Yaa'ii ADWUI: Yaa'iin ADWUI ija xinxaltoota siyaasaatiin

Hasxaa Yaa'ii ADWUI 11ffaa

Madda suuraa, Waajira ADWUI

Ibsa waa'ee suuraa, Hasxaa Yaa'ii ADWUI 11ffaa

Yaa'ii ADWUI 11ffaa amma itti jiru kan kanaan duraarraa maaltu adda taasisa? Rakoon kora kana irratti ka'uufi maaltu eegama? Hayyuun dhimma kanarratti xiinxala isaa BBC'tti himeera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Korri ADWUI baranaa kun erga Addichi gara aangootto dhufee adda ta'a jedhu hayyuun

Dhimmoonni yaa'iin ADWUI tibbana addaa taasisu ni jiraatu jedheen amana jedhu Obbo Dajanee Tasamaa xinxalaan siyaasaafi Gulaalaa Olaanaan gaazeexaa Heraald kan duraanii.

Bu'uurri yaa'iichaas kun kan hundaa'uu bu'ura dhaabbilee siyaasaa miseensootaa Addichaa ta'an irratti waan ta'eefuu, paartiileen arfanuu yaa'ii mataasaanii gaggeeffataniiru. Haala adeemsa yaa'ii paartiilee kanneenii gaggeefamee irraa ammoo bu'uurru addaa kan jiru fakkaata, jedhaniiru.

Akka Obbo Dajaneen jedhanitti, keessuumaayyuu Paartiin Dimokraatawa Oromoo (ODP0 fi Paartiin Dimokraatawa Amahaaraa (ADP)n lammeenuu haala ofiitti amantummaa kana duraa hinturreen yaa'ii isaanii akka gaggeefatan kan agarre jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatunis dhaabbanni Sochii dimokraatawa Ummattoota Kibbaas waan boqonnaa haarawaa waan eegalan fakkaatu jedhaniiru.

Bifa haarawaa kan hinagarsiisuun Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) kan jedhan Obbo Dajaneen, jijjirama maqaa fi miseensaa illeen taasisuuf hinfeene jedhaniiru.

Haa ta'u malees, jijjiramni paartilee siyaasaa sadan keessatti mul'ate kun waan haarawaa kan maddisiisu ta'u mala jechuun akka amanan himu.

Gamtaa ykn qindoomni duraan turee kan olaantummaa ABUT itti calaqisee malee gamtaa walqixummaa paartiilee siyaasaa miseensaa keessatti calaqisee akka hinturre amanu Obbo Dajaneen.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Waa hunda hin dubbatan,'' jetti boolli qayyaa- Taayyee Danda'aa

Amma garuu warri ABUT akkuma duraa sanaan adeemna yoo jedhan kun kan isaan baasuu natti hinfakkaatu jechuun garaa garummaa firoormii paartilee miseensaa keessatti gaggeefamaa jiru himu.

Itti dabaluunis ABUTn haala adeemsa isaarraa akka hubatameetti waan qaama jijjirama dhuufaa jiruu ta'uu barbaadu hinfakkaatu kan jedhan Obbo Dajaneen, yaa'ii kana irratti falmiin yaadaa ABUT fi paartiilee siyaasaa sadan jidduutti akka cimu danda'u tilmaamaniiru.

Jijjiramawwan paartilee miseensaa keessatti mul'ataa jiru keessuummeessuf ammoo seeraa ittiin bulmaataa fooyyeessuun waan barbaachisu natti fakkaatas jedhaniiru. Kanaafuu ''gaaffii guddaan jiraatu ABUTn qaama jijjirama kanaa ta'uun itti fufama moo yookaas hinta'u kan jedhu ta'a jedheen yaadas'' jedhaniiru.

Akkasumas akka Obbo Dajaneen dubbataniitti, ajandaaleen akka yeroo filannoon itti gaggeefamuu, haala paartiilee siyaasaa bakkeedhaa dhufan itti hirmaachisan, attamiin seeroota barbaachisan jijjirraa kan jedhaniifi mata dureewwan biyyaaleessaa ijoo ta'an irratti ni marii'achuun akka qaama biyya bulchu tokkootti murtee dabarsuu qabaatu.

Walumaagalatti tibba kanatti dhimmoonni paartiilee kanneen wal falmisiisu hedduufi ijoon akka jiran himu, Obbo Dajaneen.

Gama dura taa'aa addichaa ilaaluun ammoo waan duubatti deebii'uun waan haaraa kaasan natti hinfakkaatu jedhaniiru. Kanaafis sababa yoo eeran, tibba Dr Abiyyi gara aangootti dhufan sadarkaan biyyattiin irra turtee baayyee yaachisaa kan turee yoo ta'u ammas irra deebiin kan biraa mudna jechuun balaa malee bu'aa hinqabaatuus jedhaniiru.

Akka Obbo Dajaneetti, filannoon yeroo kanatti ADWUIn qabuu jijjirama dhufee gara fuuladuraatti deemsiisuu qofaadha. Kunis paartiilee miseensaa jalaa kan dhokate natti hinfakkaatu jedhaniiru.