Imala muuxachuu DhDUO

Madda suuraa, OPDO Official
Moggaasa maqaasaa gara Paartii Dimokiraatawaa Oromoo 'ODP'tti kan jijjiirrate Dhaabbata Dimokiraatawaa Ummata Oromoo DhDUO yaa'ii dhaabbatummaa 9ffaa magaalaa Jimmaatti taa'aa ture goolabee jira.
Paartichi Dr. Abiy Ahimad dura taa'aa, Obbbo Lammaa Magarsaa dura taa'aa itti aanaa gochuun hanga yaa'ii itti aanutti akka hogganan filatee jira.
Kana malees miseensota koree hoji raawwachiiftuu miseensota sagal qabus filateera.
- Dr. Abiy Ahimad
- Obbo Lammaa Magarsaa
- Dr. Workineh Gebeyehu
- Obbo Addisu Araggaa
- Obbo Birhaanuu Tsaggayee
- Aadde Adaanech Habeebee
- Obbo Shimallis Abdiisaa
- Dr. Alamuu sime
- Obbo Fiqaaduu Tasammaa kanneen miseensota koree hoji raawwachiiftuu ta'anii filamani.
Paartichi maqaan alattis asxaafi faaruu dhaabaas jijjiiree jira.
Miseensota buleeyyii 14 miseensummaa irraa geggeessuun, miseensota koree giddu galeessaa haaraas filatee jira.
Koree kana keessattis hoggantoota haaraafi dargaggeeyyii hedduu makatee jira.

Obbo Taayyee Danda'aa, Dr. Milkeessaa Miidhagaa, Injinar Taakkalaa Uumaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, Obbo Warquu Gaachanaa fi Aadde Leellisee Lammii miseensota koree kanaa haaraa filataman keessaa muraasa.
Miseensonni geggeeffaman:- Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa
-Obbo Geetaachaw Badhaanee
-Obbo Kumaa Dammaqsaa
-Obbo Girmaa Birruu
-Obbo Dirribaa Kumaa
-Obbo Isheetuu Dassee
-Obbo Tafarii Xiyyaaruu
-Obbo Shifarraa Jaarsoo
-Obbo Daggifee Bulaa
-Obbo Abarraa Haayiluu
-Ambaasaaddar Sulaymaan Daddafoo
-Obbo Ittafaa Tolaa
-Daanyaachaw Shiferraa
-Ambaasaaddar Giiftii Abbaasiyaa
Paartichi asxaa paartiisaarratti jijjiirama hamma ta'e taasisuuf akka jirullee beeksiseera.
Yaa'ii kanarratti ODP'n hoggantoota qabsoo dhaaba kanaa hundeessaniifi dhaaba kana asiin ga'uu keessatti aarsaa kaffalan jedheef beekamtii kenneera, kabajaanis geggeesseera.
Sirna geggeessaa hoggantoota buleeyyii kanarratti dura ta'an paartichaa fi MM Dr. Abiy Ahimad miseensonni geggeeffaman kunniin seenaa qabsoo Oromoo keessatti bu'aa ba'ii baay'ee keessa darbuun qabsoon Oromoo akka sadarkaa kanarra ga'u ga'ee guddaa ba'aniiru jedhan.
Ammas qabsoo fuulduraa keessatti akka deggersa taasisan gaafatan, hoggantoota haaraa amma dhufneef deggersaafi fakkeenya ta'uun nu geggeessitaniittu jechuun galateeffataniiru.
Hoggantoonniifi hundeessitoonni geggeeffaman keessaas Obbo Abbaaduulaa Gammaddaa akka jedhanitti bu'aa ba'ii baay'ee keessa dabarree as geenyeerra jedhan.
"Qabsaa'ota baayeetu wareegame, nus amma humna keenyaa ummata keenya tajaajjilleerra erga jedhanii, ammas adeemsa qabsoo walxaxaa fuuldura jiru kana deggeruuf qophiidha" jedhan.
Miseensota geggeeffaman keessaa Kumaa Daammaqsaas jijjiirama amma dhufe kana milkeessuuf waan nurraa eegamu ummata keenyaaf gumaachuuf qophiidha jedhaniiru.














