MM Dr. Abiy Ahimad: 'Qubni tokko yoo dhukkubsate, qaamni kaan fayyaa hintahu''

MM Dr. Abiy Ahimad

Madda suuraa, Fitsum Arega

Dhaadannoo 'Tokkummaa Biyyaa, Misooma Hundagaleessaaf' jedhuun har'a ganama kan eegale yaa'ii ADWUI 11ffaa irratti, dhaabbileen ADWUI afran, bakka buutoonni paartilee deeggartootaa fi biyyoota alaa irratti argamaniiru.

Dura taa'aan ADWUI fi Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad haasaa baniinsaa taasisaniin, yaa'iin kun egeree biyyattii kan murteessuudha jedhaniiru.

ADWUI'n hudhaalee isa mudatan karaa saayinsaawaa taheen hiikuun furmaata itti kenneerra kan jedhan Dr. Abiy, ''jijjiirama kan gaggeessinu uummata keenya qabaneetti,'' jedhan.

Ministirri Muummee dabaluun, Itoophiyaan biyya dargaggootaati, urjii jaarraa 21ffaa ta'uuf carraaqaa biyya jirtudhas jedhan.

Biyyi kan guddattu walharkaa fuudhiinsaani, kan jedhan Dr. Abiy, dhaloonni si'anaa abaaruu mannaa, dhaloota dabre galateeffachuun irraa barachuu qabas jedhaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Yaa'ii ADWUI irratti hawaasni maal jedhu?

Cee'umsi dhalootarraa dhalootatti taasifamu, galata waliif galchuurratti kan hundaa'e akka ta'uuf, sirna hordofuun akka barbaachisus ibsaniiru.

Bakka walbuusuun aadaa siyaasaati malee, ta'ii walnyaachuu akka hintaaneef seera kaa'uun barbaachisaadhas jedhan.

Kana malees 'Itoophiyaan hooggantoota hojii caalmaa qabu hojjechuun beekaman qabdus, hoggantoonni lammiisaanii irratti gocha suukanneessaa raawwatanis turaniiru,'' jedhan.

'Qubni namaa tokko yoo dhukkubsate, qaamni kaan fayyaa ta'uu hin danda'u. Gidduu keenya keessaa eenyuyyuu yoo miidhame, hunda kenyaatu miidhama.

Inni tokko yoo buqqa'e, hunda keenyatu buqqa'a. Inni tokko duunaan, hundatu du'a. Kanumaafis jedhan Dr. Abiy, 'biyya bareedduu hunda keenyaaf taatu ida'amuun haa ijaarru jennuuf.

Bulchiinsi fedeeraalizimii hanga caasaawwan naannoolee fi eenyummaa sabaa walitti hinbuufneetti Itoophiyaadhaaf filannoo isa jalqabaati.

Naannoleenis lammiilee hunda garaagarummaa fi loogii tokko malee haala walqixa ta'een tajaajiluu qabaatu.

Asxaa Yaa'ii ADWUI 11ffaa

Madda suuraa, Facebook/EPRDF

Gama biraatiin ammoo, ''Eenyuyyuu taanaan Itoophiyaa kophaa koon ijaare jechuu hin danda'u,'' kan jedhan MM Dr. Abiy, Itoophiyaan dafqaafi dhiiga hunda keenyaan ijaaramte waan taheef kan walii keenyaati jedhaniiru.

Dabaluunis dhaabbilee deeggaroo tahan gara miseensummaa dhaabichaatti fiduunis dhimma ijoo marii yaa'ii kanaa akka tahes dubbataniiru.

Yaa'iin Dhaabbatummaa ADWUI guyyoota sadiif taa'amu kun, dhimmoota gurguddoo biyyattiirratti murtoo dabarsa jedhamee eegama.