Gareen kubbaa miilaa Chilee diroonii Arjentinaa bakka leenjiitti 'basaasuuf dhufe' kuffisan

Drone

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dirooniin hangisaa suuraa kanarratti mula'tu gahu, dirree leenjii gubbaa balali'e

Morkiin kubbaa miilaa yogguu kahu kan garee Chiliifi Arjentiinaa otoo hin kahin hin hafu - akkaan walmorkatu.

Gareen biyyaalessaa Chilii diroonii iddoo itti leenjii'an gubbaa balali'u argan - dirooniin kun morkattootaan nu basaasuuf kan ergameedha jechuun shakkan. Morkii jara lamaan gidduu jiru nama beekuuf tarii taateen kun daran isin ajaa'ibuu dhiisuu mala.

Gareen kunis xiyyaara nam-maleessa biraa gara olii erguun diroonii ''kaameeraa basaasaati' jedhaniin lafaan dhahaniiru.

Garuu boodarra akka barametti xiyyaarri basaastuu Arjentiinaati jedhame, kan kaampaanii aannisaa Chilee tahee argame.

line

Taateen kun kan uumame Chilii (Chilee) fi Arjentinaan Waancaa Addunyaaf darbuuf gaafa Kamisaa dorgommii taasisuuf wayita qophaa'aa jiranitti.

Gareen Chilee istaadiyemii Juan Pinto Durán jedhamuufi magaalaa guddittii Saantiyaagootti argamutti wayita leenji'aa turanitti diroonii kana argan.

Akka gabaasa miidiyaa biyyattiitti leenjisaan garee Chilee Martín Lasarte, diroonii biraa gara qilleensaaatti balaliisuun diroonii basaastudha jedhamte kana ilaaluuf kan murteesse.

Achiis dirooniiwwan lamaan ''tasa walitti bu'an'' jedhe Waldaan Kubbaa Miilaa Chilee. Haatahu malee rippoortroonni akka taajjabanitti, jarri beekaadhuma xiyyaarota kanniin walitti buusan.

Boodarra garuu yaalii basaasaa fashalaa'e tahuunsaa hafee, wanti gareen Chilee hojjette dogoggoora tahee argame - diroonichi kan kaampaanii annisaa Enel jedhamu oggaa tahu, ifaa daandirraa ittiin sakatta'aa turre jedha.

Gaazexeessaan Kiristiyaan Alvaaraado jedhamu viidiyoo dirooniiwwan kun qilleensarra wayita balali'anii agarsiisu waraabee maxxanseera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

1px transparent line

Leenjistoonni kubbaa miilaa dirooniiwwan gareesaanii basaasuuf yaaluu amma duras himataa turan.

2014tti leenjisaan garee Firaans Didier Deschamps, wayita Waancaa Addunyaa Biraazilitti bakka leenjii taasisaa turanitti dirooniin qilleensarraan erga balaliitee booda Fifa'n qorannoo akka gaggeessu gaafatee ture.

2017tti ammoo, biyyi Honduraas wayita qophii gulaallii Waancaa Addunyaa diroonii fayyadamuun gareekoo basaaste jechuun Awustiraaliyaa himatteetti.

Kana qofaa osoo hin taane, kilaboota gidduuttis himannaan akkasii ni dhagahama.

2018tti kilaba Jarman kan tahe Werder Bremen, dirree leenjii kilaba Hoffenheim gubbaa diroonii balaliisuu amanuun dhiifama gaafateera. ''Taphattoota Hoffenheim gidduutti sodaa uumuu maluuf dhiifama gaafanna,'' jedhan.

Himannaawwan xiyyaarota nam-maleessa fayyadamuun basaasuun kana dabalaa dhufus, leenjistoonni kaan garuu ammallee mala isa duriitti fayyadamuun odeeffannoo guuru.

2019tti leenjisaa kilaba Ingiliiz Liidis Yunaayitid kan tahan Maarseloo Biyelsaa, dirree leenjii Darbii Kaawuntiitti hojjetaa kilabichaa erguun ragaa akka guuruuf gochuusaanii hordofee, kilabichi dhiifama gaafateera.