Kubbaa miillaa Itoophiyaa biyya ormaatti keessummaa ta’ee kessummoota isaa ‘keesssummeessuuf’ dirqame

Madda suuraa, iStaadiyeemii Baahirdaar
Ulaagalee Fifa’n kaa’ame ni guutuu Istaadiyeemonni jedhaman, kallattiwwaan afran biyyatti keessatti ijaaramaniiru, ijaaramaa jirus yeroo jedhamu si’a hedduu dhageenyeerra.
Istaadiyeemonni kunneen Bahir Daar, Naqamtee, Waldiyaa, Finfinnee, Hawaasaa fi magaalota birootti waggooti darban keessa ijaaramaniiru. Kanneen ijaaramaa jiranis jiru.
Guutummaa guututti ijaarame kan xumurameeru Istaadiyeemii Sheeh Mahaammad Alii Alamuddiin, Waldiyaa keessa jirudha. Dirreewwan kaan dorgommii keessummeessuu eegalaniis, ijaarsi isaani gariin hin xumuramne.
Istaadiyeemiin Finfinnee umurii wagga 70 ol lakkoofsiseera.
Dhakaan bu’uraa istaadiyeemii kanaa bara 1940tti mootii Haayila Silaasseen kan kaa’ame yoo ta’u, hanga bara 1967tti “Istaadiyeemii Qadaamaawii Haayile Silaassee’ jedhamuun beekama ture. Mootummaan Dargii angoo erga qabatee as garuu maqaan kun gara istaadiyeemii Finfinneetti geeddameera.
Ijaarsi istaadiyeemichaa waan barfateef, bara 1953tti Waancaa Afrikaa wagga tokkoof akka guyyaan isaa dabarfamy godhamuu isaaf kun akka sababa tokko ta’e ni himama.
Istaadiyeemiin kun dorgommii Waancaa Afrikaa (3ffaa, 6ffaa fi 10ffaa) dabalatee chaampiyoonota atleetiksii Afrikaa keessummeesseera.
Yeroo Itoophiyaan waancaa Afrikaa 3ffaa keessummeessitetti, dorgommiin xumuraa guddichi ibsaa malee gaggeeffameera. Dorgommiwwaan galgala gaggeefamaniif ibsaan kan istaadiyeemii kanaaf tolchame bara 1959ttidha.
Waancaa Afrikaa 3ffaa kana kan injifatte Itoophiyaadha. Waancaa Afrikaa Itoophiyaan injifatte kana qofadha.
Dorgommiiwwan ispoortiin alatti istaadiyeemii kana keessatti, sagantaaleen amantaa, siyaasaa fi muuziqaa erga gaggeeffamanuu itti fufee booda, ijaarsi istaadiyeemota biro eegale.
Istaadiyeemoti haaraan akkam ta’anii?
Keessummaa waggootii dhiyootti ijaaramuu kan eegalan istaadiyeemota ‘ulaagalee Fifa fi/ykn Kaf ani guutu’ jedhamaniitu. Boodarra garuu gufuun isaan qunnamaa adeeme.
Yeroo ka’ametti hin xumuramne. Yeroo xumuramanis ulaagaalee xixxiqoo hin guutne jedhamu. Dabalataanis dorgommiiwwan akka hin keessummeesineef Fifa fi Kafa’tiin dhorkiin irra kaa’ameera.
Itoophiyaan waggooti darbanitti ‘ulaagalee Kafa guutaniiru’ jedhamuun istaadiyeemota ijaaramaniin boonuun, dorgommi Waancaa Afrikaa 2020 keessummeesuuf gaaffii dhiyeesiteen carraan kennameefi ture.
Itoophiyaan dorgommii kana keessummeessuuf yemmuu filatamte, Federeehiniin Kubbaa Miillaa Itoophiyaa dorgommii kanaaf istaadiyeemota shan filatee ture.
Ta’us garuu, Kafa’n gartuu gulaalaa erguun istaadiyeemota Finfinnee, Maqalee, Hawaasaa, Bahir Daar fi Dirree Dhawaa erga ilaalanii booda, dorgommi kana murteessuuf ga’aa miti jedhe waan murteesseef, carraan dargommii kana keessummeessuu Itoophiyaa irraa fudhatame Kaameeruunif akka kennamuuf murtaa’e.
Haalota tokko tokko ilaaluun dorgommiiwwaan akka gaggeessuuf eeyyama argate kan ture Istaadeeyimeen Finfinnees dhorkiin wal fakkaataa irra kaa’ameera.
Dhoorki kana dabalata, wantoonni foyya’uu qaban ariitiin akka foyyeefaman ta’uu baannan garuu, dorgommiwaan Kafa’f galmaa’an hundi gara biyya olaaatti akka dabarfaman beeksiifamee ture.
Akeekkachissa kana hordofuunis hojiin foyyeessi Istaadiyeemii Bahir Daar fi Maqalee keessatti eegalame.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa keessatti ka’ees kubbaa miillaa irratti dhibbaa uumuun, kilaboonni naannoo Tirgaay dorgommii ligii keessaa ba’aniiru.
Dorgommiin guulaalaa Waancaa Afrikaa bara 2013 A.L.I’tti Itoophiyaa fi Niijeer istaadiyeemi Baahir Daaritti gaggeeffamuuf karoorfame kan ture ta’us, sababa haleellaa buufata xiyyaara Baahir Daar irratti gaggeeffameen dorgomichi istaadiyeemii Finfinneetti akka gaggeeffamuuf Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Itoophiyaa murteesse.
Yeroo hojiin buufata xiyyaarichaa xumuramus dorgommiiwwan hundi isaatadiyeemii Baahir Daar keessatti gaggeeffamu itti fufan.
Istaadiyeemiin Baahir Daar baayyee hin turre.
Waldaan kubbaa miillaa Afrikaa, istaadiyeemiin Baahir Daar dorgommiiwwan idil-addunyaa akka hin gaggeessineef dhorkamuun isaa biyyattiin dorgommiiwwan wal fakkaataa keessummeessuuf dandeetti akka hin qabne mirkanaa’e.
Itaadiyeemiin Baahir Daar dorgommiiwwin gulaala waancaa addunyaas ta’e kilaboota Afrikaa akka hin keessummeesinef dhorkamuun isaa kan beeksisame Wiixata ture.
Naannoon Amaaraa maal jedha?
Komishiinii Ispoortii nannoo Amaaraatti, hogganaan dame ispoortii Obbo Bante Amlaak Mulaat, naannichi hanga danda’metti waggootii sadiif bajata adda adda sochoosuun isaadiyeemicha guutaa akka ture BBCtti himaniiru.
Yeroo gabaabaa keessatti wantoota guutuu qaban guutuun dorgommiiwwan gaggeessuu akka eegalan himaniiru.
Sababa waraanaan Hanqinni baajataa jiraachuu isaan dabalata akkataa itti Kafa’n gulaala isaa gaggeessee irrattis Obbo Baante Amlaak komii qabu.
“Gartuun gulaalaa Kafa daawwannaa isaanii booda yaadni isaani nuuf kennanii fi biyya isaani ga’anii kan isaan jedhan adda addadha. Ulaagalee Fifa fi kafa guutuun barbaachisaa akka ta’e ni ammanna, garuu yaadni amma dhiyaate yaada duraan dhiyaate kan of keessatti qabate miti,” jedhu.
“Hojii guutamu qaba jechuun Kafa’n nuuf kenne keessa %70 kan ta’u hojiin eegalameera, gara ji’oota afur keessattis ni xumurama., “ kan jedhan hogganaan kun hojiin kaan ammo istaadiyemichii hojii isaa utuuma gaggeessuu kan xumuramu ta’a jedhaniiru.
Hojii hundaaf mootummaan feederaala maallaqa birria biiliyoona tokko ta’u akka nu keennuuf isa gaafatame yoo nuuf kennne hojiin kun ni xumurama jedhaniiru.
“Kafa’n yaada kennuun isaa gaaaridha. Biyya waraannii fi Covid keessa jirutti, kaan cirracha irratti osoo taphatanii istaadiyeemii dhorkuun sirrii miti. Yaada wal hin fakkaanne keennuunis sirrii miti,” jechuun mootummaanis deeggarsa barbaachisu akka kennuuf gaafataniiru.
Fedeereeshinichi maal jedhe?
Federeeshinichi istaadiyeemii akka hin ijaarreeffi akka hin bulchine kan ibsan Hogganaan Federeeshinii Kubbaa Miillaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahuun, wa’ee istaadiyemii irratti feedereshinichii yeroo adda addatti yaada Kafa irra keennamuuf gara qaamolee ilaalatuti dabarsaa akka ture ibsaniiru.
“Karaa garagaraan dhibbaa uumuuf ni yaalama… federeeshinichi kanatti dhiibbaa uumuu hin danda’u. Kafa waliin ammo yeroo hedduu dhorkiin kun akka hin ka’amneef falmineerra garuu cimaa waan deemeef murtaa’e,” jedhu.
Wa’ee komii yaada Kafa irratti istaadiyeemi Baahir Daar irraa ka’e irratti Obbo Baahiruu, “ Kafan kan gaafatu guutuu ta’u qofa osoo hin taane mijaa’oo wantoota ta’anisdha. Gaffii akkanaa hedduu gaafatus yaada hedduu isaa ni simanna. Qawwaa istaadiyeemichi qabudha jennee fudhanna,” jedhu.
Istaadiyeemiin ulaagaa Kafa guutuu jiraachuuf, xiyyeeffannoo fi baajata kennamu irratti hunda’a kan jedhan hogganan kun, karaa kanaan “ hanga ji’oota torbaa hanga saddeetii” keessatti xumuruun ni danda’ama jedhaniiru.
Hanga haroomsi fi hojiin hundi xumuramutti dorgommiiwwan kilaboota biyyaaleessaa fi kan ardichaa biyyoota biro keessatti kan gaggeeffaman ta’a.
Dorgommiiwwan itti aananiif gartuun biyyaleessaa, Afrikaa Kibbaa, Zimbaabuwee fi Keeniyaatti akka taphatu himaniiru.
Waancaa Addunyaa Qaatar keessummisitu irratti hirmaachuuf gartuun biyyaleessaa hin dabarre.
Itti aansuun dorgommii madalliif Gaanaa waliin dorgommii Itaadiyeemii Orlaandoo, Afrikaa Kibbaa jirutti ni taasisa.














