Israa'el-Gaazaa: Gaazaan maaliif 'Google Maps' gubbaa qulqullinaan hin mul'attu?

Google Earth image of Gaza from 2016

Madda suuraa, Google

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraaleen Google Earth Gaazaa mul'isan qulqullinni isaanii daran kan gadi bu'edha

Addunyaarra bakka ummanni rukkatee keessa jiraatu Gaazaan, maaliif 'Google Maps' irratti dimimmistee mul'atti?

Dhimmi kun qorattoota odeeffannoo uummataaf banaa tahe (open-source) fayyadamaniin, xiyyeeffannoo addaa argateera.

Qorattoonni kunniin kaartaa dabalatee, ragaa kaan walitti qabuun, haleellaafi miidhaawwan garagaraa sakatta'u.

''Suuraalee qulqullina olaanaa (high-resolution) qaban Israa'eliifi Paalestaayin keessaa argachuu dhabuun rakkoo nutti taheera,'' jedha ogeessi 'open-source' Samir.

'Google Earth' gubbaa Israa'eliifi Paalestaayin garri caalu suuraalee qulqullina gadaanaa qabaniin mul'ata. Haatahu malee kaampaaniiwwaan saatalaayitaa irraa suuraalee qulqullina olaanaa qaban argachuun ni danda'ama.

Magaalaa Gaazaa (Gaazaa Siitii jedhamunis beekamti) keessa gubbaarraa konkolaataa tokko adda baafachuun rakkisaadha.

Kana magaalaa guddoo Kooriyaa Kaabaa Piyoongyaang wajjin walbira qabnee oggaa ilaallu gargar walirraa fagaata - asitti konkolaataa dhiisii nama tokoyyuu arguu dandeessa.

Google Earth image of Gaza on the left, and on the right an image of Pyongyang, North Korea.

Madda suuraa, Google

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Google Earth Gaazaa gama bitaan. Gara mirgaan suuraa dhiyeenyaa Pyongyang, Kooriyaa Kaabaa.

Suuraan saataliyatarraa maaliif hagana barbaachisaa ta'e?

Suuraalee saatalaayitaa fayyadamuun lola gabaasuu keessatti iddoo olaanaa qabaachaa dhufeera.

Lola ammaa Israa'el fi Gaazaa keessaan, qorattoonni misaayelli eessaa akka dhukaafamuufi gamoowwan haleellaan jijjigan kam fa'i akka ta'an saatalaayita fayyadamuun adda baasu.

Haatahu malee, pilaatiformiin namni hedduu itti fayyadamu Google Earth, suuraan Gaazaa haarayaa achirra jiru daran qulqullina gadaanaa kan qabudha.

''Suuraan Google Earth inni dhiyeenyaa kan 2016ti, innillee [daaraadha]. Yeroo walfakkaatutti suuraa Siiriyaa keessaa as dhiyeessee wayitan ilaalu, ergasii qulqullina olaanaan suuraaleen 20 ol ka'aniiru,'' jechuun gaazexeessaan Aric Toler jedhamu Tweet godhe.

Akka Google jedhutti kaayyoon isaa ''iddoowwan namoonni baay'inaan keessa jiraatan, yeroo yeroon haaromsuudha.'' Tahus garuu kan Gaazaa akkas miti.

Suuraaleen qulqullina qaban salphaatti argamuu?

Hanga bara dabreetti, mootummaan Ameerikaa dhaabbileen biyyattii suuraalee Israa'el fi Paalastaayin gabaaf oolchan irratti, dhorkaa qulqullinaa kaa'ee ture.

Dhorkaan kunis labsii Kyl-Bingaman Amendment (KBA) jedhamu keessa kan kaa'amedha. Seerri bara 1997 keessa bahe kun, nageenya Israa'elif deeggarsa kan agarsisudha.

Labsii KBA jalatti, dhaabbileen kunniin suuraalee qulqullinni isaanii piksilii meetira lamaa gadi tahe dhiyeessuu hin danda'ani. Kanaanis fakkeenyaaf meeshaa hanga konkolaataa qabu adda baasuuf rakkisaa godha.

Bakkeewwan kanneen akka buufata waraanaa fa'itti suuraan dimimmisee mul'achuun waanuma baramedha - garuu KBAn biyya tokko guutuurra dhorkaa kaa'uun bakka biraa hinjiru.

Seerri kun Israa'el qofa kan jedhu tahus, bulchiinsa Paalastaayin keessattis hojiirra ooleera.

Haatahu malee, erga kaampaaniwwan biyya Ameerikaa hin taane kanneen akka Airbus, suuraalee kanniin qulqullina olaanaan dhiyeessuu jalqabuun isaanii, US dhorkaa kana kaasuuf dhiibbaan cimaan irra gahe.

Kana hordofees Adoolessa 2020 keessa labsiin KBA ni haqame.

Yeroo ammaas kaampaaniiwwan Ameerikaa suuraalee naannichaa rizolushinii dassaa qaban dhiyeessuu danda'u. Piksiliin tokko amma haga sm40 gadi xiqqaachuu danda'a - kunis namnifaa saatalaayitarraa adda bahuu dandeessisa.

''Kaka'umsi jalqabaa saayinsaawaa ture,'' jedhu Yunivarsiitii Oksforditti arkiyooloojistii kan tahan Mikaa'el Firaadlii. Aabba Mikaa'el namoota labsiin kun akka geeddaramu kanneen qabsaa'aa turan keessaa tokko.

''Piroojektii keenyaaf madda ragaa walitti fufinsa qabu barbaanna ture. Kunis Bulchiinsota Paalestaayin Israa'elin qabaman keessatti suuraalee qulqullina oolaanaa qaban nu barbaachisu turan.''

Gaazaan haga ammaa maaliif dimimmistee hafteree?

BBCn kaampaaniiwwan appii kaartaa suuraalee saatalaayitaa mul'isa fayyadaman Google fi Apple qunnameera.

Apple kaartaasaa haaromsuun suuraalee qulqullina qaban (sm40) fayyadamuuf hojjechaan jira jedhe.

Google ammoo suuraalee fayyadaman dhiyeessitoota garagaraa irraa akka argatan himuun ''akkuma suuraalee qulqullina gaarii qabaatan argataniin, kaartaasaa akka haaromsu,'' himeera. Dabaluun garuu ''ammatti kana qoduuf karoora akka hinqabne'' himeera.

Left: Google Earth image of Gaza in 2016; right: Maxar image captured 12 May 2021

Madda suuraa, Google and Maxar

Ibsa waa'ee suuraa, Bitaa: Suuraa Google Earth gamoo Hanadi yeroo ammaa; mirga: suuraa qulqullina olaanaa gamoo barbadaa'e agarsiisu

''Haala murteessaa amma adeemaa jiruun, suuraan naannichaa gabaaf oolan maaliif qulqullina akka dhaban naaf hin galu,'' jedha qorataan 'open-source' Nick Waters.

Suuraalee kanniin eenyutu kaasa?

Pilaatformiiwwan kaartaa uummataaf banaa tahan kanneen akka Google Earth fi Apple Maps, suuraaleesaanii kaampaaniiwwan saatalaayitaarraa argatu.

Kaampaaniin gurguddoo lamaan Maxar fi Planet Labs jedhaman, suuraalee Israa'el fi Gaazaa qulqullina olaanaa qaban dhiyeessaa jiru.

''Seerri Ameerikaa keessaa jijjiiramuu hordofee, suuraan Israa'el fi Gaazaa rizolushinii m0.4 (sm40) dhiyeessaa jirra,'' jedhe Maxar ibsa baaseen.

'Planet Labs' gamasaatiin, suuraalee qulqullina sm50 dhiyeessaa jiraachuu BBC'f mirkaneesseera.

Haatahu malee, qorattoonni 'open-source' sofitiweerii kaartaa bilisaan argamanitti gara caalu fayyadamu. Suuraalee qulqullina olaanaa qaban kanniin kallattiin argachuuf ni rakkatu.

Reality Check branding