Namicha sagantaarratti 'na affeeruu diddan' jedhe namoota jaha ajjeese

Miseensota maatii gadduutti jiran

Madda suuraa, Getty Images

Dilbata darbe sagantaa kabajaa guyyaa dhalootaa irratti namichi namoota ja’a ajjeesee sagantichatti hin affeeramiin hafuu isaatiin aaree akka ta’e qondaaltonni Koloraadoo himan.

Tiyodoroo Maasiyaas nama ganna 28 yoo ta'u, jaalallee isaa ganna 28 Sandiraa Ibarra-Pereez fi firoota shan rasaasan erga ajjeesee booda of ajjeesuu isaa poolisiin himeera.

Haleellaan kun kan raawwate Dilbata Koloraadoo Ispiriingisiitti Paarkii keessattidha.

Sagantichi firoota sadiif kan qophaa’e kan ture yoo ta’u, isaan keessa lama ajjeefamaniiru.

Namichi kun torban tokko dura maatii miidhaman kana waliin sagantaa biraa irratti ‘'waldhabee” akka tureefi jaallallee hinaaffaa qabu ta’uusaa poolisiin ibseera.

''Gochaa hamaa kana duuba rakkoo maatiitu jira,'' jechuun hogganaan poolisii Viinsi Niski Kibxata ibsa miidiyaaleef kenneen ibseera.

''Sagaantaa maatii kanatti yemmuu hin affeeramiin hafe, shakkamaan kun dhukaasaa bane,'' jedha.

Namichi kun ''rakkoo of to’achuu dhabuu fi aangoo akka qabu agarsiisa'' jalallee isaa waliinis wagga tokkoof waliin turani jedha. Kana dura Maasiyaas yakka raawwate hin beeku.

Dargaggoonni sadii haleellichi raawwachuu isaa daqiiqa muraasa dura sagantichaa ba’anii mi’aa fudhuuf oollaa deemanii kan turan yoo ta’u erga haleellaan kun rawwaatee booda deebi’ani jechuun qondaalli poolisii Joo Firabile ibseera.

Ijoolleen sadii umurii ganna lama, shan fi 11 haleellicha ijaan kan argan ta’us miidhaan akka irra hin geenye poolisiin ibseera.

Akka poolisiin jedhutti shugguxiin namni kun haleellaa ittiin raawwate karaa seeraan kan dhuunfatamee miti.

Dilbata ibsa kennaniin bulchaan Koloraadoo Jaareed poolis “haleellaa hamaa” kana balaaleffachuun, gochi kun kan wawwaate “guyyaa itti hedduun keenya dubartoota jireenya keessatti nama nuti har’a taane nu godhan itti kabajaa jiru irrattidha” jedhaniiru.

Dilbata Caamsa 9, Guyyaa Hadhoolii jedhamuun addunyaatti guyyaa kabajamu ture.

Kutaadhuma bulchiinsa sanaa kan taate magaalaa Bulder keessatti ji'a lama dura haleellaan lubbuu namoota 10 galaafate dukkaana tokko keessatti gaggeeffamee ture. Shakkamaan sun to'annoo jala oolfamee, yakka ajjeechaa namoota 10niitiin himatameera.