Gabaa Koloradootti namichi dhukaasa bane namoota 10 ajjeese

Koloradootti namichi dhukaasa bane namoota 10 ajjeese

Madda suuraa, Getty Images

Namni meeshaa waraanaa hidhate, bakka gabaa Koloraadoo keessatti gara saati lamaaf dhukaasa baneen qondaalaa poolisii dabalatee namoota 10 ajjeesuu isaa poolisiin US ibse.

Haleellaan magaalaa Boolderitti raawwate kun kan xumurame erga shakkamaan mudhi ol qullaa ture gabaa King Soopers keessatti to’annoo jala oolee boodadha.

Haalellaa kana namootni nannicha turan kallattiin YouTube irratti viidiyoon agarsiisaa turani.

Haleellaan kun kan eegale akka biyyattiiti waaree booda nannoo saatii 8:30 irratti yeroo shakkamaan kun gabaa sana seenee dhuukaasuu eegalettidha.

Poolisoonni hedduun bakka gabaa kanatti bobbaafamanii turan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoonni hedduun bakka gabaa kanatti bobbaafamanii turan

Nannaa daqiiqaa 20 booda poolisiin Boolder Tiwiitara gubbaatti “gabaa king Soopers daandii Teebil Mesaa irratti argamu keessatti namni dhukaasa baneeru jiraachu” barreeseera.

Saatii lama booda irra deebiin poolisiin namootni naannicha irraa akka fagaataniif akeekkachiiseera.

Dabalataanis “sochii poolisii irratti odeeffannoo agartan miidiyaa hawaassummaa irratti hin maxxansiinaa” jechuun Tiwiitara irratti barreeseera.

Haata’u malee, dhukaasi poolisii fi shakkamaa gidduutti taasifamaa ture kara deemaa naannicha tureen waraabame, viidiyichi namoota naannaa gabichaa turan ni mul’isa.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Namicha poolisiin qabamee wayita bahu

“Maal akka ta’aa jiru hin beeku… sagalee dhukaasaa dhaga’aan jira, namni miidhame jira,” jechuun namni viidiyoo kana warabee iyyaa ture. “ Namni dhuukasa bane jira, baqadhaa.”

Yeroo inni gabaa kanarraa figee baqatutti sagaleen dhukaasa ni dhaga’ama.

Viidiyoon kun yeroo poolisootni bakkicha ga’anii gabaa kana marsan ni mul’isa.

Tiwiitara gubbaatti bulchaan Koloraadoo Jareed poolis “ Yeroo gadda keessa jirru kanatti odeeffannoo bal’aa wa’ee gocha hamaa argachuuf yeroo eegnu kanatti kadhannaan keenya jiraattota Koloraadoo waliin jira,” jechuun barreessaniiru.

Waayit hawuus dhimmaa haleellaa kanaa irratti odeeffannoon Pireezdaant Joo Baayden kennamuu ibseera.