Waldhabdeen Israa'el fi Paalistaayin waggoota 100 akkamiin eegale?

Lola Jarusaalem

Madda suuraa, Getty Images

Waraana Addunyaa 1ffaa irratti erga Bulchiinsi Otomaan naannoo Giduugaleessa Bahaa jiru injifatamee booda, Biriteen naannoo Palistaayin jedhamuun beekamu to’annoo jala galfatte.

Lafa kanarra Yihuudota lakkoofsi isaanii xiqqaa taheefi Araboota lakkoofsi olaanaa ta’etu jiraata ture.

Waldhabdeen saboota lamaan jidduu kan guddate hawaasni addunyaa Biriteen lammilee Yihudaaf Palistaayin keessatti biyya akka ijaartu yeroo gaafatanidha.

Yihuudotaaf, bakka jireenyaa abbootii isaaniidha, Araboonni Palistaayin garuu lafti kan keenya jechuun jijjiirama kana mormani.

Beeteliheem jalqaba jaarraa 20ffaatti

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1920’n fi 1940n gidduutti, lakkoofsi Yiduudota achi qubatan dabalaa dhufe, hedduun isaani darara Awurooppaatti isaan irra ga’u fi Holkoostii Waraana Addunyaa II kan baqatanii bakka jireenyaa barbaadan turani.

Waldhabdeen Yihudoota fi Araboota gidduu jiruufi mormiin bulchiinsa Biriteen irratti ka’u dabalaa dhufe.

Bara 1947tti Dhaabbati Mootummoota Gamtoomani, Palistaayin bulchiinsa Yihudootaa fi Arabaa adda addaatti akka qoodamtuufi Jerusaalem magaalaa idil addunyaa akka taatuuf filate.

Karoorri kun hoggantoota Yihudotaan simatamuus gama Arabaan garuu fudhatama dhabee hojiirra hin oolle.

Hundeeffama Israa’eelii fi ‘balaa hamaa’

Bara 1948tti rakkoo jiru furuu waan hin dadhabaniif, bulchiitoonni Biriitish gadhiisani deemanii, hoggantoonni Yihuudotaa ammo hundeefamma Israa’eel labsani.

Lammileen Palistaayin hedduun kana mormuun waraanni uumame. Looltoonni biyyooti Arabaa ollaa jiraanis weerara eegalani.

Loltoota liigii Arabaa bara 1948

Madda suuraa, Getty Images

Lammilee Palistaayin kumaatamaan lakkaa’aman achirraa baqatanii ykn mana isaanii irraa humnaan baafamani, gocha kana isaan Al Nakba ykn ‘balaa hamaa’ jechuun waamu.

Bara itti aanutti lolli waligalteen dhukaasa dhaabuun yeroo dhaabbatetti, Isra’eel lafa harka caalu to’attee turte.

Yeroo sanatti Joordan lafa amma Weesti Baanki jedhamuun beekamu to’attee, Masriin ammoo Gaazaa to’attee turte.

Jerusaaleem bakka lamatti hiramte, gama Lixaan humnoota Israa’eeliin, Bahaan ammo humnoota Jordaaniin to’atamte.

Waligalteen nagaa waan hin jirreef – gami lamaanuu wal himatu – waggootii itti aanaan keessatti lollii fi waraanni itti fufe.

Kaartaa har’aa

Waraana biraa bara 1967’tti dhalateen, Israa’eel, Jerusaaleem Lixaa fi Weest Baanki, akkasumas Golan Heights Siiriyaa harka caaluu, Gaazaa fi peninsulaa Sinayii Masirii to'achuu dandeesse.

Ergasii baqattoonni Paalistaayin fi sanyiin isaanii harki caalaan Gazaa, Westi Baankii fi biyyootii ollaa Joordaan, Siiriyaa fi Lebanoon keessa jiraatu.

Baqattoonni kunis ta’ee sanyiin isaani gara mana isaanitti deebi’uuf Israa’eel hin eeyyamneefi – Israa’eel kun biyyiittirra dhiibbaa uumuun, bulchiinsa Yihudootaa balleessuu danda’a jetti.

Israa’eel amma Weest Baanki to’attee jirti, Gazaa keessaa humnoota ishii baastuus UN garuu lafa sana akka bakka to’atameetti ilala.

Dubartiin Paalistaayiin deeggartuufi maanguddoo Israa'eel deeggaran yeroo walitti iyyan

Madda suuraa, Getty Images

Isra’eel magaalaan Jerusaaleem guutummatti magaalaa gudditti ishee akka taatetti ibsiti, Palistaayiin ammoo Jerusaalem Baha egereetti magalaa gudditti Palistaayiin akka taatu himatti. Dhuunfanna magaalatti Israa’eel himatte kana biyyoota muraasa deeggaran keessa US ishee tokkodha.

Waggooti shantaman darban keessatti Isra’eel naannoo kanatti buufata adda addaa ijaarteetti, amma nannichaa Yihuudota 600,000 ol ta’nituu jiraata.

Lammileen Paalistaayin qubannaan Israa'eelotaa kun seera idil addunyaa jalatti yakka akka ta’eefi nagaatti gufuu akka ta’u himu, Israa’eel garuu kan hin fudhattu.

Gaazaa kan bulchuu gartuu hidhattootaa Paalistaayin Hamaas jedhamu kan yeroo hedduu Israa’eel waliin wal loludha. Meeshaaleen waraanaa Hamaas bira akka hin geenyeef Israa’eelii fi Masiriin daangaa Gaazaa ciminaan to’atu.

Gaazii imimmaanessu daangaa ulaa gaazaafi Israa'eelitti darbatame

Madda suuraa, Getty Images

Lammileen Paalistaayin Gazaa fi Weesti Baanki keessa jiraatan tarkaanfii fi dhorkii Israa’eeliin akka rakkachaa jiran himu. Israa’eel ammo hokkora Paalistaayinootni kaasan ofirraa dhorkuuf qofa tarkaanfiin fudhadha jetti.

Rakkooleen gurguddoo maali?

Wantooti Israa’eeli fi Paalistaayin irratti waliif hin gallee hedduudha.

Kunneenis kan akka baqatootta Paalistaayin akkam ta’u kan jedhu, bakki qubannaa Israa’eelotaa Weest Baanki haa turumoo haa ka’u kan jedhu, inni guddaan ammoo bulchiinsi Paalistaayin akkuma Israa’eel haa hundeeffamu kan jedhudha.

Waggootii 25 darbaniif haasaan waligaltee nagaa darbee darbee gaggeefamaa kan ture ta’us, hanga ammatti garuu waldhabdee jiru hin furre.