Sodaafi gadda lola Israa’eel-Gaazaa keessaa suuraadhaan

Nama Warshaan Gaazaa keessaa tokko erga haleellaa qilleensaatiin rukutameen booda osoo boba'uu ilaalaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Warshaan Gaazaa keessaa tokko erga haleellaa qilleensaatiin rukutameen booda osoo boba'uu

Lolli Israa’eel fi hidhattoota Paalestaayin gidduu deemaa jiru waan qabbanaa’u hin fakkaatu, namoota nagaa lubbuu miidhaan irra ga’aa jiru ilaalchisees yaaddoon guddachaa jira.

Suuraaleen guyyoota muraasa darban keessatti miidhaa namootarra ga’aa jiruufi haleellaan xiyyaaraafi rookkeettiin qabeenya yoo mancaasan, akkasumas namoonni da’annootti yoo baqatan agarsiisan ba’aa jiru.

Palestinians from the same family evacuate young children, women, and the elderly alive and dead from under the rubble of their destroyed home on 16 May

Madda suuraa, Getty Images

Israa’eel haleellaa taasiftuun hidhattoota Paalestaayin irratti aggaammachuu haa himtu malee, daandiifi humni ibsaas miidhaan irra ga’eera.

Suuraa armaan olii irratti, lammiin Paalestaayin tokko jijjigaa manasaa Dilbata darbe haleellaa Israa’eeliin diigame irratti kufee yoo boo’u mul’ata.

Miseensonni maatiisaa muraasnis jijjigaa manaa kana jalatti awwaalamanii jiru.

Dubartii maatiin haleellaan jalaa ajjeefamuun gaddaa jirtu Caamsaa 16, 2021 Magaalaa Gaaza keessatti

Madda suuraa, Getty Images

Erga lolli torbee tokko dura naannichatti eegalee as, guyyaan sun isa hamaa ture.

Haleellaan samiirraa Israa’eeliin daandii namoonni itti baay’atan irratti halkan sana raawwatame gamoowwan jijjigsee namootas lubbuu dhabsiiseera.

"Waan Gaazaa keessatti manca’ee jiru deebisnee ijaaruuf, yoo xiqqaate ganna 10 nubarbaachisa,’’ ogeessa fayyaa daa’iimanii kan ta’e Mohaammad Abu Raayyaa, BBC'tti Wiixatarra kan dubbatedha.

Sirnoonni awwaalchaa naannoo daangaa irratti taasifamaa jiru. Dubartiin armaan olii kunis maatiishee haleellaa Magaalaa Gaazaa keessatti raawwateen dhabdeef gaddaa jirti.

A child walks on stairs inside a bomb shelter in Ashkelon, southern Israel, on May 16

Madda suuraa, Reuters

Gama biraatiin, Gaazaa kan to’atu Hmaas fi hidhattoonni Paalestaayin biroon gara Kibba Israa’eelitti rookkeettii dhukaasuu itti fufanii jiru.

Manneeniifi gamoowwan miidhamaniiru. Lammiileen Israa’eel miiliyoonotaan lakkaa’amanis sagalee akeekkachiisaa dhaga’ame hordofuun gara da’annootti baqatanii jiru.

Daa'imni armaan olitti mul’attu kunis da’annoo magaalaa rookkeetti Hamaasiin rukutamaa jirtu Ashkeloon keessa jiru keessatti suuraa ka’edha.

Victoria Tapalashvili checks the damage after a rocket fired from the Gaza Strip hit near her house on May 17

Madda suuraa, Getty Images

Viiktooriyaa Taappaalaashviilii manashee magaalaa Kibba Israa’eel keessatti argamtu Ashdooditti haleellaa rookkeettiin miidhame wayita sakattaatu mul’atti.

"Salphaa miti, galgalaa fi halkan yeroo hundumaa, ijoollee hirribaa kaafnee gara da’annootti fiigna,’’ jechuun BBC’tti kan dubbate, abbaa ijoollee sadi’ii kan ta’eefi hogganaa dhaabbata teeknooloojii kan ta’e, Eyitaan Singar dha.

"Da’annoo barbaachuuf yeroon nuti qabnu sekondii 30-60 qofadha."

A photo taken on May 17, 2021 shows a damaged apartment in a residential neighbourhood in the southern Israeli city of Ashdod

Madda suuraa, AFP

Suuraan kun mana Ashdood keessatti barbadaa’e agarsiisa.

Sirni ittisaa misaayelii Israa’eel ‘Iron Dome’ rookkeettiiwwan garasitti dhukaafaman keessaa %90 fashaleessuutu gabaafama.

Biyya ollaa Libaanoosirraa rokkeettiiwwan kaaba Israa’eelitti dhukaafamaniiru.

Palestinian relatives watch as mourners carry the body of Yaseen Hamad during his funeral in the West Bank on 16 May

Madda suuraa, EPA

Hokkorri kun gara Weesti Baankittis dhuma torbeerra tamsa’ee, loltoonni Israa’eel fi Paalestaayin wal-lolaniiru.

Lammiileen Paalestaayin kunneen Dilbata darbe namoonni reeffa fira isaanii awwaalchaaf baatanii yoo deeman foddaadhaan ilaalaa jiru.

Araboonni Paalestaayin Weesti Baanki keessatti seera ofiin of-bulchuu muraasaafi waraana Israa’eel jelatti jiraatu.

Riyad Eshkuntana kisses his daughter Suzy"s hand as they are treated at a hospital after being pulled from the rubble

Madda suuraa, Reuters

Namni kun Riyaad Eshkuntaanaa jedhama, Gaazaa keessatti jijjigaa manaa jalaa intalasaa ganna jahaa Suuzii waliin lubbuun ba’e.

Jijjigaa mana isaanii jelatti sa’aatii dheeraaf erga turtee booda hoospitaala guddichaa Gaazaa keessatti abbaashee waliin wal-agarte.

"Mucaakoo dhiifama naaf godhi. Akkan siif dhaqqabuuf natti iyyattus gochuu hin dandeenye,’’ yeroo wal-arganitti kan mucaasaatti dubbatedha, Abba Eshkuntaanaan, akka Rooyitarsi gabaasetti.

A member of the Abu Dayer family, surrounded by relatives, cries at the Al-Shifa hospital after the death of his father and cousin in an Israeli air strike

Madda suuraa, Getty Images

Suuraan kun maatii Abu Daayar hoospitaala Al-Shifa Gaazaa keessatti argamu keessa sa’aatii muraasa dura firri duraa du’ee dhufan jiran mul’isa.

An Israeli woman reacts as she checks the damage inside her house hit by Palestinian rocket fire in the southern city of Ashkelon

Madda suuraa, AFP

Dubartiin kun sagaleen gabaasa waraanaa kanaa duubaan wayita dhaga’amaa jirutti manashee Ashkeloon jirurratti miidhaa ga’e ilaalaa jirti.

Hokkorii kun hawaasa idl-addunyaa biratti yaaddoo ummaa jira.

Dursitoonni biyyootaafi dhaabbileen namoomaa haleellaa gamoowwaniifi bu’uuraalee misoomaarra lola kanaan ga’aa jiruun namootarra miidhaa ga’u hambisuuf tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu waamicha dhiyeessaa jiru.

The father of 12-year-old Rahaf al-Dayer holds her covered body at al-Shifa hospital, after she was killed in an Israeli airstrike on 17 May

Madda suuraa, Getty Images

Suraa gubbaarratti mul’aturratti namni jiru, mucaasaa dubaraa ganna 12 Rahaaf al-Daayar jedhamtu dhabe wayita gaddaa jiru mul’isa.

Lolli kun erga eegalee turban lammaffaasaa qabatus, waan dhumaa jiru hin fakkaatu. Kibxatarras haleellaan samiirraafi dhukaasni rookkeettii akkuma itti fufetti jira.

US fi biyyoonni sooreyyii addunyaa biroos dhukaasni akka dhaabbatuuf waamicha taasifamu deeggaranus, ammaaf sun ta’ee hin jiru.

Tibba awwalcha loltuu Omer Taabiib kan lola daangaa Gaazaa irratti ajjeeffameetti maatii fi hirriyoonni, loltoota Israa'eel dabalatee yoo gaddan

Madda suuraa, Reuters

Suraawwan hundumtu mirgi abbeentaa kan eegameedha.