Obbo Getaachoo Asaffaa bu'uura seeraa kamiin dabarfamee kennamu danda'a?

Madda suuraa, Mark Metcalfe
Abbaan Alangaa Federaalaa himannaa sarbuu mirga namoonaatiif Getaachoo Asaffaa dabarsee akka kennuuf ajaja itti baasuulleen motummaan Naannoo Tigraay fedhii hinagarsiifne jedhe.
Daarektarri Abbaa Alangaa Federaalaa Waliigalaa Obbo Birhaanuu Tsagayeee kana kan dubbatan wayita dhiheenya kana gabaasa raawwii hojjii waajjirasaanii baatii shanii mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiheenya kana dhiyeessanii turan.
Gaaffii miseensoota mana marichaatiin Getaachoo Asaffaa Hoogganaa Odeeffannoofi Tikaa Mootummaa Federaalaa duraanii maaliif qabuun dadhabame jechuun gaaffii dhiyaateef deebii yoo kannan, naannoo keessatti argamu Tigraayiif gaaffii dhiyeessu dubbataniiru.
Itti dabaluunis obbo Geaachoon miseensa mana maree bakka bu'ootaas ta'e kan naannoo akka hintaane ibsanii, ''Naannoo Tigriraatti dhokatanii ragaa qabna. Naannichi dabarsee akka nuuf keennu gaaffannee fedhii osoo hinagarsiisiin hafeera,'' jedhaniiru.
''Isa qabuudhaaf jecha nama ajjeessuun nurra hinjiru ''kan jedhan Obbo Birhaanuun, miidhaan namootarra gaheefi sarbamni mirgootaa namoomaa qaqaban gaddisiisuu qabu malee namoota dhuunfaaf dahannoo kennuun hinqabnus jedhaniiru.
Naannoo Tigraay Getaachoo Asaffaa dabarsee kennaa? Seerri maal jedha?
Mootummaan Naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Aseffaa dabarsee ni kennaammoo hin kennu kan jedhu ija seeraatiin akkamitti ilaalama?
Yunvarsiitii Maqaleetti Kutaa Barnoota Seeraatti Ogeessa Seeraa kan ta'an Dr. Mangistuu Arafaayinee akka jedhanitti mootummaan qophaa isaa kan murteessu miti.
Miirri uummataafi yaadni uummataa fudhatama qabaachuun barbaachisa kan jedhan Dr. Mangistuun, yaadniifi miirri amma mul'ataa jiru garuu dhimmi nama dhuunfaa tokko dabarsanii kennuufi dhiisuu qofa miti; kan kana irra kan darbudha.
Akka Dr. Mangistuun jedhanitti, hojiin dursi kennamuufii qabu dura nageenya biyyaa tasgabeessuudha.
"Itoophiyaan yeroo ammaa kana rakkoo hamaa keessatti argamti. Bulchiinsi haarawaa kun erga dhufeen booda, rakkoowwan hedduutu jiru. Yeroo mirgoonni namoomaa cabaa, namoonni miidhaan sabummaa irratti hundaa'e irra ga'aa jiru kanatti kan dura ta'uu qabu Itoophiyaa tasgabbessuufi nagaa buusuu ture kan ta'uu male."
Karaa tokkoon namoonni yakka gurguddaa raawwatan biyya keessaa fi ala jiran hiikamaniiru. Biyya alaatiis galaniiru kan jedhan Dr. Mangistuun, karaa biraa ammoo namoota aangoo mootummaa irra turan nan hidha jechuun walitti bu'insa yaadaa uuma.
Kaayyoon amma jiru jijjiirama foyyaa'aa fiduudhaaf namoota hedduu hidhaatii hiikuudhaan dirree siyaasaa bal'isuudhaan Itoophiyaa namni hunduu keessatti hirmaatu uumuuf amoo tokko sodaataa, kaan ammoo gammadaa akka jiraatu gochuudha jechuun gaafatu ogeesi seeraa kun.
Uummanni Tigiraay mootummaa Federaalaa irraa amanataa qabaa?
"Yoo akka kanaa ta'e gaarii miti. Akka ani yaadutti nama dhuunfaa tokko ykn lama humnaan qabanii hidhuun kunuu Itoophiyaa keessatti jijjiirama qajeelaa fida jedhee hin yaadu."
Kara gama biraatiin ammoo namoonni yakka raawwatan bilisaan yaa dhiifaman jechuunis hin ta'u. Rakkoon ammaa 'ol-aantummaan seeraa jiraa?' kan jedhudha jedhechuu gaafatu.
Mootummaan Federaalaa ol-aantummaa seeraan kabachiisa jedhee dubbachaa jiru. Karaa biraatiin ammoo mirgi lammilee yeroo dhiitamutti kun ni ta'aa? Uummanni Tigiraay yeroo ammaa kanatti Mootummaan Federaalaa looguu sabummaa irratti hundaa'e irra bilisa ta'ee haqa ni kenna jechuun hin ammanu jedhu Dr Mangistuun.

Kanaaf jedhan Dr. Mangistuun, bakka kun hin jirretti callisee dabarsaa naaf kennaa nan hidhaa jechuun ofuma isaatiiyyu adeemsa Heera Mootummaa cabsudha.
Naannoon Tigiraay hinkennu yoo jedhe Mootummaan Federaalaa maal godha?
Haala waliigalaa siyaasaa yeroo ilaalamu tokko mo'ee kaan ammoo mo'atee deemuun kan baasu miti jedhan.
Namicha kana yoo naaf hin kennitan ta'e waraanan bana yoo jedhee, Herri Mootummaa Itoophiyaa hin hayyamu. Humnaan ta'uu hin qabu.
"Kana irra darbee ammoo uummanni Tigiraay Mootummaa Federaalaa kana irraa amantaa hin qabu; nuti namoota keenya gocha badiitiif dabarsinee hin kenninu; haqa akka argataniif miti; hojii haaloo bahuuti isaan irratti hojjetamaa jira jedhee yoo amane miira uummataa kana duubatti jechuun humnaanan fudhadha jedhee kan milkaa'uuf natti hin fakkaatu."
Garuu kan ta'uu qabu mariifi waliigalteedhaan uummanniifi mootummaan haqni ni argama jedhee yoo itti amane kan hin taane hin jiru. Humnaan taanaan Heerri Mootummaa ni caba."
Obbo Getaachoon bu'uura seeraa kamiin dabarfamanii kennamuu danda'u?
Labsii Manneen Murtii Federaalaa Lakk 25/1996 keewwata 4.3 aangoo manneen murtii Federaalaa murteessuu bahee irratti manneen murtii Federaalaa yakkawwan mirgoota namootaa irratti raawwatan irratti aangoo akka qaban labsa.
Haaluma kanaanis oggeessi seeraa Obbo Adii Daqaboo namni yakkaan shakkame tokko eenyus ta'e, yakki ittiin shakkame hanga aangoo motummaa federaalaa jalatti kan kufu ta'eetti, motummaan federaalaa hayyama eenyutuu osoo hingaafanne naannoo kamuu galuun shakkamaa to'annoo jala olchuuf aangoo qaba jedhu.
Gosawwan yakkaa manneen murtii federaalaa aangoo murteessu qabaatan keessaa , yakkawwan mirga ilmaan namootaa irratti raawwataman dabalatee yakkawwan motummoota biyyoota biraa irratti raawwataman, yakkawwan nageenya balaliinsa qilleensaa ilaalaniifi yekkoon kanneen kan fakkaataniidha.
Akka Obbo Adiin jedhanittis, yakka namni tokko wayita hojataa motummaa federaalaa tureetti raawwateera jedhamuun shakkameef yoo jiraate, motummaan federaalaa hayyama naannoo kamii osoo hinbarbaachifne shakkamaa to'annoo jala olchuun qorachuuf aangoo qaba jedhu.
Haaluma walfakaatuunis, oggeessi seeraa kan biraa Obbo Efreem Taammiraatis, motummaan naannoo tokko nama sarbama mirgoota namoomaatiin shakkameefi abbaan alangaa federaalaa himannaa irratta bane, dabarsee hin kennu jechuun heera mootummaa, seera yakkaa federaalaa, labsii aangoo manneen murtii federaalaa daangeessuu bahee, seera sirna adaba yakkaafi labsii hundeefama poolisii federaalaa cabsa jedhu.
Akkasumas London Yunvarsiitii Keelitti barsiisaa Seeraa kan ta'an Dr. Awwol Qaasim Aloo bakka gaaffiin Heeraa itti ka'u yoom akka ta'e ibsu.
Mootummaan naannoo mootummaa federaalaatiin aangoo heerri mootummaa kenneef naannoo koo keessatti hojiirra oolchuu hin danda'u jedhu gaffii heeraa kaasa jedhu.
Akka Dr. Awwol jedhanitti, kana jechuun mootummaan naannoo aangoo heeraan kennamiifiin ol hojjechaa jira ykn ammoo qaama heeraan aangoon kennameef hojii isaa akka hin raawwanneef gochaa jira jechuudha. Kanaaf, karaa heeraatiin waan ilaalamudha. Manni murtiis kana ilaalee murteessuu danda'a.
Yeroo waliigalteen akkasii uumamu kan ta'u gara mana murtii deemuudha kan jedhan Hayyuun seeraa kun qaamni heericha hiiku jira. Qaamni seera hiiku kun murtii isaarra yoo gahe mootummaan naannoo murtii sana raawwachuun dirqama itti ta'a jedhu.
Yoo mootummaan naannoo waanta sana kan raawwachuu didu ta'e mootummaan federaalaa heera sana irratti hundaa'ee murtii sana irratti tarkaanfii fudhachuu ni danda'a, jechuun ibsu Dr. Awwol.
Mootummaan federaalaa ol-aantummaa heeraafi seeraa kabachiisuudhaaf tarkaanfii fudhachuu ni danda'a
Heera eeguun dirqama mootummoota hundaati, mootummaa naannoos, mootummaa federaalaas. Irra caalaa garuu kan mootummaa federaalaati jedhan.
"Heerri federaalaa heera naannoo waan caaluuf manni murtii waldhabdee mootummaa naannoofi federaalaa gidduu jiru ilaalee murtii yoo murteesse garuu naannoowwan murtii sana fudhachuu kan didan yoo ta'e mootummaan federaalaa ol-aantummaa heeraafi seeraa kabachiisuudhaaf tarkaanfii fudhachuu ni danda'a jechuudha."
Akka Dr. jedhanitti gaaffii heeraafi seeraa qofa hin ta'u, siyaasaa waliinillee waan walqabatuuf rakkoo adda addaa fiduu ni danda'a.
Garuu heerri rakkoo kana akka itti hiiku qaba. Naannoowwan nama tokko kennuu didan jedhanii waraanatti deemuun ykn ammoo waanta biraatti deemuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Sababiin isaas yeroo gababaadhaan booda namoonni sun qabamuun isaanii hin oolu jechuudha, jedhu Dr. Awwol.














