Mormitoonni Paalastaayin deeggaran warshaa diroonii UK keessaa qabachuun oomisha danqan

Factory protest

Madda suuraa, Guy Smallman

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen kun oomisha warshichaa danqeera jedheera

Rogeeyyiin biyya Ingliiz guyyaa Roobii baaxii warshaa diroonii waraanaa oomishu gubbaa bahuun mormii dhageessisan.

Gareen Palestine Action jedhamanu kun warshaa Israa'el kan tahe UAV Tactical Systems jedhamu kan magaalaa Leestaritti argamu gariin qabachuusaanii himan.

Dhaabbati kun xiyyaarota nama-maleeyyii kan oomishu oggaa tahu, mormitoonni kunniin Israa'el kanniin fayyadamuun Gaazaa haleelti jedhu.

Balballi guddichi akka hin banamne cancalaan cufuufi oomishas danquusaanii himan.

Kaampaaniin Elbit kan dhaaba kana dhuunfatu, kanarratti deebii akka kennu BBCn gaafatus haga ammaa deebii hin arganne.

Protesters

Madda suuraa, Vudi Xhymshiti

Ibsa waa'ee suuraa, Lakkoofsi mormitootaa gara sa'aa boodarra dabalaa dhufee ture

Roobii galgala sa'aatii 1:30 keessa, mormitoonni 100 ol karra warshaa kana duratti hiriiruu dubbi himaan mormitootaa himan. Kaan ammoo baaxii gubbaa kan koranis turan.

Haga oduun kun midhaaffamutti jarri baaxiirraa bu'uu akka didaniifi poolisiinis isaan wajjin mari'achaa ture.

Muddamni Gaazaa, Israa'el fi West Baank keessa ture hammaachuun dhiyeenya kana gara lola waraanaatti ce'eera. Haleellaa rokkeettiifi xiyyaaraan gaggeeffameen, gama lamaan lubbuun 200 ol dabreera.

Factory protest

Madda suuraa, Guy Smallman

Mormitoonni warshaa kana gamtokkorra halluu diimaa dibaniiru.

Ibsa gareen mormitootaa Palestine Action baaseen: ''Gochaan har'aa kun akka nuti oomisha meeshaalee hamaa Paalestaayinitti yakka hammeessu dhaabuu akka dandeenyu agarsiiseera,'' jedha.

''Torban tokkoon darban kun, meeshaalee waraanaafi teknolojii UKtti oomishaman fayydamuun, badii lubbuu qabeenyaa hamaa humnoonni Israa'el geessisaa jiran agarsiiseera.''

Protesters
Ibsa waa'ee suuraa, Boodarras agreen mormitoota biraas isaanitti dabalamuu poolisiin himeera

Poolisiin Leestrashaayer poolisoonni naannichatti ganama barii sa'aa 11:32tti waamamuu mirkaneesse.

Dubbi-himaan: ''Poolisiin ammallee iddoo sana jira. Kanneen baaxii gubbaa jiran wajjin dubbiirra jira,'' jechuun Roobii himan.

Guyyuma kana hanga sa'aa boodaattis jarri achuma jiraachuufi poolisiinis jarri ''haala nagaa qabuun alatti akka morman mijeessaa jira,'' jedhan.

Kanneen balaa to'atanis iddichatti waamamanii kan dhufanii masalaala helikoptaraa kan fayyadaman oggaa tahu, boodarra garuu achii bahaniiru.