Obbo Getaachoo Asaffaa eenyudha?

Fakii nama eenymmaan isaa hin beekamnee

Madda suuraa, Getty Images

Waa'ee Itti-gaafatamaa Tajaajila Odeeffannoofi Tikaa duraanii Obbo Getaachoo Asaffaa waanti beekamu baayyee muraasadha. Waa'aa nama kanaa odeeffannoo argachuudhaaf BBCn jaallewwan qabsoo isaafi namoota isa waliin hojjetan irraa iyyaafateera.

Dabalataanis BBC Moniitaringiifi Wiikiliiksii irraa dabalatee odeeffannoon walitti qabaman akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

Odeeffannoon armaan gaditti dhiyaate kun kan BBC Moniitaringii irraa kan walitti qabamedha.

BBC Monitariningiin Qaama Biriitish Biroodikastingii Korporeeshinii /BBC/ yommuu ta'u bara 1931 irraa eegalee gabaasaaleen sabaa himaalee guutummaa addunyaa kana irratti argaman hordofuudhaan galmeessee kaa'a.

Kanneen armaan gaditti dhiyaatanis dhaabbanni sabaa himaalee adda addaa yeroo gara garaatti waa'ee Obbo Getaachoo Asaffaa ilaalchisee gabaasaaleen dhiyeessan keessaa kan fudhatamanidha.

Eessatti dhalatan?

Obbo Getaachoo Asaaffaa gara dhuma bara 1940 magaalaa Maqaleetti dhalatan.

Obbo Getaachoon barnoota sadarkaa lammaa addaan kutanii bara 1968 qabsoo hidhannootti makaman.

Erga qabsoo hidhannootti makamanii booda karaa gaggeessitoota isaanii garee warra haleellaa tasaa mootummaa irraan geessisaniitti akka makaman taasifaman.

Yeroo qabsoorra turanitti Obbo Getaachoon sababii nama ajaja hin fudhanneefi amala rincicummaa qabaniif si'a sadii sadarkaa irra turan irraa gadi buufamanii akka hojjetan taasifamanii turan.

Bara 1980 keessa ammoo miseensa koree giddu-galeessaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay ta'anii filatamuu danda'anii turan.

Erga mootummaan Dargii kufee booda bara 1983 keessa Obbo Getaachoon humna ittisaa biyyaa keessatti Itti-gaafatamaa oppireeshinii ta'anii muudamaniiru.

Waggoota shaniin booda ammoo Komishinarii Poolisii Federaalaa ta'uun muudamaniiru.

Yeroo waraanaa Itiyoo-Ertiraa ajajaa Iizii Ittisaa Giddu-galeessaa kan Ministirri Muummee Mallas Zeenaawwii walitti qabanii ta'uunis muudamanii turan.

Caamsaa bara 1993 Itti-gaafatamaan Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa kan turan Kinfee Gebre Medihin ajjeefamuun booda Obbo Getaachoon Itti-Gaafatamaa Biiroo Nageenyaa ta'uun muudamaniiru.

Muudamni isaanii kun harka mirgaa Ministira Muummee Mallas Zeenaawwii taasiseera jedhamee amanama.

Obbo Getaachoon hanga gaafa guyyaa Ministira Muummee dr. Abiyyiin aangoo irraa akka ka'an taasifamaniitti waajira dhimma nageenyaa sana waggoota 17f gaggeessaniiru.

Obbo Getaachoon dhaabbata waggoota dheeraadhaaf gaggeessaa turan Jeneraal Adam Mohaammadiif erga dabarsanii booda torbeewwan muraasaan keessatti gorsaa nageenyaa mootummaa naannoo Tigiraay a ta'an muudamaniiru.

Dabalataanis Obbo Getaachoon yeroo ammaa kana miseensa koree raawwachiiftuu Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigiraayiifi ADWUIdha.

Obbo Getaachoon abbaa ijoollee durbaa lamaadha.

Jaalleewan qabsoo ABUTiifi namoonni isa waliin hojjetan waa'ee Obbo Getaachoo Asaffaa kan jedhan

Obbo Getaachoon kan dhalatanii guddatan magaalaa Maqalee ganda 14 'Aboy Fiqaaduu' bakka jedhamudha.

Abbaan isaanii Shaalaqaa Asaffaa bara Mootichaafi Dargii keessa kutaa biyya Tigiraay keessatti Ajajaa Itti-aanaa Poolisii Basaasaafi Qorannoo turan.

Shalaqaa Asaffaa waldhabdee caasaa Dargii keessatti uumamee tureen magaalaa Maqaleetti ajjeefamaniiru.

Jaalleewan qabsoo Obbo Getaachoo akka jedhanitti yeroo ijoollummaa isaanii barataa cimaa turan.

Barumsa isaanii sadarkaa lammaffaa Finfinnee Wingeetitti barachuu jalqabanii turan.

Obbo Getaachoon barumsa sadarkaa lammaffaa addaan kutanii bara 1968 qabsoo hidhannoo Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigiraayitti makaman.

Leenjii loltummaa kan fudhatan ammoo naannoo Affaar bakka Kadahaar jedhamtutti ture. Mudannoo addaan qoodamuu ABUT keessatti bara 1969 uumame 'Hinfishfish' jedhamuun beekamu keessatti qooda fudhataniiru jedhamuun Obbo Asaffaan hidhamanii turan.

Haraaraan hidhaa dhaabichaa keessaa kan bahan Obbo Getaachoon, raayyaa Dargii waliin adda waraanaa adda addaa irratti falmachuu isaanii jaallewwan qabsoo isaa ni dubbatu.

Yeroo qabsootti Obbo Getaachoon baayyinaan ergamni isaanii odeeffannoo walitti qabuu, gurmeessuufi ibsuu akka tures ni dubbatu.

Ejjennoo rincicummaa qaban irraan kan ka'e Obbo Getaachoon sagantaawwan siyaasaa ABUT irratti ejjennoo cimaa qabachuudhaan yeroo gara garaatti paarticha keessaa gaggeeffamuutti dhiyaatanii kan turan ta'us, karaa hiriyyaa isaanitti dhiyaatu Obbo Mallas Zeenaawwii akka qabsoo isaanii itti fufan taasifamaa turan.

ADWUIn aangoo qabatee Obbo Getaachoon erga Itti-gaafatamaa Biiroo Nageenyaa ta'aniin booda, Ministira Muummee yeroo sanaa Obbo Mallas Zeenaawwii waliin hariiroon gaarii qabu turan sababa hin beekamneen laaffata akka ture jaallewwan isaa ni dubbatu.

Erga Obbo Mallas Zeenaawwii boqotanii booda Obbo Getaachoon yaa'iwwan ABUT irratti aanga'oota ol aanoo irratti yaadawwan jajjaboo akka dhiyeessaa turanis ni himu.

Ji'ootaan dura 'haaromsa gadi-fagoo' ADWUIn gaggeesseera jedhu irrattis aanga'oota ol-aanoo Addichaa irraa mormiin gurguddaan akka isan mudatee ture jaallewwan itti dhiyeenyaan isa beekan ni dubbatu.

Waa'ee Obbo Getaachoo namoonni biroon kan dubbatan

Gaafa Mudde 3, 2011 balaa boombii Waxabajji 16 ilaalchisuun Itti-gaafatamaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Birhaanuu Tsaggaayee "yakka kana adda durummaan kan gaggeessaniifi maallaqaan kan deggeran Itti-gaafatamaa Odeeffannoofi Tikaa Biyyaalessaa duraanoo [Obbo Getaachoo Asaffaadha]" jedhan.

Obbo Abdii Mohaammed, yeroo pirezedaantii mootummaa naannoo Somaalee turanitti ibsa waa'ee guyyaa 100 jalqabaa Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimad ilaalchisuun gaafa Adooleessa 05, 2011 ibsa kennan akka dubbatanitti, "Getaachoon malaammaltuu, hattuufi nama of jaallatudha.

Finfinneerra taa'ee bulchitoota naanNolee muuda," jedhanii turan.

"Obbo Getaachoo Asaffaa namoonni nagaa hedduun akka ajjeefaman, butaman, hiraarfaman, dararaan irra ga'u, hidhamaniifi biyyaa baqatanii akka bahan godhaniiru.

Safartuu kamiiniyyu Obbo Getaachoon yakkamaafi nama mirgota namoomaa dhiitedha." Kan kana jedhan miseensa Kongireesii duraanii Maayiik Koofmaan Onkolooleessa 13, 2010 xalayaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maayiik Poompewoofi Itti-gaafatamaa Kutaa Qabeenyaa Sitihaa Munishiif yeroo barreessanitti ture.

Obbo Getaachoon ofii isaanii kan dubbatan

Sadaasa bara 2002 "Mootummaan Ertiraa qoqqobbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Manni Maree Nageenyaa irra kaa'een walqabatee, Ertiraan daangaa Itoophiyaafi Sudaan dirree shorokeessitootaa taasisuuf yaalaa jira." Kan kana jedhan Obbo Getaachoo Asaffaadha jechuun fuula marsariitii ministeera dhimma alaa irratti heerameera.

Obbo Getaachoon ji'a Waxabajjii keessa ergamaa addaa Ameerikaa Doondaald Yamamootaa waliin fuulaafi fuulatti walarganii waliin dubbatanii turan. Obbo Getaachoon "warri akka Adda Bilisummaa Oromoofi Adda Bilisummaa Uummata Ogaaden mormitoonni irratti ejjennoo Ameerikaan qabdu Itoophiyaan baruu barbaaddi" jedhanii turan.

Obbo Getaachoo Wiikiliiksi akka jedhutti

Waxabajji 01, 2001 Obbo Getaachoo Asaffaa Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa yeroo sanaa kan turan Ireev Hiiksi waliin marii sa'aatii afuriif ture taasisanii turan.

Yeroo mariyatanitti ABOfi ABBOn sochii isaan taasisan nageenya keessoo Itoophiyaatiif sodaachisaa akka ta'e, gabaasaaleen sagaleen Ameerikaa madaalawaa akka hin taane, miseensa duraanii ABUTiif Ministira Ittisaa kan turan Obbo Siyyee Abrahaa paartii siyaasaa isaanii keessatti dandeettiin dhiibbaa uumuu isaanii dabalaa dhufuun akka isaan yaachise Ambaasaaddara kanaaf ibsanii turan.

Dabalataanis Obbo Getaachoon filannoo bara 1997n booda kantiibaa magaalaa Finfinnee ta'anii kan muudamanii turan Dr. Birhaanuu Naggaatiin "mankaraarsaa" jedhaniiru jechuun Wiikiliiksi saaxileera.

Odeeffannoon Wiikiliiksi miliqee bahe akka agarsiisutti hariiroo Itoophiyaan Ameerikaa waliin qabdu isaaniif hin liqimfamu ture.

Onkoloolessa 26, bara 2002 Obbo Getaachoo Asaffaa dabalatee Ministira Dhimma Alaa yeroo sanaa kan turan Obbo Siyyum Masfiniin jilli durfame tokko gara Ameerikaa deemanii Ministira Dhimma Alaa Hilaarii Kilinten waliin mariyatanii turan.

Yeroo marii sanattis nageenya irratti walgargaaruu, bulchiinsa dimokiraasiifi fooremiin dinadgee kan ka'anii turan yommuu ta'an, Hilaarii Kilinteen tasgabbii dhabuun Gaanfa Afriikaa Itoophiyaadhaaf ba'aa biraa akka ta'e heeruun hariiroo dhimma nageenyaa irratti biyyoota lamaan gidduu jiru jajaniiru jedhan Wiikiliiksiin.

Hilaarii Kiliinteen jila gara Ameerikaa deeme kanaan, mootummaan Itoophiyaa humna nagaa Somaaliytaa eegsisaniif leenjii akka kennaniifi mootummaa ce'umsaa Somaaliyaa osoo walirraa hin kutiin deggersa akka kennaniif hubachiisuu isaanii baaseera Wiikiliiksiin.