''Humni Ittisaa iddoo dahannoo ADWUI isa dhumaatii?''

Madda suuraa, Getty Images fi LG Bacha Debele
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmad dameen tikaa fi humna waraanaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti akkaataa heera mootummaarra taa'een ummata tajaajiluu mannaa aantummaa paartii siyaasaatiin qabameera, ergamasaas haalaan ba'achaa akka hin turre marii paarlaamaa yeroo darbeerratti wayita haasawa taasisan ibasanii turan.
Ejjennoon dameewwan kunneenii kan mootummaa fi paartii siyaasaa dhufee darbu waliin jijjiiramu osoo hin taane aantummaansaanii kan ummataa fi biyyaa akka ta'uuf jijjiiramni bu'uuraa akka barbaachisu eeraniiru.
Kana hordofuun Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa waliigalaa biyyattii Jeneraal Saamooraa Yuunus, Jeneraal Sa'are Makonniniin akkasumas Daayirekatara Olaanaa Ejensii Odeeffannoo nageenyaa INSA duraanii Obbo Geetaachoo Asaffaa, Jeneraal Adam Mohammadiin bakka buufamuunsaanii dameewwan kunniin keessatti jijjiirama hedameef akka jalqabbii tokkootti fudahatamuu mala.
Jijjiirama bu'uuraa wayita jedhamu gaaffilee jalqabarratti ka'an keessaa waggoota kurnan lamaan darban keessatti dame waraanaa fi basaasaa aantummaa paartii biyya bulchuu keessatti hundee jabeeffate akkamiin toora kana keessaa baasuun danda'ama kan jedhuudha.
''Humni Ittisaa iddoo dahannoo ADWUI isa dhumaatii?''
Ajajaa Humna Qilleensaa duraanii kan turan Meejara Generaal Abebe Taklahaymaanot, dameen humna ittisaa fooyya'aa akka qabu xalayaa ministira Muummee Duraanii Hailemaariyaam desaaleyniif barreessaniin ibsanii turan.
Paartii ADWUIf dahannoodha kan jedhamuun beekamu humni ittisaa fi basaasaa jijjiirma bu'uuraa barbaachisa ejjennoo jedhu har'as qabu.
Jijjiiramni barbaachisaan maalirraa eegalamuu qaba, galmisaawoo maal ta'uu qaba kan jedhurrattis yaada qabu.
''Humni ittisaa dahannoo Adwui isa dhumaa ta'eera. Hojimaata faallaa heera mootummaa qabaachaa turan.'' jechuudhaan hoogansi humna ittisaa tokko tokko siyaasa keessattillee qooda fudhachaa akka turan ibsu.

Madda suuraa, Anadolu Agency
''Imaammanni Tikaa fi Waraanaa erga hundeeffamee waggoota digdamaa ol lakkoofsise kun irra deebiin ilaalamee fooyya'uu qaba. Erga ba'ee hin fooyyofne waan ta'eef rakkoo uumaa tureera seerri kun. Dameen tikaa fi waraanaa bifa haaraatiin hundeeffamuu qaba'' jedhan.
Adeemsa jiiramaa kana keessatti ilaalchi jibbiinsaa fi gosummaa akkasumsa warri jiijjiirama deggeranii fi gufuu jijjiiramaa ta'an wal makuu malu kan jedhan Meejer Generaal Abebeen kallattii ni baasa jedhanis akeekaniiru.
Yakka yaalii fonqolcha mootumaatiin himatamanii mana hidhaa kan turanii fi dhiyeenya kana kan gadi dhiifaman akkasumas sadarkaan isaanii irraa haqamee ture akka deebi'uuf Ministira Muummee Abiy Ahmadiin kan murtaa'eef Birgaader Generaal Asaamminoo Tshiggee waa'ee fooyya'iinsa damee humna ittisaa wayitan yaadu rakkoon jiru waan waraqaarra taa'etu hojiitti hiikamaa hin jiruu jedhu.
''Wanti barreeffamee jiru rakkoo hin qabu. Hojiirra oolchuurratti garuu rakkootu ture. Caasaan waraanaa gubbaadhaa hanga gajjallaatti heera mootummaaf waardiyyaa dhaabbachuu qaba. Biyyaaf malee paartiif hojjechuu hin qaban'' jedhan.
Akka jalqabbii fooyya'iinsaatti kan fudhatamu muudamoonni dhiyeenya raawwataman keessattis rakkoowwan duraan turan mul'achuu eegalaniiru jedhu Birgaader Generaal Asaamminoon.
Waa'een damee Humna Ittisaa keessatti fooyya'iinsa bu'uuraa fiduu wayita ka'u rakkoon guddaan eenyutu dame kana bulchaa kan jedhuudha.
Meejara Generaal Adam Ahmad Aangoo Daayirktara Ejensii Basaa fi Odeeffannoo Obbo Geetaachoo Aseffararaati kan fudhatan.
Obbo Geetaachoon nama yeroo dheeraaf dame basaasaa fi nageenyaa olaantummaan hooggnaniidha, waa'eensaanii ifaan ifatti waanti ummataaf beekamu hin jiru.
Dabalataan Dr. Abiy Ahmed Generaal Sa'are Makonnin nama wagoota dheeraaf humna ittisaa biyyattii bulchaa turan Itaamaajoor Shuumii Humna waraanaa biyyattii Generaal saamooraa Yuunus akka bakka bu'anii hojjetan muudaniiru.
Gama biraan Ministirri Muummee nama Kanaan dura gonfoosaanii irraa ka'ee raayyaa ittisa biyyaa keessaa geggeeffaman Meejara Generaal Alamishet Daggifee fi Birgaader Generaal Asaamminoo Tsiggee ga'eesaan biyyattii keessatti gumaachan ilaaluun beekamtii kennaniifii gonfoosaanii akka deebiuufi faayidaan sooramaa isaanii guutummatti akka kabajamuuf Hoogganaan Waajjira Ministira Muummee Obbo Fitsum Areggaa ibsaniiru.
Luetenant Generaal Baacaa Dabalee maal jedhu?

Madda suuraa, Feesbuukii Lieutenant Generaal Baacaa Dabalee
Waraana lafoo keessa kan turan Leutenant Genaraal Baacaa Dabalee sababa aangoo waldhaaluutiin nama biraadhaan akka bakka buusaman kan dubbatan, damee tikaa fi waraanaa keessatti wanti fooyya'uu qabu ''Caasaan waraanaa biyyaa fi ummata malee, paartii yookiin mootummaa dhufee darbuuf aantomuun irra hin jiraatu'' jedhu.
''Paartii hunda keessatti hirmaatee ummata walqixa tajaajiluu waan hin dandeenyeef humni waraanaa fi tikaa walaba ta'uu qaba. Heerri mootummaas akkas jedha. Caasaan tikaa fi waraanaa paartii kamiinuu bakka bu'ee leellisuu hin qabu, ummataafi biyyaaf dhaabbachuu qabu. Kanaan dura heerri biyyattii cabeera, heera biyattii kabajuu fi kabachiisuu jechuudha jijjiirama jechuun.''
''Nama jijjiiruun furmaata waaraa miti''
Jijjiiramni ni eegalame malee ni hafa kan jedhan Luetenant General Baacaa Dabalee kan amma geggeeffamaa jiru jijjiirraa namaati malee,jijjiiramni barbaadamu isa kana miti jedhu,''Ammoo namoota turan kaastee nama bira bakka buusuun tarkaanfii guddaadha, Ministirri Muummee tarkaanfii jajjabeessaa fudhataniiru. Jijjiirama fiduudhaaf dhagaa bu'uuraa kaa'eera'' jedhan.
Jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti qabatamaan mul'achaa jiru ni ta'a jedhee kan eege hin jiru kan jedhan Luetenant Generaal Baacaa Dabalee, dameen Tikaa fi Waaanaas akka fooyya'u abdiin qaba jedhan.
''Namni hunduu haala kanaan biyyasaatti deebi'ee, mana hidhaatii gadi dhiifamee, namni hunduu akka lammii biyya kanaatti walabummaadhaan socho'aa jedhee namni yeroo gabaabaa keessatti eege hin jiru. Kanaaf humna tikaa fi waraanaa keessattis jijjiirama bu'uuraa fiduun yoo jabaatellee akka danda'amu agarsiistuuwwan jiru.''
Karaa humna ittisaatiin ilaalchi jiru jijjiiramuu qaba kan jedhan Luetenant Generaal Baacaa Dabalee'' Dhaaba jechuun ummata miti, ummata jechuunis dhaaba miti, kanaaf qaamoleen tikaa fi waraanaa kana hubachuu qabuu'' jedhan.
Ammallee taanaan humna tikaa fi waraanaa kana kan dursu Hoji raawwachiiftuu mootummaa waan ta'eef akkam ta'ee dameen kun bilisa ta'ee hojjeta kan jedhurrattis ammallee hojjetamuu qaba jedhan.
Kana waan ta'eef reform ykn fooyya'iinsa bu'uurarraa fiduu yoo jedhamu dhimmoota akkasiifaa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa jedhan.
Rifoormiin dhufnaan gubbaadhaa hanga godaatti ta'uu qaba. Walakkaan jijjiiramee kaan hin jijjiiramu taanaan fardaa fi booyyee walitti ta'a, kunimmoo jijjiirama ykn fooyya'iinsa hin jedhamu, kanaafuu guutummaatti jijjiiruu barbaachisa, mootummaanis hojii gama kanaan eegale cimsuu qaba.













