pirezidaant Isaayaas Af-Warqii, Pirezidaantii duraanii Sudaan Omar Al Bashiiriifi keessummmoonniifi qondaaltoonni siyaasaa Itophiyaa kan akka Nagaasoo Gidaadaa fa'is argamanii turan.
Guyyaansaa guyyaa cidhaa fakkaata ture. Mallas jireenysaatti akka guyyaa sanaatti dubbatee hin beeku. Anis duuban dhaabadheen ture,'' jedha waa'ee guyyaa sanaa yoo yaadatu Miikiin.
Wayita sanatti Miikiin dargaggoo umurii waggaa 22 akka tureefi namoonnni baayyeenis dhuguma eeguuf dhufee kun? jechuun akka gaafataa turan hima.
"Areedallee hin baafneen ture. Baayyeenis obboleessa Mallasii ati? Yknis kan Siyyee Abrihaatii? jechuun na gaafatu turan.''
Mallasiifi Miikii Raayyaa eessaafi attamiin wal argatan?
Mikii Raayyaa kan dhalatee guddatee Tigraay Raayyaa bakka Carcar jedhamuun beekamutti ture. Obbo Mallas ammoo kan dhalatan Magaalaa Adwaatti.
Gara dhuma bara 1980moota keessa Miikiin waa'ee qabsoo dhagahuu irraa ka'uun umurii ijoollummaa isaatti gara qabsootti makamuuf miirri itti horamuu dubbata.
Kanaafuu lamaanuu bakka dhalootaatiin walitti hin dhufan, garuu kaayyoo qabsoo isaaniitu tokko isaan taasisee male.
"Ijooollee taanee sagalee Wayyaneefi sagalee qabsaa'ootaa ni dhaggeeffanna turre. Hanga umuriin keenya gahutti turun nutti ulfaata ture. Kanaafuu, umurii keenya sobnee kan qobsootti makamne baayyeetu ture,'' jedha.
Isaan booda qabsoottin makame. Booda ammoo qabsoonis cimee sirni Dargii aangoorraa kaafamuuf wayita jedhutti, bara 1983 jechuudha.
Erga Finfinnee gallee booda komaandoo waan barbaachisuuf gareen Miikiin keessatti argamu Dabra Taaboor irraa gara Tigraayiitti deebi'uun leenjii akka fudhatu taasifamuu hima.
Jidduu sanatti loltoonni Dargii Asmaraa turan akka tasaa karaa Marabiin cee'uun Adwaa waan dhaqaniif qophiin gara masaraatti taasifamaa ture akka dhaabbatu taasifamuun ariitiin gara waraanaatti galamuu yaadata.
''Waraanaa cimaatu gaggeefame. Deeggarsa waraana Shaabiyaatiin mo'anne. Waraanichis kan wareegamni hedduun itti kaffalamedhas'' jedha Miikiin.
Hanga kanatti Mallasiifi Miikiin lamaan qabsaa'oota malee addatti wal hin beekan ture.
Booda garuu erga TPLF aangoo qabatee Ertiraanis walabummaashee labsiiteen booda Mallas Itoophiyaa, Isaayaas ammoo Eritraa akka bulchan ta'e.
Isaan booda ture egaa kan hooggantoonni kun lamaan komaandoo 40/40 filachuun Sudaan deemanii akka leenji'an kan taasisan. Miikiin isaan keessaa tokko akka ture dubbata.

Madda suuraa, Getty Images
"Leenjichi kan baatii sadiif gaggeefame ture. Warri Sudaanii nu leenjisaniis nuun Wayyaanee, kan Eritiraa irraa dhufaniin Eritiraa jechuun nu waamu turan. Loqodni keenya adda ta'us walii galla ture. Hirriyummaa gaarii waan ummanneef wayita Obbo Mallas waliin Asmaraa deemnuttis nu hafeeru ture akka maatiitti,'' jedha.
Leenjiicha xumuruunis hunduu gara biyya isaaniitti deebii'anii hooggantoota isaanii eeguu akka eegalan dubbata.
"Yeroo sanaan booda hojii eegumsaan eegale. Yeroo baayyees gara Asmaraatti ni deeddeebina ture. Mallas akkuma tasaa Asmaraa deemuun bashannanee deebi'aa ture.
Lamaan isaaniituu osoo nuti eegdonni isaanii hin argiin yeroon konkolaataa qabachuun itti nu jalaa badaniillee ture.
Wayita sana baayyee dhiphanna ture. Gaarummaan isaa Asmaraan magaalaa dhiphoofi lafa nagaa waan taateef deebiinee ni argannaan.
Akkasumas, Pirezidaant Isaayaas Finfinnee dhufuun saddeeqa taphatee, haasa'ee, kolfee gara biyyaatti deebii'a. Akkasiin akka maatiitti walitti dhiyaachaa turan,'' jedha.
Garuu lamaan isaanitu waa'ee jireenya dhunfaasaanii baayyee waan hin dubanneef booda keessa jaalalli isaan jidduu ture attamiin gara jibba cimaatti akka geedarame wanti dhageenye omtuu hin turre, jechuun madda wal dhabdee aanga'oota lamaanii akka hin beekne hima.
''Yeroo tokko nan yaadadha osoo eessa akka deemnu nutti hin himiin Bishooftuu irraa balaliinsi eegalame. Samiin duummeessa cimaan haguugameera. Maaltu ta'ee? Eessa deemaa jirra? jechuun keessoon kiyya dhiphate.
Mallasitti aaneen taa'ee ture. Garuu ija jabaadhee garam nu geessaa jirta jedhee gaaffachuu nan sodaadhe.
Garuu akka waa natti himu yaadeen, Sudaan gaarreen qabdii? jedheen gaafadhe. Mallas ammoo gaaffii kiyyaa akka waan guddaatti fudhatee, Sudaan karaa Kibbaa… karaa Kaabaatiin akkasi jechuun natti himuu eegale. Kanaanis osoo omaa hin beekiin Asmaraa galle.
''Achis geenyee mana xiqqoo tokko keessa boqonne. Isaayaas waliin haasaa ho'aa qabatan. Qofaattis wal fudhatanii deeman. Walitti dhufeenyaafi jaalala maatii qabu turan,'' jedha.
Aanga'oonni eegdota isanii ala qofaa socho'uun akka hin danda'amne beekamaadha. Mallasiifi Isaayaas garuu haalli akkasii baayyee akka isaan hin yaaddessine dubbata Miikiin.
Akka nama kamiittuu waliin kolfaa, waliitti qoosaa, bashannaafi hiriyyoota waliin dabarsan jedha.
"Yeroo baayyees Asmaraa wayita deemaniitti Mallas Finfinnee caalaa miirri maatummaan itti dhagahamaa ture jedha.
Walitti dhufeenyi gaarii aanga'oota lamaan jidduu turees eegdota isaaniifilleen kan bu'aa buuse akka ture dubbata.
Eegdonni kunneenis erga Sudaaniitti leenjii irratti waliin dabarsanii booda, Chaayinaatti leenjii humna qileensaafi komaandoof leenjii'uuf waliin demanii wal argu dubbata.
Dhimmi Miikiifi Mallas caalaa walitti isaan dhiyeesse maal?
Attamiin akka Mallasiin caalaa itti wal baran akkasiin dubbata Miikiin.
Jalqaba intalli Mallas Samihaal waanan xabachiisuuf na barte turte waan ta'eef, nama yoo barbaaddu Miikii jetti turte.
Guyyaa tokkoos akkuma barte sana Miikii naaf fidaa jettee waan rakkifteef, Mallas waardiyaa abbaa dabaree tureen na waamsisee yoon dhaqu yeroo jalqabaatiif maqaa kiyyaa Miikii jedhuun wal barre.
Isa dura gammoojjiitti Raayyaa jedhameen beekama ture.
Yeroo sana boodaa garuu walitti dhufeenyi keenya cimaa adeemee. Isaan booda Samihaaliin gaafachuu qofa osoo hin taane shaayiifi laaqanaafilleen gara Obbo Mallas dhaqaan ture.
Jireenyi eegduu aanga'aa maal fakkaata?
Nuti qabsaa'ota waan turreef jireenya dhuunfaa keenyaa hin qabnu turre kan jedhuu Miikiin, mindaas akka hin qabne dubbata.
"Kopheefi uffanni bitamee nuuf kennama ture. Ijoollee dhaabaa waan turreef,'' jechuun kolfaan ibsee haala jireenyaasaa ture yoo himu.
Jiruun keenyaa Mallas hordoofuu ture kan jedhu Miikiin, ''eegaa bulla, manni ciisaa osoo hin hafiin sakkatta'ama, gara lafa hojii wayita dhaqamus akkasuma.
Nutis kana akka qabsootti waan ilaalluuf baayyee gamadna ture. Itoophiyaan nagaa argattee aanga'aa keenya eeguutti akka waan ummata keenya eegneetti ilaalla ture,'' jedha haala hojiisaatti gammadaa ture yoo ibsuu.
''Tibba tokkootti shaayiif jedhamuun qarashii 40 kennameefiin alatti mindaa akka hin qabne itti himame. Komaandoo 1,000 tibba sana turan keessaa 40 keenya qofatu masaraa mootummaatti ramadamne,'' jedha.
Isaanis ulaagaa akkuma arganitti kan hin baane, kan icciitii eegu, kan dhugaatii hin dhugne, kan namaan wal hin dhabne, wantota adda addaa irraa bilisa kan ta'e, jedhamuun filatamuu dubbata.
"Sababii kanaatiin jireenyi keenya kan of eeggannoofi qophaa'inaan guutame ture,'' jedha.
'Mallas shiroo jaallata ture'
"Laaqana maal barbaadda yoo jennuun shiroo jedha ture. Nama Addisuu jedhamu kan nyaata tolchutu ture. Buddeenni muraan afur geeffamaaf, inni garuu tokka qofaa nyaatee oola ture. Kan isaaf jedhame nuti nyaata ture,'' jedha Miikiin.
Obbo Mallas nama gara laaffeessa ta'ulleen dafee kan dalannuufi kan kolfu akka ta'e Miikiin ni yaadata.
Haala dhumaa ture hoo attamiin yaadata?
Waggoota torban qobsoon boodaa keessa jaalala maatii haala fakkaatuun walitti dhufeenya gaarii qabaataa kan turan Obbo Mallasiifi Isaayaas sababii daangaa Itiyo-Ertiraatiin wal dhabuun jibba cimaa keessa galuu isaanii hima.
Walitti dhufeenyi isaanis jibbaan xumurame jedha.
Booda keessas osuma sanaan jiranuu Obbo Mallas du'aan addunyaa kanarra boqachuufi amma waggaa saddeeti gutuusaa yaadata.
Waa'ee du'a isaa yoo yaadatus, ''Gonkumaa ni du'a jedhee hin eegnen ture. Hojiidhaa halkan walakkaa mana galee yoon TV saaqu, gaazexessaa Tamasgeen Bayyanaa uffata gurraacha uffatee Mallas Zeenaawwii du'ee yoo jedhu of wallaaleen kufe,'' jedha Miikiin guyyaa sana yoo yaadatu.
Maaliif akka garmalee nahee ture yoo ibsus, ''Duutii Mallas du'a qabsaa'oota biraan adda waan ta'eef osoo hin taane ani isarraa waan baayyeen eegaa ture waan ta'eef du'asaa wayitan dhagahu amanuun natti ulfaate ture,'' jedha.














