Norweey qondaala poolisii olaanaa daldala hashishii keessaatti qooda fudhate hiite

Madda suuraa, AFP
Eyirik Jensen garee yakka qindoominaan hojjetamu hambisuuf magaalaa guddoo Norweey Oslootti ramadame ture, ofii isaa yakka osoo hojjetuu A.L.A bara 2014 qabame.
Manni murtii wiixataa, namoota qoricha nama hadoochu hashiishii tooni hedduu Norweeyitti akka galchanif yoo xiqqaate doolaara kuma 85 harkaa fudhachuu isaa bira gahe.
Abukaatoon isaa akka jedhetti himata dhiyaate akka hin fudhanneefi ol iyyachuuf yaada qaba.
Murtiiin waggaa 21 malaammaltummaaf Jensen irratti murtaa'e seera Norweeyin murtii cimaa fi yeroo baay'ee kan hin baramne dha.
Biyyi Norweey malaammaltummaan kan hin beekamneefi, gabaasa dhaabbata malaammaltummaa hordofu Tiraanspaarensii Intarnaashinaal jedhamu bara 2016'tti baseen addunyaarraa sadrkaa jahaffaa dha.
Koodii 'Sanshaayin'
Himanni isaa yeroo dubbifame A.L.A bara 2004 - 2013'tti namoonni qoricha sammuu nama hadoochu daddabarsan 'kaanabisii' toonii 14 akka biyyatti galchan gargaare jedha.
Namni itti rageesse ammoo namuma qoricha kana biyyatti fiduun himatamee erga amanee booda waggaan 15 itti murtaa'e Jermund Kappelen jedhamu dha.
Miidiyaaleen Norweey akka gabaasanitti Jensen saaxiluu keessatti waan qooda qabuuf hidhaan isaa xiqqaate.
Waggoota kudhan darbe Jenseniifi Kaappelen jechoota dhibba hedduu ergaa gabaabaan waliif barreessaniiru. Kanneen keessaa jechoota koodiin hojii poolisii fi galiiwwani akka jiran manni murtii Osloo beeksiseera.
Ergaan gabaabaa ''Sanshaayin'' jedhu, Kaappelen poolisiin akka hin sakattaa'amneefi oomisha isaa biyyatti akka galchu kan eeyyamu akka ture mana murtiif himameera.
Abbaan seeraa Kim Heger dhaddacharrattii hima Jensen yeroo dubbisan qondaalli poolisii olaanaa kun, namoota qoricha hadoochuu galchan bira dhaabbatee seenaa biyya kana keessa hin jirre dalage jedhan.
Dhimmi kuni Norweey keessatti dhimma ijoo miidiyaalee ta'eera.












