Heera Mootummaa Itoophiyaa: Mirga foxxoquu yoomifi akkamitti

Heerri Mootummaa Itoophiyaa waggoota 23 dura seera olaanaa biyyaattii ta'uun raggaasifame keewwatoota 106 qabateera.
Heerri kun wayita barreeffamuu eegalee 'saboota, sab-lammootaafi ummattotaa biyyattiif hanga foxxoquutti' mirga kan kenne keewwanni heerichaa 39ffaan kan hedduu wal nama mormisiise akka ta'e himama.
Keewwatichi mirga sabooti, sablammootiifi ummattoonni biyyaattii hiree ofii ofiin murteeffachu kan mirkanneesseefi, mirgi kunis hanga federeshiinii keessaa foxxooquun biyya bilisaa ta'uutti kan deemu ta'u akeeka.
Keewwanni kun tokkummaa biyyaa rakkina irra buusuufi balaa adda ba'uu of keessatti kan qabateedha jechuun kanneen morman jiru.
Gama biraatiin ammo sabaafi sab-lamoonni biyyatti mirga hanga foxxooquutti gahu qabaachuun garaa garummaa haalaan kessummeessuuf, akkasumas tokkummaa wal kabajuu irratti hundaa'ee cimsuun wabii tokkummaati jedhanii kan deeggaran jiru.
Wal-mormiin dhimma kanarratti taasifamu erga gaafa heerichi barraa'ee dhaabatee hin beeku.
Wal-mormiin keewwata kanarra jiru waggoota 20 ol turuun isaa, tarii hojiin manaa murtee uummataa barbaadu jiraachu kan mul'isuudha jedhu barreessaan kitaaba 'Keewwata 39' oggeessi seeraa Obbo Wubishet Mulaat.
''Jalqabumaa kaasee qaamolee heericha wixinneessuun mirkanneessan jidduutti garaa garumaa uumee ture taanaan, gara ummataatti fiduu wayya ture. Erga heerichi raggaasifameen boodas kun taasifamu ni danda'a ture'' jedhu.
Foxxooquudhaaf maaltu barbaachisaa?
Dhiheenya kana jeequmsi magaalaa guddoo naannoo Somaaleetti ka'een lubbuun namootaa baduun qabeenyis barbadaa'eera.
Ka'umsi jeequmsa kanaa pirezidaantiin naannichaa duraanii obbo Abdii Mahaammad Omaar keewwata 39'tti fayyadamuun naannicha biyyattii irraa foxxoqsuuf yaaluudha.
Foxxoquun akka kanatti salphaafi dhihoo ta'ee mul'achuusaan namooti yaaddoo ibsatan hedduudha.
Heerichi mirga foxxoquu daangaa tokko malee mirkanneessa kan jedhan Obbo Wubishet, adeemisi keessa darbamu jiraachu himu.
Gaaffiin foxxoquu jalqaba caffee mootummaa naannootiin deeggarsa harka sadii keessaa lamaa argachuu qaba.
Murteen mana marichaa erga darbeen booda waggoota sadi keessatti mootummaan federaalaa murtee ummataa ykn riifarandamii qopheessa.
Murtee ummatichaatiinis ummanni walakkaan olii ykn 50+ yaada foxxoquu sana yoo deeggare, motummaan federaalaa aangoo kennaaf.
Akkasumas qoodiinsa qabeenyaas ni taasisa.
Oggeessa seeraa fi siyaasaa kan ta'an Obbo Kiyyaa Tsagaayee gama isaanitiin keewwanni 39 'bal'aafi hiikkaaf banaadha' jedhu.
Ulaagaalee tarreeffamaniin alatti, dambiin hojiirra olmaa adeemsa foxxoqu waggoottan 20 darban keessatti akka hin baafamiin dubbatu.
Wayita seerichi wixineeffamuufi mirkanaa'utti kaayyoon keewwatichaa inni guddaa maal ture gaaffii jedhu hubachuuf qaboo yaa'ii wayita sana ture ilaaluun barbaachisa ta'uu ibsu.

''Mirgi foxxoquu haala siyaasaa yeroo sana ture tasgabbeessuufi gareewwan siyaasaa adda addaa wayita sanatti shakkii qabaataniif wabii kennuuf yaadamee kan hammatame natti fakkaata,'' jedhaniiru.
Kaayyoon isaa kanuma waan ta'eefis dambiin hojiirra oolmaa osoo hin qophaa'iniif hanga yoonaa ture jedhu Obbo Kiyyaan.
Rakkoolee hojiirra olmaa
Hanga dimokiraasiin amantaa ummataa fi fudhatama qabu hin jirretti manni maree seera tumu tokkoo sirriitti uummata sana bakka bu'a jechuuf ni ulfaata akka Obbo Kiyyaan jedhaniitti.
"Manneen maree naannolee, filannoo amanamaa hin taaneen miseensota paarti tokko qofaan guutamee jira. Namoonni kunneen qixa sirriin fedhii jiraattota naannichaa bakka bu'uu kan jedhu irratti gaaffin qaba" jedhu.
Murteen uummataa dhimmaa guddaa akka foxxoquu irratti sagalee walakkaa ol ykn 50+ ta'uun isaa sirrii miti kan jedhan ammoo Obbo Wubisheti.
Chaartara ragga'uu heerichaan dura ture irratti haal-dureewwan foxxoquun akka hojiirra hin oolle dhorkan turan kan jedhan Obbo Wubishet, heera keessas osoo jiraatanii yaada jedhu qaba.
Murteen uummataa ykn riifarandamiinis miiraan raawwatuu waan danda'uuf osoo hojiitti hin hiikamiin yeroon itti yaadan osoo jiraate, marroo lammataaf filachuunillee osoo danda'amee gaariidha jedhu.
Naannoon tokko mirga foxxoquu osoo goonfatee qoodinsi qabeenyaa attamiin raawwata kan jedhu rakkoo biraati jedhu.
Seeri ittiin waan raawwatan hin jiru, seera idil-addunyaatiin qoodama moo akkam ta'a jechuun gaafatu.
Akka Obbo Kiyyaan jedhanitti ammoo heerri mootummaa Itoophiyaa sabaafi sab-lammootaaf malee naannoleef mirga foxxoquu hin kennine, kanaaf dhimmi sabaafi sab-lammiilee naannicha keessa jiraatanii hudhaa biraati.
Uummanni foxxoquu irratti filannoo taasise yoo filannicha irratti ol-iyyannoo qabaate kan iyyatu mootumma Federaalaatti, filannichas kan qindeessu boordii filannoo federaalaati kunis rakkoo uumuu mala jechuun ibsu Obbo Wubishet.
Erga MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufanii as sagaleen namoota keewwatni 39 akka haqamu gaafatanii dabalaa jira.
Kuni garuu yeroo dhiyootti waan yaadamu hin fakkaatu jedhu ogeeyyiin kunneen.















