Namtichi waggoota 17'f miliqee holqa keessa ture qabame

Madda suuraa, Yongshan Police
Poolisiin Chaayinaa namicha waggoota 17'f dhokkatee holqa keessa ture xiyyaara nama maleessa (diroonii) fayyadamuun bakka inni itti dhokatee erga adda baafatee booda to'ateera.
Namni umuriin isaa ganna 63 ta'e kun maqaan isaa Song Jiang jedhama akka poolisiin himetti.
Duraan yakka seeraan ala dubartootaafi daa'imman daddabarsuun kan himatame yoo ta'u, bara 2002 keessa mana hidhaatii miliqe.
Namichi kun holqa namarraa adda bahuun bakka namni isa hinbeekne keessa jiraataa tureera.
Poolisiin 'Yongshan' Fulbaana jalqaba bakka namni kun jira jedhamee shakkamu odeeffannoo akka argate fuula miidiyaa hawwaa 'WeChat' jedhamurratti ibseera.
Odeeffannoo argatan sanaan gara gaarreen duuba mandaraatti argamuufi kan namichi miliqee kanaatti imalan. Bakki kun Onaa Yunnan jedhamu Lixa Chaayinaatti argamudha.

Madda suuraa, Yongshan Police
Erga barbaachi idilee namicha kana qabuuf taasifmaa ture hin milkaa'iin hafee, aanga'oonni xiyyaara nama maleeyyii (diroonii) akka qondaalota poolisii gargaaruuf ergan.
Dirooniiwwan ergamanis barbaacha keessa waan sibiila fakkaatu bifti isaa cuquliisa ta'e ulaa holqaarratti argan. Bakkuma sana cinaattis kosii mana jireenyaa keessaa gatame argan.
Itti aansuun poolisoonni miilaan bakka sana miillaan deemuun holqa xiqqoo Song waggoota dheeraadhaaf dhokatee keessa jiraataa ture keessatti isa argan.
Akka poolisiin jedhetti, namni kun waggoota dheeraadhaaf qofaa waan jiraateef dubbatanii walii galuudhaaf rakkisaa ture.
Miidiyaan mootummaa akka himetti, Song bishaan lagaa kan ittiin waraabbatu qaruuraa pilaastikaa qaba. Ciraaroo mukaa funaanuunis ibidda bobeeffataa tureera.
Amma namichi gara mana hidhaatti deebi'eera.

Madda suuraa, Yongshan Police















