Lolli Israa'el fi Paalistaayin akka dhaabbatu Pireezidantin Ameerikaa Joo Baayidan gaafatan

Madda suuraa, Reuters
Waraanni Israa'eeliifi Paalistaayiin torban Wiixata darbee eegale hordofee biyyoonni gurguddoon addunyaa Israa'eel waliigaltee waraana dhaabuu akka mallatteessitu dhiibbaa gochaa jiraniis michuu gaarii Israa'eel yeroo tolaafi badaa Ameerikaan ammallee Israa'eeliif tumsaa jirti.
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, atattamaan lolli akka dhaabbatu gaafataniiru.
Aabba Baayidan MM Benjaamin Netaaniyaahutti akka himanitti, Ameerikaan biyyoota kanneen akka Masrii fi kaan wajjin, lolli kun akka dhaabbatuuf hojjechaa jirti jedhan.
Lolli Israa'eeliifi Paalistaayiin gidduuttii rokkeetotaafii xiyyaarota waraanaan dabaalamee Gaazaa fi Weestibaankitti Wiixata darbe eegaleen hanga ammaatti, daa'imman 61 dabalatee, lubbuun Paalistaayinoota 212 ol darbuu Ministeerrii Fayyaa Hamaasiin hoogganamu ibseera.
Gama Israa'elin ammoo daa'imman lama dabalatee, lubbuun 10 darbeera.
Hamaasiifi Israa'eel waraana akka dhaaban dhiibbaan idiladdunyaa cimaa jiraatus ministirri Muumme Israa'eel haleellaa godhan akka adda hin kunne ibsaniiru, Hamaasis gama isaan Israa'eel dandeettii loluuf qabnu salphiftee ilaaltee jechuun loluu akka itti fufu ibseera.
Ameerikaan hanga ammaa maal jette?
Ministirri Haajaa Alaa Ameerikaa Antonii Biliinken ergaa tiwiitaraa Dilbata galgala maxxansaniin lolli kun atattamaan dhaabachuu qaba jedhan.
Haata'u malee Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Israa'eel ''mirga balaa ofirraa qolachuu qabdii'' jechuun MM Israa'eel Beenjaamiin Netaaniyaahuuf deeggarsa qaban agarsiisaniiru.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis Israa'eel gocha ishee kanarraa akka dhaabbattu waamicha gochuuf ibsa akka hin baasne dhorkiteetti.
Guyyaa Wiixataas Manni Marii Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma Israa'elii fi Paalistaayiin irratti marii kan taa'e ta'uus, Ameerikaan torban tokko keessatti yeroo sadaffaaf ibsi Israa'eel gocha isheerraa akka dhaabbatu gaafatu akka hin baane mormiteetti.
''Ameerikaan akkaan yaaddofteetti''
Antonii Biliinkeen Deenmaarkiin wayita daawwatanitti Israa'eeliifi Paalistaayiin namoota nagaa balaarraa akka eeganiif waamicha godhaniiru.
''Yunaayitiid Isteetis lolli hammaachuu isaatiin akkaan yaaddahuun ishee itti fufeera... Daa'imman dabalatee namootni dhibbaan lakkaawwaman ajjeefamaniifi madaa'an gamoowwan burkutaa'an jalaa baafamaa jiru'' jedhan Biliinken.
''Gaazexessitootniifi ogeeyyiin fayyaa akki itti balaarraa buufamaniis yaaddessaadha. Paalistaayinoonniifi Israa'eloonni akkuma nama bakka biraa jiraniin nageenyi isaanii eegamee jiraachuuf mirga qabu'' jechuunis himan.
Gareen lameenuu namoota nagaa keessumaa daa'iimaniif eegumsa akka godhan gaafatanii ''Israa'eel akka biyya dimookraatoftuu tokkoottii ba'aa dabalataatu irra jira'' jedhan.
Lolli kun akka dhaabatu dhiibbaa dippiloomasii gochuu akka itti fufanillee ibsa Koppenhaagenii kennaniin dubbatan.
Qaamoleen lachuu waraanadha dhaabuuf fedha qabaannaan deeggarsa gochuuf qophiinas jedhan.
Israa'eel gamoo miidiyaalee haleeluuf sababa gahaa akka dhiyeessitu gaafatamte
Sanbata xiqqaa darbe humni waraanaa Israa'eel Gaazaatti haleellaa qilleensaa raawwachaa tureen gamoo waajiraalee miidiyaalee idila addunyaa Asoosheetiid Pireesiifi Al Jaziiraa of keessaa qabu barbadeessiteetti.
Kana hordofees Israa'eel haleellaa kana sababa raawwatteef ragaa gahaa akka dhiyeessitu US gaafatteetti.
Israa'eel haleellaa kana kan raawwatteef gamoon sun bakka hoogganoonni Hamaas keessa qubataniidha jetti.

Madda suuraa, MAHMUD HAMS
Hooggansi Aljaziiraa gama isaan gamoo sanirra Hamaas jiraachuuf odeeffannoo akka hin qabne ibsuun haleellicha balaaleffateera.
Ameerikaan meeshaalee waraanaa gurguddoo miiliyoona $735 Israa'eeliif gurguruu
Ameerikaan gurgurtaa meeshaalee waraanaa gurguddoo doolaara miiliyoona 735 ta'u Israa'eel gaafatteef hayyamteetti.
Pireezidan Joo Baayidan bittaa meeshaa waraanaa kanaaf hayyama kennuu isaanii Waashingitan Poost gabaaseera.
Meeshaaleen waraanaa Israa'eel Ameerikaarraa bitaachuuf jettu kun bakka xiyyeeffannoo adda baasanii warra haleeluu danda'aniidha.
Akka gabaasa kanaatti Koongireesiin Ameerikaa waayee bittaa kanaa kan beeksifame lolli haaraan Israa'eeliifi Paalistaayin gidduu eegaluu torbee tokko duradha.
Miseensonni dhaaba Baayidan gariin gurgurtaa meeshaa kanaa qeeqaa akka jiran barruun kun gabaaseera.
Dimookraatiin miseensa koree dhimma alaa ta'an barruu kanatti yoo himan, ''Israa'eel waraana dhaabuun akka waliigaltu osoo dhiibbaa hin godhiin boombiiwwan ismaart jedhaman kana gurguruun walfixinsi akka itti fufu godha,'' jedhan.















