Nataalii Haarp: Dubartiin ergaa Tiraamp miidiyaa hawaasarratti maxxansu barreessuu dabalatee bakka maratti wajjin sochootu eenyu?

Nataalii Haarp yeroo helikoptara Marine One irraa Pirezidaant Tiraamp waliin buutu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Bakka Tiraamp jiru maraa hin dhabamtu. Tiraamp Waayit Haawus gaafa jiru wajjin jirti. Xayyaara Pirezidaantiin Ameerikaa qofti ittiin imalu Air Force One dhaan gaafa biyya biraa deemus, namoota Tiraampif amanamoo waliin imalan keessaa tokko. Imala Tiraamp biyya keessafi alatti taasisu kamuu irraa hin haftu.

Namoota Tiraampitti heddu dhiyaataniifi innillee amanu keessaa isheen angafa.

Nataalii Haarp jedhamti; gargaartuu Tiraamp. Gabaasi Niwu Yoork Taayims dhiyeenya baase akka agarsiisutti, sambattan illee boqonnaa osoo hin fudhatin Tiraamp tajaajilti.

Waan Tiraamp yeroo yeroon fuula miidiyaa hawaasaa irratti maxxansu isheetu barreessa. Tiraamp bakka bu'uun gaggeessitoota biyyoota garaa garaaf ergaa barreessiti. Golli Waayit Haawus ishee harka jira jechuun ni danda'ama.

Fuulduratti baatee yeroo heddu miidiyaarratti hin mul'attu; garuummoo bakka Tiraamp jiruu dhabamtee hin beektu.

Nataalii Haarp nama ganna 35 yoo taatu, Waayit Haawus keessatti namni akkashee Tiraampitti dhiyaatu hin jiru jedhama.

Ji'a tokko dura Tiraamp walgahii NATO Turkiitti gaggeeffamerratti hirmaatee gaafa deebi'u, Iraan haleellaa gaggeessuufi yaaddoo jedhuun xayyaara Air Force One keessaa baafamee icciitiin konkolaataa nyaata deddeebisu keessa godhamee xayyaara waraanaan gaafa achii baafamu, namoota muraasa isa wajjin xayyaara waraanaa keessa turan keessaa tokko Nataalii Haarpidha.

Akka gargaartuu Pirezidaant Tiraampitti, itti gaafatamummaa heddu qabaattus, Tiraamp waan miidiyaa hawaasaa irratti maxxansuu barbaade ykn gaggeessitoota biyyoota garaa garaaf barreessuu barbaade kan qixeessuu, barreessufi maxxansu akkasumas gaggeessitootaaf ergu dubartii Tiraamp akkaan itti amanu kanaadha.

Nataaliin Tiraampirraa ijashee hin buqqistu. Waan Tiraamp barbaadu kan kennuuf isheedha.

Ofii dubartiin ganna 35 kun akkamiin qalbii Tiraamp hawwatte? Umurii kanatti gargaartuu pirezidaantii Ameerikaa akkamiin taate?

Osoo hin eegamin gola Waayit Haawusiin baate

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Nataalii Haarp maatii Kiristaanummaa leellisan keessaa Kaalifoorniyaatti dhalatte. Akkaataan itti Waayit Haawus seentes adeemsa siyaasaa dheeraa keessa dabartee miti.

Qalbii Waayit Haawus akka argattuufi Tiraamp biratti beekamtii akka argatti kan ishee taasise, "Tiraampitu lubbuu koo oolche" jettee miidiyaa hawaasaa irratti dubbachuusheeti.

Tiraampifi Nataaliin kan sirriitti wal baran yeroo pirezidaantummaa isaa jalqabaa yoo ta'u, yeroo sana Tiraamp dhukkubsattoonni tokko tokko qorichoota yaalii waldhaansaaf akka argatan labsii hayyamu mallatteessuu hordofeeti.

Tiraamp seera kan hojiirra oolchuunsaa, dhibee kaansarii lafeen rakkataa kan turte Nataaliin carraa qoricha kana argachuusheef gammaduun Tiraampiif deeggarsa cimaa taasisuu eegalte.

Duula Tiraamp Maga (Make America Great Again) jedhu keessatti beekamtii olaanaa argataa dhufte.

Tiraamp bara bara 2020 yeroo mo'amu, "sagaleen hatameera malee Tiraamp mo'ateera" jechuun kanneen duula gaggeessaa turan keessaa tokko turte.

Tiraamp deebi'ee akka filatamuuf boordii bara 2020 hundaa'uun duula gaggeessaa turetti yoosuma makamte.

Paartiin Rippaabilikaanotaa Konveenshinii Biyyaalessaa bara 2020 qopheesse irratti argamuun waa'ee dhibee kaansarii ishee qabeef osoo Tiraamp jiraachuu baatee namni qoricha kennuuf akka hin turree haasaan isheen taasiste qalbii qondaalota paartichaa hawwate.

"Qorichoota keemooteraappii gabaarra jiran gaafan dhabe, kilinikoota yaalii isaanii keessatti abbaa kanaa jedhee namni na simatu hin turre. Waldhaansa qoricha yaalii gaggeessuuf kennamu akkan fudhadhu namni naaf hayyame hin turre. Pirezidaant Tiraamp, si qofaatu naaf hayyame. Osoo si ta'uu baatee silaa osoon taa'ee eeggadhuu du'een oole," jechuun erga Tiraamp dhukkubsattoonni muraasi qoricha yaaliin irratti gaggeeffamaa jiru akka argatan seera hayyamu baasee booda fayyadamuushee dubbatte.

Tiraamp haasaa isheen taasiste kana jajuun yaada kennee ture. "Nama akkashee foddaa Televizhiinii ibse argee hin beeku" jedhe.

Nataalii Haarp xayyaara Air Force One irraa yeroo buutu

Madda suuraa, Getty Images

Bara 2020 yeroo Tiraamp mo'amee Joo Baayidan pirezidaantii ta'u Nataalii Haarp miidiyaa leellistoota warra adii deeggara jedhamu One America News Network jedhurratti keessummeessituu taatee dhiyaachuu eegalte.

Tiraamp filannoo bara 2020 sagaleen hatameetu malee mo'atee ture jechuun deeggarsa cimaa gochuufii eegalte.

Obboleessi ishee Piristan Haarp yeroo tokko CNN irratti dhiyaachuun waa'ee Nataalii gaafa dubbatu, umurii dargaggummaashee kaatee abjuunshee hunduu Waayit Haawus seenuu akka ta'e ibse. Tiraampiif jaalala guddaa akka qabdus hime.

Nataalii Haarp dargaggummaarraa kaatee abjuu Waayit Haawus seenuu waan qabduuf pirezidaantota US kanneen akka Joor W Buush fa'iif xalayaa barreessaa akka turte hime obboleessishee.

Obboleettiinsaa dhumarratti Waayit Haawus seenuu hordofee "abjuunshee ni dhugoomeef" jechuun "Tiraampiin baay'edhuma deeggarti, kanaafidha natti fakkaata kan inni ishee jaalatu," jedhe Piristan Haarp.

Nama midhagduu sansakkaa toltu qofa osoo hin taane, amala gaarii akka qabdus hima obboleessishee.

Nataalii Haarp Waayit Haawus keessatti hojiinshee gita beekamaa ta'uu baatullee, hojiinshee pirezidaantii biyyattiif baay'ee murteessadha.

Giti hojiishee gulantaa gara gadii ta'us, Gargaartuu Duree Pirezidaantii kan jedhuudha. Itti gaafatamni ishee loojistikii to'achuu, beellama qabsiisuu, kominikeeshiniin sirnaan gaggeeffamuu to'achuufi hojiiwwan xixiqqaadha jedhaman, garuummoo pirezidaantichaaf murteessoo ta'an hordofuudha. Barreessituu pirezidaantii jechuun ni danda'ama.

Nataalii Haarp adda kan godhu, giti hojii Tiraamp itti ramade kuni bahee akka mul'atu gochuusheeti. Bulchiinsa Tiraampiif deeggarsa guddaa waan qabduuf osoo of hin qusatin hojjatti jedhame.

Nataalii Haarp hammam dhiibbaa uumuu dandeessi?

Tiraamp marsaa lammaffaa pirezidaantii ta'ee Waayit Haawusitti erga deebi'ee booda Nataalii Haarp isa biraa dhabamtee hin beektu.

Yeroo garaa garaatti gaazexeessitoonni Waayit Haawusitti argamuun ibsa Tiraamp kennu yeroo gabaasan, Nataalii Haarp Tiraamp irraa xiqquma siqxee dhaabbattee argu.

"Yeroo hundumaa Tiraamp biraa dhabamtee hin beektu," jedha maddi Waayit Haawusitti dhiyeenyaan beeku BBCtti yeroo dubbatu.

Kanneen Waayit Haawus keessa hojjataniifi miseensa garee miidiyaa Waayit Haawus ta'an, Nataalii Haarp "piriintara miila lamaan deemu" jedhanii waamu. Sababni isaa ammoo piriintara salphaa harkatti baatamu yeroo hunda baattee deemun, waan miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfameefi ergaawwan barbaachisoo piriint gootee waraqaadhaan Tiraampiif kenniti waan ta'eef.

Nataalii Haarp odeeffannoowwan murteessoo Tiraamp arguu qabu kan maxxansee kennuuf ishee waan ta'eef, odeeffannoo maal Tiraamp argachuu akka qabu akka to'achuuf hayyama akka qabdutu himama.

Kanarraa ka'uun "nama balbala Tiraamp eegu" jedhamuunis beekamti.