Lolli Israa’el-Palestaayiin cimaa jiru waraana hamaatti ce’a jedhamee sodaatamaa jira

Madda suuraa, EPA
Ulaa Gaazaatti hidhattoonni warra Palastaayinootaafi waraanni Israa’el walitti dhukaasaa jiran hammaachuun waraana guddaatti ce’uuf mala jedhee yaadda’uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii beeksise.
Gama lachuurra lubbuun namootaas darbaa jira. Wixataan asitti yoo xiqqaate Paalistaayinoonni 53 fi lammileen Israa’el jaha ajjeefamaniru.
Sa’aatii 38 keessatti hidhattoonni Paalestaayiin rokkeettiwwan 1,000 ol gara Israa’elitti dhukaasaniiru.
Isaan keessa harki caalaan gara Telaviivitti dhukaafamuu Israa’el beeksifteetti.
Gama biraatiin Israa’el xiyyaarotaan si’a dhibbaan lakka’aaman Paalestaayiin haleeluun, Kibxataafi Roobii gamoowwan dhedheeroo lama Gaazaatti burkuteessiteetti.
Namoota walitti bu’iinsa keessatti ajjeefaman keessaa 14 ijoollee Paalisteenootaati.
Barreessaa Olanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antoniyoo Guuterees, hokkora walitti bu'insa dhalateen ’’hedduu yaadda’eera," jedhan.
Lammiin Israa’el tokko misaa’ela farra taankiitiin Kaaba Ulaa Gaazaatii dhukaafameen ajjeefamera. Dhukaasa kanaan namoonni biroo sadiis madaa’aniiru.
Lammilee Israa’el walitti bu’insa kana keessatti ajjefaman keessaa abbaafi intallisaa ganna 16 magalaa Telaviiv cinatti argamtu Lood keessatti rokkeettii konkolaataasaanii rukuteen ajjeefaman.
Magaalaa Lood kana keessatti ammoo Israa'el amma labsii yeroo muddamaa labsitee jirti.
Gaazaatti ammoo miseensoonni maatii tokko keessaa shan haleellaa xiyyaara Israa’eliin ajjeefamaniiru.
Amma karaalee biyyattii gamoowwan diigamaniifi konkolaattoota gubatanii caccabaniin guutameera.
Israa’el akka beeksiftetti, haleellaa sana hogganaa olaanaa hidhattoota Hamaas Gaazaatti ajjeesuuf raawwatte.
Araboonni Israa’el keessa jiraatan magaalota Israa’el hedduu keessatti mormii hokkoraan dabaalame gaggeessan.
Sababii kanaan magaalaan Telaviiv cinatti argamtu Lood kan akka labsii yeroo muddamaa jala seentu taasises.
Kun otoo haala kanaan jiru, Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamiin Neetaniyaahoon, ‘’Israa’elootarratti kanneen hokkora kaasaniifi biyya diinarraa ittisuuf mootummaan dandeettii qabu hundatti gargaarama,’’ jedhan.
Yeruusaalem Muslimootaafi Yihudootaa biratti bakka qulqulluu jedhamtee amanamtuutti walitti bu’iinsa poolisoota Israa’eliifi palistaayinootaatti mormiif bahan gidduutti torban jabaatetti lolli gidduusaanitti dhalateera.
Waraanni Israa’el akka himetti, erga bara 2014 lolli Gaazaatti gaggeeffame asitti lola baayyee hammaataadha jedhe.
Palestaayiin irraa gara Israa’elitti rokkeettiwwan 1,050 fi moortariin dhukaafameera, isaan keessaa 850 kan ta’utu Israa’el keessatti kufe. Kan hafemmoo Israa’el ofiirraa qolatte.
Magaaloota Israa’el kanneen akka Telaviiv, Ashikeloon, Moodiin fi Beerssaabee keessatti sagaleen dhuka’aa nama naasisan kan dhaga’aman wayita ta’u, hidhattoonni Paalestaayiin ittisa misaayilaa qoruu/muddama keessa galchuuf yaalaniiru.

Madda suuraa, MAHMUD HAMS/GETTY IMAGES
Israa’el gama isheetiin, iddoowwaan rookkeettiin dhukaafaman, gamoowwan gurguddoo, manneen jireenyaafi waajiraalee hidhattoota Hamaas Gaazaa bulchan irratti akka qiyyaafattu beeksifteetti.
Hamaas gamasaatiin, "diinni gamoowwan iddoo jireenyaa haleeluurratti qiyyaafachuun nu aarse,’’ jedhe.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutirees tasgabbiin akka deebi’uuf tattaaffiin akka cimuu waamicha dhiyeessaniiru.
Hogganaan Hamaas Ismaa’el Haniyaa gama foddaa Televizhiniin ibsa wayita kennan, yoo Israa’el haleellaa hammeesite nutis qophiidha, yoo dhiisuuf murteessite nuti qophiidha jedhanii turan.
.














