Waa'ee daa'ima ni quucara jedhamee garuu mootii kubba-miilaa ta'e Mesii wantoota isin hin beekne

Liyooneel Mesii Haadha warraa isaa Antoonellaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Zelalem Duressa
    • Gahee, Senior Broadcast Journalist

Taphoota pirofeeshinaalaa 1,000 ol taphateera. Galchiiwwan 793, badhaasa Ballon dOr torba, Waancaa Adunyaa fi kilaba Baarseloonaa waliin qofa waancaawan 35 mo’ateera. Quucuraa taha, hojjaan isaa dheerachuu hin danda’u kan jedhameefi maatii harka qalleeyyii hojjettoota warshaarraa kan dhalate Liyonel Andires Mesiin eenyu? Waa’ee maatii, ijoollummaafi bultoo isaa maal beekna? Gabaabaatti waan qindeesine qabna, dhiyaadhaa!

Hiriyyaa ijoollummaa gaa’ela waliin ijaarratan

Liyonel Mesiin hiriyaa isaa ijoollummaa fi magaala tokkotti waliin guddatan Antonellaa Rokuzoo fuudhuun waliin bultoo ijaarrateera.

Mesiin daa’ima wagga sagalii tahee haadha warraa isaa har’aa kana waliin akka wal arge odeeffannoowwan adda addaa ni mullisu.

Akkamiin jalqabe seetan!

Antonellaan modelistii yoo taatu, waggoota dheeraaf hiriyyummaan waliin turuun bara 2017 wal fuudhan.

Haatahu malee, isaan dura ijoollee sadii waliin godhataniiru. Haadha warraa isaa kana karaa hiriyyaa isaa ijoollummaa waliin kubbaa taphataa turan Lukaas Iskaagiliyaa jedhamuu wal bare.

Antonellaan fira hiriyyaa Mesii kanaati. Erga guyyaa ishee argee garuu ija isaa isheerraa hin buqqifanne. Haadha warraakoo fuulduraa taati kan jedhu onneen isaa itti himtees taha.

Mesiin ijoollee tahee osoo jiruu guyyaa tokko waraqaa fudhatee akkas jedhee barreesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Antonella’’ jechuun barreesse. Mucayyoo mana hiriyaa isaatti guyyaa tokko argetu laphee isaa keessatti hafteetti.

‘’Guyyaa tokko wal kaadhimmanna’’ jetti xalayaan sun. Garuu ijoollee baay’ee waan saalfatuufi qaanii irraa kan ka’e ija guutee nama hin ilaalle ture. Gaafa mana Lukaas fa’atti wal argan Mesiin Geemii Soonii taphataa ture.

Isheen ammoo hiriyaa ishee biraa tokko bira dhufteetti. Fira Lukaas fa’aa waan taateef. Mesiin osooma qaana’uu eenyu isheen jedhee gaafata. Fira akka tahan itti himuun wal isaan barsiise.

Ergasii onnee keessatti baay’ee osoo wal jaalatanii 'gaafa guddannu wal fuuna' jedhanii osoo odeessanii akka guddatan hima odeeffannoon maddeen adda addaa irraa arganne.

Haatahu malee, bara 2,000 yeroo maatiin Mesii isa fudhatanii gara Baarseloonaa deeman adda bahan.

Wal qunnamuuf yaalaa turan. Toorri qunnamtii mijataan garuu waan hin turreef obsaniima yeroo dabarsan.

Akka carraa tahee bara 2005 (waggaa shan booda) yeroo umuriin Antonellaa 17 guutu hiriyyaan ishee tokko balaa konkolaataan lubbuun ishee darbe.

Baay’ee gadduu irraa kan ka’e mana barumsaa dhaqaa akka isheen hin jirreefi waa’ee gadda kanaa Mesiin odeeffannoo dhagaha.

Ishee jajjabeesuuf jecha Baarseloonaa irraa ka’uun Arjentiinaatti imale. Yeroo kana ture wal arguun irra deebiin hariiroo isaanii kan jabeessan.

Suuta lameen isaanii kaadhimaa walii tahuu akka barameefi Mesiin yeroo umuriin isaa wagga 21 tahu waa’ee ishee kan dubbate.

Maddeen odeeffannoo keenyaa akka himanitti, Antonellaan kubba miilaa hin jaalattu.

Gaafa Mesiin mana galee hamma kanan galche hamma kana kubba mijeesse kenne jedhullee isheetti hin tolu.

Garuu haadha manaa jireenya isaa keessatti itti gammadee jaalalaan waliin jiraatu taateettiif.

Isheen dubartii carraa qabeettii adunyaa kanaati. Sababni isaa ammoo jaalallee ijoollummaa ishee akka lubbuu isaatti ishee jaalatutti waan heerumteef.

Mucaan isaanii jalqabaa Tiyaagoon bara 2012 dhalate. Matiyoon bara 2015 kan dhumaa Kiiroon ammo bara 2018 dhalatte.

Mesii fi haati warraa isaa jaalala ajaa’ibaa akka waliif qaban himama. Cidhi isaanii miidiyaalee Arjentiinaan ‘’cidha guddaa jaarraa kanaa’’ jedhamuun gabaafamaa ture.

Cidha isaanii irratti kan weelliste weellistuu beekamtuu Kolombiyaa fi dhiyeenya abbaa warraa ishee taphataa Baarseloonaa ture Jeerard Piikee waliin kan wal hiikte Shakiiraadha.

Mesii maatii isaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Jireenya Ijoollummaa

Umurii isaa waggaa 13’n garee guddattootaa Baarseloonaa umurii 14 gadii galuun taphoota 14 irratti galchii 21 lakkoofsise.

Baarseloonaan taphataa raajii argine jechuun yeroo umuriin isaa waggaa 16 guutu garee taphattootaa ga’eessotaa [senior] galchuun tapha michummaa irratti taphachiisan.

Mootii kubba miilaa adunyaa ammaa, akka bakkalcha barii fuula deeggartoota isaa ibse, Liyonel Andires Meesii.

Magaalaa Roozaariyoo, Arjentiinaatti A.LAtti 1987 dhalate. Kilaba magaalichatti beekamu Newell Old Boys jedhamu umurii isaa waggaa saddetiin galuun daa’ima xiqqaan dandeettii kubba ajaa’ibsiisaa agarsiise.

Haatahu malee, hakiimonni qorannoo gaggeessuun hanqina hormoonii hojjaan isaa akka hin guddanne godhu (quucara isa taasisu) akka qabu maatii isaatti himan.

Dandeettii kubbaa miilaa addaa qabaatee quucara ta'uun isaa akkam nama yaaddessaa? Keessumaa maatii isaaf ulfaataa ture.

Abbaan isaa Horjee fi harmeen isaa Sisiliyaan hoormoonii hojjaa dheeressu lilmoon kennamu akka argatu gochuuf murteessan.

Garuu ji’aan doolaara dhibbaan tilmamamu kaffaluu hin dandeenye. Maatiin isaa hojjetoota warshaa sibiilaa yoo tahan, cinatti ammoo hojii qulqulleesummaa irratti qacaramanii hojjetu ture.

Dandeettiin Mesii garuu ija kileboota gurguddaa Garba Atileentik gama jiraniyyu harkisuun Baarseloonaan ariifatee harkasaa galfate.

Daa'ima waggaa 13 waan tureef maatiin isaa walumaan gara Ispeenitti imalan. Kilebichi baasii yaalii isaa danda’uun hoormanii hojjaan isaa akka dabalu taasisu argataa ture.

Mesii

Madda suuraa, Getty Images

Imala milkii hanga mootii kubbaa-miilaatti

Mesiin umurii isaa ganna 17’n bara 2004-05, Laaligaa Ispeen keessatti ol adeemaa umurii xiqqaan galchii lakkoofsise tahe.

Hojjaan isaa gabaabaadha. Meetira 1.7 qofa dheerata. Garuu kennaa addaa tapha kubba miilaa, miila bitaan kennameef, saffisa guddaa madaallii qaama isaa eeggatee fi haala adda taheen kubba qeeribuun tuuta taphattoota sarara ittisaa cabsee darbuun beekama, Liyonel Mesiin.

Yeroo kana taphataan kun goota kubbaa miilaa biyya isaa Diyeegoo Maraadoonaa waliin karaa hedduu wal fakkaata jedhame.

Gahumsa isaa irraa ka’uun lammummaan Ispeen bara 2005 kennameef. Baruma kana Mesiin biyya isaa Arjentiinaafis taphachuun Waancaa Adunyaa guddattootaa xumuraaf gahuun Naayijeeriyaa injifachuun waancaa mo’ateera.

Waggaa isaatti Mesiin Baarseloonaa waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo’ate.

Imalli kubba miilaa Mesii badhaasota Ballon dOr torba, Waancaa Adunyaa, ‘Copa America,’ Shaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi Liig 1 Faransaay haala kanaan jalqabe.

Yeroo Mesiin adunyaatti mul’atu Baarseloonaan taphattoota jajjaboo akka Roonaaldiinoo Goochoo, Teerii Henerii, Saamu’eel Etoo fa’aa qaba ture.

Leenjisaan yeroo Sanaa Peep Gaardiyoolaan taphattoota maqaa guddaa qaban akka Saamu’el Etoo fa’a duubatti diibuun Mesiif carraa kenne.

Addatti bara 2009 Baarseloonaan waancaa Shaampiyoonsi Liigii, Laaligaa fi Suuper Kaappii Ispeen akka mo’atuuf shoora olaanaa bahate.

Yeroo kana taphataa cimaa adunyaa jedhamuun badhaasa Ballon dOr isaa jalqabaa fudhate.

‘’Waan baay’eedhaan ana fakkaata, dirree irratti gaggeessaa cimaa taha, kubbaa miilaa miidhagaa keessatti waan haaraa hedduu barsiisaa jira’’ jechuun taphataa urjii adunyaa kanaa kan tureefi dhiyeenya kana boqate Diyeegoo Maraadoonaan mucaa biyya isaa Mesii jajeera.

Bara 2012, Baarseloonaaf galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii galchii duraan Seezaar Ruudirigeziin qabameeru 232 ture cabse.

Waggaa tokko keessatti kilabaa fi biyya isaaf galchiiwwan 91 lakkoofsisuun rikardii taphataan duraanii Jarman bara 1972 galmeesse cabse.

Bara 2013 yeroo afuriif taphataa cimaa adunyaa jedhamuun badhaasa Ballon dOr fudhate.

Mesiin wagga tokko keessatti rikardii haaraa, badhaasa haaraa fi waancawwan adda addaa kilaba isaa Baarseloonaa waliin mo’achuun waggoota 15 dabarseera.

Mesii yeroo badhaasa Waancaa Addunyaa 2022 irratti fudhatetti

Madda suuraa, Getty Images

Walumaagalatti hanga bara 2021 kilaba ijoollummaatii qabee keessatti guddate Baarseloonaa keessaa bahee PSG galutti Baarseloonaa wlaiin waancaawwan 35 mo’ateera. Laaliigaa 10, Copa del Rey torba, Shaampiyoonsi Liigii afur mo’ateera.

Mesiin biyya isaa waliin ‘Coppa America’ fi Kaataaritti waancaa Adunyaa mo’achuun jireenya kubba miilaa isaa milkeesseera.

Mesiin taphoota pirofeshinaalaa 1000 ol gaggeesse irratti galchiiwwan waliigalaa 793 tahan lakkoofsiseera. Kun galchiiwwan tapha michummaa irratti lakkoofsise hin dabalatan.

Arjentiinaaf galchii 89, Baarseloonaaf galchiiwwan 627 lakkoofsiseera.

 Kiristaanoo Roonaaldoo kan taphoota 1,145 taphachuun galchii 800 ol lakkoofsise malee taphataan biraa isa caalu hin jiru. Kubba miilaa ammayyaa keessatti jechuudha.

Mesiin taphataa cimaa adunyaa kanaa tahuun yeroo torba badhaasa Ballon dOr mo’ateera. Kiristaanoo Roonaaldoo morkataa isaa yeroo hundaa kan tahe si’a shaniin itti aana. Bara 2021 badhaasa Ballon dOr Mesii fi Roonaaldoon keessaa dhabaman Kaarim Beenzeemaatu mo’ate.

Mesiin amma Waancaa Adunyaa 2022 Qaataar qopheesite mo’achuun Mootii kubba miilaa dachee kanaa jedhamuun faarfamaa jira.