Yaa'iin dhaaba naannoo Amaaraa bulchu Saba Amaaraatiin eessaan ga'a laata?

Hasxaa Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Hasxaa Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa

Paartilee afran ADWUI hundeessan keessaa tokko kan ta'e Sochiin Dimokiraatawaa Saba Amaaraa yaa'ii isaa har'a jalqabuuf jira.

Jijjiirama yeroo ammaa biyya keessatti dhufaa jiruun kora kanarraa waan baayyeen akka eegamu himamaa jira.

Namoonni dhaaba kana hundeessan ka'umsi isaanii Paartii Warraaqsa Ummattummaa Itoophiyaa (Ihaappaa) jedhamu keessaa ture. Osoo maqaa 'Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa' hin moggaafatiin dura 'Sochii Dimokiraasummaa Uummattummaa Itoophiyaa (Ihideen) kan jedhuun hundaa'ee ture.

Maqaan kun kan jijjiirameefis akkuma paartilee miseensota ADWUI biroo bakka bu'ummaa saba naannoo akka qabaatu gochuu ture.

Akka miseensa ADWUI tokkoottis jijjiiramoota walfakkaataniifi murteewwan gara garaa dabarrsuun raawwachiisaas tureera.

Kanumarraan kan ka'e namoonni hedduun Sochiin Dimokiraatawaa Saba Amaaraa ejjennoo siyaasaa kan ofii isaa ta'e hin qabu jedhu. Akka maqaa moggaafatetti sabuma bakkan bu'a jedhullee mirgaafi faayidaa isaanii eegsisuu hin dandeenye jedhu.

Keessaattuu saba Amaaraa naannoo Amaaraatiin ala jiran yeroo rakkoon gara garaa isaanirra ga'u dhaabichi callisaa waan tureef ga'ee irraa eegamu hin baane jedhu.

Qaamoleen gara garaa namoonni bakka gaggeessummaa ol aanaa Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa irra kan turan saba Amaaraa keessaa waan hin taaneef saba kana bakka bu'uu hin danda'an jechuudhaan akka keessa ba'aniifis socho'aa turaniiru.

Saba Amaaraa bakka bu'uun sirriitti tajaajiluu dhabuu qofaa osoo hin taane qabeenya dhaabichaa qisaasessaniiru, akkasumas akka qabeenya dhuunfaa isaaniitti dhimma itti ba'aniiru.

Miseensota Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa komiin irratti ka'aa ture keessaa Obbo Barakat Simo'ooniifi Obbo Taaddasee Kaasaa adda durumaan eeramu.

Kana waliin walqabatee Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa yaa'ii walakkeessa Hagayyaatti taasiseen Obbo Barakat Simooniifi Obbo Taaddasee Kaasaa rakkoo Korporeeshinii Xirat jedhamurratti uumaniin hanga yaa'ii isaanii kan itti aanutti akka turan murtee dabarseera.

Murtee kanaa boodas miseensonni dhowwaman kunneen miseensota Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa hafan biroo waliin dhaabbileen sabaa himaalee irratti dhiyaatanii afaan keessa walba'aa turaniiru.

Yaa'iin Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa ammaa kun Obbo Barakatiifi Obbo Taaddaseerratti murtee isa dhumaa dabarsuun alatti miseensota hundeessan biroos ni gaggeessa jedhamee dubbatamaa jira.

Waanti ifa hin ta'iin jiru garuu akka ODP'n taasise kabajaan gaggeeffamuu kan jedhudha.

ADWUI'n yeroo dheeraadhaaf dargaggoota aangessuurratti hin hojjetan kan jedhuun qeeqamaa erga tureen booda ji'a ja'an darbe keessa jijjiiramni Addicha keessatti dhufeen kan Ministeera Muummee ta'an Dr. Abiy Ahimad seenaa jijjiiraa jiru.

Jijjiirama jajjaboo fiduun alattis dargagoota gara aangootti fidaa jiru. Kun miseensota ADWUI keessatti dhimma ijoo ta'ee irratti hojjetamaa jira.

Kana waan ta'eefis Paartiin Naannoo Amaaraa bulchu kun akkuma ODP aanga'oota buleeyyii gaggeessuun dargaggoota haarawaa gara fuula duraatti fida jedhamee eegama.

Kana gochuudhaanis qalbii dargaggootaa qabachuudhaan kan isa dorgomaa jiru Sochii Amaaraa Biyaalessaa (ABIN) ittiin mo'achuuf gargaaramuu danda'a.

Sochii Dimokiraatawaa Saba Amaaraa"Jijjiiramicha itti Fufsiisuun Faayidaa Saba Amaaraafi Tokkummaa Dimokiraasummaaf" dhaadannoo jedhuun yaa'ii isaa kana kan gaggeeffataa jiru.

Gama hundaan jijjiirama fidu kan jedhan murteewwan gurguddoo taasisuun uummata biratti paartii filatamaa ta'uudhaaf kan isa dandeessisu hojjechaa jiraachuu yeroo gara garaas dubbateera dhaabichi.

Kana malees akkuma ODP'n taasise moggaasa dhaabichaa dabalatee dhimmoota siyaasaa biroo irrattis murtee foyyeessuu akka raawwatu eegamaa jira.