Israa'eel- Gaazaa: Baayidan dhukaasa dhaabuuf sararrii akka jiraatu Israa'eel gaafatan

Haleellaa qiilleensaatiin miidhaa magaalaa Gaazaa keessatti mudate

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin US Joo Baayidan lola Israa'eel Paalesiyaanoota waliin gaggeessaa jiraniin gara dhukaasaa dhaabuuf sochii 'qabatamaan' akka raawwatamuuf MM biyyattii Beenjaamiin Netaanyaahuun gaafatan.

Mr Baayidan ''dhukaasaa dhaabuuf sararri akka jiraatu'' barbaada jedhe Waayitii Hawuus ibsa Roobii galgala kenneen.

Ameerikaan michuu bara dheeraa Israa'eel yoo taatu lola kanarratti ibsi waloo Mana Maree Nagaa Motummoota Gamtoomanii akka hinbaaneef mormaa turte.

Kana dura ammoo MM Netaanyaahuun loltoonni Israa'een ''of eeggannoo ni taasisu'' jechuun ''garuu ammoo nuti yeroo waliin hindhaabbannuu'' jedhanii ture.

Lolli Israa'eeliifi Paalesiyaanoota jidduutti erga eegalee guyyoonni 10 kan lakkaa'aman yoo ta'u, jijjiiraan dhukaasaas milishoota Palestiyaanotaatiin gara Israa'eeliitti akkasumas Israa'eel irraa gara Gaazaatti raawwatamuun itti fufeera.

Akkasumas guyyaa Roobii harraatti, Liibaanoon irraa rookkeettiiwwan afur gara Israa'eeliitti kan dhukaafamn yoo ta'u, waraanni Israa'eelis deebii kennuuf jecha dhukaasa ''hedduu gara daangaa Liibaana keessatti dhukaaseera.''

Kunis walitti bu'iinsa hammeessuuf gumaacha olaanaa qabaachunsaafi dhiisuun ammatti ifa miti.

Kana dura maaltu ta'ee?

Wal dhabdeen Israa'eeliifi Paalestiyaanoota jidduutti gaggeeffamuu guyyaa 10ffaa isaa qabatee bakka jiruutti Israa'eel ajjajjoota Hamaas irratti xiyyeeffachu beeksifte.

Israa'eel akka jettuutti qondaala waraanaa Hamaas Mohaammad De'if ajjeessuuf 'yeroo baayyee'' yaalaa turte. Halkan darbe ammoo milishoonni lama haleellaa mana jireenyaa irratti raawwatameen ajjeefamniiru.

Hamaas irraa ammoo rookkeettiiwwan haaraan buufata qilleensaa Kibbatti argamu irratti qiiyyeeffataman gara Israa'eeliitti dhukaafamaniiru.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu gaggeeffamaa jiraatulleen hojjira oolchuuf yaaliin taasifamee guddaa miti.

Faransaay, Masriifi Jordaan waliin ta'uun waldhabdichi akka dhaabbatuuf Mana maree Nageenya UNtti kan dhiyyeessan yoo ta'u seerichi ammalleen wixiineedhumaan jira.

Ameerikaan biiyyi michuu Israa'eel bara dheeraa kan ibsa waloo akka hinbaaneef danqaa turte, haalaa waldhabdee kana dhaabsiisuu qofti gahaa hinta'u jechaa jirti. Dhukaasaa dhaabuufiis waamicha taasiftee turte.

Maddeen waraana Israa'eel keessaa Roobii BBCtti akka himaniitti, ''Israa'eel humna guutuun lolaa jirti. Hanga ammaatti dhukaasa dhaabuuf wanti irra gahame hinjiru,'' jedhan.

Lolli kunis erga muddamni Israa'eeliifi Paalestaayin jidduutti lafa hordoftoota amantaa musliimaafi warra Yuhidotaaf bakka qulqulluu ta'ee Yeerusaaleemiitti uumameen torbanootaan booda eegalame.

Hamaas kan Gaazaa bulchaa jirus erga Israa'eel akka eddoo sanaa baatuuf akeekkachiisa kenneen booda rookkeettii dhukaasuu eegale. Kunis gama Israa'eelii akka haleellaan qiilleensaatiin deebiin kennamuuf ka'umsa ta'e.

Ifa meeshaan ittisa dhukaasa rookkeetti Israa'eel wayita haleellaa Gaazaarraa dhufu ittisuutti Caamsaa 18, 2021

Madda suuraa, Getty Images

Hanga ammaatti ijoolleeniifi dubartootni gara 100 ta'an dabalatee yoo xinnaate namoonni 219 Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru jedheera Miniteerri Fayyaa kan Gaazaa.

Israa'eel ammoo kanneen Gaazaatti ajjeefaman keessaa 150 milishoota ta'u himti. Hamaas ammoo du'a loltootaa ilaalchisee lakkoofsaa kan ibsee hinqabu.

Gama Israa'eeliin ammoo ijoollee lama dabalatee namoonni 12 ajjeeffamuu tajaajjilli fayyaa beeksiisera.

Akkasumas Israa'eel rookkeettiiwwan 3,750 milishoota Gaazaa keessaatiin gara daangaa isheetti dhukaafamu beeksiiftee jirti.

Halkan darbees dhukaasni rookkeettii Hamaasiin gara Israa'eeliitti taasifamuufi haleellaan qilleensaa Israa'eel raawwattu itti fufee buluutu himame.

Waraanni Israa'eelis jeettiin waraanaa isaanii bu'uuraalee misoomaa waraanaafi manneen qondaaltoota Hamaas kan Gaazaa keessaa rukutuu beeksiise.

Gabaasaan BBC Rushdi Abualouf kan Gaazaa keessaa akka jedheetti jidduugala magaalaa Gaazaa keessatti haleellaa appaartimantii irratti Israa'eeliin raawwatameen milishoonni Paalesiyaanii lama ajjeefamaniiru.

Xiyyaarrii waraanaa Israa'eel haleellaa 70 raawwachusaaniilleen dabaluun hima.

Kanneen keessaa haleellaawwan 50 dhaabbilee leenjii milishootaa kan qarqara Gaazaa magaalaa Khaan Younis irratti xiyyeeffatan ture. Eddoon sunis dallaa tikaa Hamaasiin to'atamuufi daandiiwwan akkasumas lafa qonnaatii jedheera gabaasaan kun.

Nama osoo mormuu miidhame

Madda suuraa, Getty Images