Hogganaan Olaanaa Iraan eessa jiru? Maaliif ummatatti hin mul'anne?

Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaamenii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mojtaabaa Kaameeniin filamuu isaaniin Ameerikaanis ta'e Israa'el gammachuu irraa hin qaban
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Hogganaan Olaanaa haaraa Iraan Mojtaabaa Kaamenii abbaa isaanii Alii Kaamenii bakka bu'uun Iraan akka gaggeessan filatamaniiru.

Filannoo Gumii Ogeeyyii Iraaniin dhoksaan taasifameen erga filataman garuu ummatatti hin baane, bakki jiranis hin ibsamne - hin beekamuu.

Ta'us, waa'ee fayyaa isaanii waan haaraa dhagahameera. Akka dhokatan kanaaf taasifamee?

Iraan waraana hamaa keessa osoo jirtuuti hooggana haaraa kan filatte.

Hogganaan Olaanaa Iraan kan turaniifi waggoota 40'tti siquuf biyyattii kan bulchan Ayaatolaa Ali Kaameniin haleelaa waloo US fi Israa'el guyyaa jalqabaan ajjeefamaniiru.

Owwaalchi isaaniis ammallee hin raawwatamiin jira.

Egaa Iraan doorsisa Israa'el fi akeekkachiisa Tiraamp gidduutti ture hogganaa olaanaa isaan bakka bu'u kan filatte.

Pirezidant Tiraamp immoo hooggansa haaraa filamu keessatti qooda fudhachuu akka barbaadan dubbatanii turan.

Aangawaan Iraan garuu gidduu seentummaa eeruun namuu gidduu hin seensisnu jedhanii turan.

Israa'el akkuma hogganaa duraanii hogganaa haaraas akka adamsitu dhaadateetti.

Tiraampis akkuma Israa'el hogganaa haaraa filatamaniin gammachuu hin qaban. Waan si'achi gochuuf deeman garuu hin dubbanne.

Iraan hooggana haaraa filattus hogganaan olaanaa kuni yeroo waraanni hammaate kanatti as bahanii waan dubbatan hin qaban.

Kanaaf, eessa jiru?

Akka Niiw Yoork Taayims qondaalota Iraaniifi Israa'el eeruun gabaasetti, hogganaa olaanaan Iraan waraanni waloo US fi Israa'el Iraanirratti bananiin madaa'aniiru.

Qondaaltonni akka jedhanitti, Mojtaabaa Kaameniin madoodha. Madaan isaanii kunis miila isaaniirrattidha.

Haata'u malee, hammi miidhama isaanii ifa miti. Gaafa Dilbataa hoogganaa haaraa jedhamuun erga filamaniis as bahanii hin mul'anne.

Eegasii ibsas hin baafne, viidiyoo irrattis ummanni isaan hin agarre.

Maaliif ta'uu mala?

Mataan Iraan yeroo waraanaa bulchuuf filataman kuni ummatatti bahuu kan sodaataniif yaaddoo nageenyaan akka wal qabatu gabaafameera.

Niiw Yoork Taayims bakki isaanii yoo ibsame balaarra isaan buusa jechuu isaanii qondaalota Iraan sadii nageenyaaf jecha maqaa dhokfatan eeruun gabaaseera.

Magaalaa Tehiraan, Iraan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Barjaa magaalaa guddoo Iraan, Teehiraan keessatti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababi ijoo biraa ummatatti mul'achuu dhabaniif garuu ga'eessi umrii 56 guyyaa jalqabaa haleellaan raawwate waan miidhamaniif ta'uu qondaalonni kuni dubbataniiru.

Qondaalonni Iraan sadii aangawoota olaanoorraa guyyoota lamaan darban akka dhagahanitti Mojtaabaa Kaameniin miila isaanii rukutaman.

Sababa kanaaf, of eeggannoof jecha bakkee nageenya olaanaa qabutti maloota kominikeeshiniirraa fagaatanii akka jiran odeeffachuu gabaase.

Ameerikaafi Israa'el tikaafi hordoffii jabaa taasisuun Hogganaa Olaanaa duraanii Iraan kan ajjeesan.

Sababa kanaaf Iraan hoggana biraa dhabuu hin feetu jedhu xiinxaltoonni.

Akka gabaasa Niiw Yoork Taayimsitti, odeeffannoon qondaalonni waraanaa Israa'el lama walitti qaban Mojtaabaa Kaameniin guyyaa jalqabaa haleellaan raawwatameen miila isaanii rukutamuu mirkaneessaniiru.

Kuni, Mojtaabaa Kaameniin gaafa Dilbataa filamuun isaanii osoo hin dhagahamiin dura odeeffannoo itti waliigalanidha jedhameera.

Haleellaa guyyaa jalqabaa US fi Israa'el dallaa hooggansa Iraan irratti raawwataniin Hogganaa Olaanaa Alii Kaameniin ala namoonni dhihoo isaanii ajjeefamaniiru.

Kanneen keessaa haadha warraa Ayaatolaa Ali Kaamenii, haadha warraa hogganaa haaraa, akkasumas ilma isaanii dabalatee qondaaloti olaanoo danuu ajjeefamuun gabaafameera.

Iraanis hoggana kana jala jalaan bakka buusaa ummanni mootummaa mormuuf akka daandiitti hin baane akeekkachiisaa jirti.

Akkamiin dhagahame?

Wanti ijoo tokko Mojtaabaa Kaameniin miidhamuu isaanii akeeke gabaasa miidiyaa mootumaa Iraanirraa dhagahame.

Miidiyaan biyyattii yeroo gabaasu Hogganaa Olaanaa ''yeroo waraanaa miidhaman'' jedhee ibse.

Dhaabbanni Komiteeh Emidaad jedhamuuufi dhabbata amantaa kan mootummaa ta'eefi tola-ooltummaa irratti hojjetu ''jabjaz jang'' jechuunis isaan ibse.

Kunis, Afaan Peershiyaan loltuu waraana keessa miidhame akka jechuuti jedheera Niiw Yoork Taayims gabaasa isaan.

Hogganaa amantii kana duree amantaa buleessa waraana Ramadaan keessa miidhaman jedhe.

Isa irrattimmoo ilmi Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan, Yuusef Pezeshkiyaan kan yeroo ammaa gorsaa mootummaa Iraan ta'an Mojtaabaan miidhamuu isaanii dubbataniiru.

''Mojtaabaa Kaameniin madaa'uu isaanii dhagahe. Hiriyyoota itti dhihoo jiran gaafadhe. Galata Waaqaa nagaa qabu jechuun natti himan,'' jedhanii Telegiraama gubbaa kataban.

Hogganaa Olaanaa Iraan Mojtabaa Kaamenii duruu nama ummatatti bahanii beekaman miti.

Sagantaa ummataarras hin mul'atan, ummatatti ergaa dhaamanii hin beekan. Ta'us duubaan dhimma waraanaafi nageenyaa abbaa isaaniif qaqqajeelchaa turan.

Jaarmiyaa cimaa tika, waraana, biznasiifi dhimma siyaasaa biyyattii keessatti dhiibbaa guddaa kan qabu waajjira hogganaa Ayaatolaa keessatti qooda akka qabaataa turanis yaadama.

Xinxaltoonni muraasni akka jedhanitti siyaasa Iraan irratti dhiibbaa guddaa uumaniiru.

Hiriira deeggarsaa hogganaa olaanaa Iraan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa Olaanaa Iraan deeggaruuf hiriirri akkuma bahame, Ayaatolaa Ali Kaameniin ajjeefamuu isaaniin kanneen gammachuu ibsuuf daandiitti bahanis jiru

Siyaasa Iraan keessatti qooda fudhachuu isaaniif ragaan tokko yeroo filannoo pirezidantii 2005 fi Maahmud Ahimadinejaad akka milkaa'an qooda bahuutu himama.

Namoonni siyaasa Iraan keessa jiran deeggarsa Mojtaabaan yeroos Ahimadinejaad akka deeggarsa argatan taasisuu dubbatu, keessumaa deeggarsa namoota caasaa amantaa dubbii cimsaniifi waraanatti dhiheenya jiranirraa akka argatan.

Ahimaddinajaad filannoo bara 2009 irratti irra deebiin mo'achuun isaanii yeroo ibsame hoggantoonni paartii mormituu cimsanii mormanii turan.

Kanneen mormiif daandii gubbaa bahan irratti tarkaanfiitu fudhatame.

Hogganaa mormituu yeroos morman keessaa tokko kan ta'e Mir-Hoseen Musaavi eegasiii waggoota kudha jahaaf hanga yoonaa hidhaa mana keessaa keessa jira.

Isaan ummatatti mul'achuudhaas baatan erga filamuun isaanii ibsameetii suuraan isaanii deeggartoota isaaniin baay'ee qoodamaa jira.

Israa'el akkuma hogganaa duraanii hogganaa haaraas faana dhooftee akka haleeltu kana dura kakattee turte.

Haleellaa garagaraas gara Iraan dhukaasuu itti fufteetti. Iraanis akkasuma biyyoota Giddugala Bahaafi Israa'elitti dhukaasuu itti fufteetti.

Haala kana keessatti Mojtaabaan yoom ummatatti bahanii mul'atu kan jedhu baruun nama rakkisa.