Uighurs: Biyyoonni lixaa sarbama mirga muslimoota Uighur'f Chaayinaa qoqqoban

Madda suuraa, Reuters
Biyyoonni lixaa kanneen akka US, UK, Kanaadaa fi Gamtaan Awurooppaa dhiittaa mirga namoomaa muslimoota Uyiguur irra ga'aa jiru mormuun Chaayinaarra qoqqobbii kaa'an.
Chaayinaan muslimoota Uyiguur kannee baay'ina uummataa biyyattii keessaa lakkoofsaan muraasa jedhaman addatti hiitee mirgasaanii sarbaa jirti jechuun komatamuu erga eegaltee bubbuleera.
Mootummaan Chaayinaa Kaaba-Lixa biyyattii bulchiinsa Zhiinjiyaang keessatti mooraa bal'aa ijaaruun hawaasa muslimaa kana keessatti hidhee akka jiruu fi achittis reebichi hamaan, humnaan olitti hojiif dirqamsiifamuu fi haleellaan saal-quunnamtii irra ga'aa jira jechuun biyyattiin komatamti.
Chaayinaan gamasheetiin Gamtaa Awurooppaa qofaaf deebii kennite, qondaaltota gamtichaa qoqqobuudhaan.
Dhiittaan mirga namoomaa raawwatamuus waakkatteetti Chaayinaan, mooraan ijaarame bakka itti akkaataa shororkeessitoota qolatan itti barataniidha jette.
Ministirri Dhimma Alaa UK Boominik Raab akkaataan qabiinsa muslimoota Uighur yoo ilaalamu, sarabamiinsa mirga namoomaa isa hammaataadhaan kan walgituudha jedhan.
Gamtaan Awurooppaa erga bara 1989 as sababa dhiittaa mirga namoomaatiin Chaayinaarra qoqqobbii keessee hin beektu.
Bara sana humni waraanaa Chaayinaa namoota dimokiraasiin dhugaa akka dhufu gaafachuuf hiriira ba'an irratti haleellaa raawwachuun ture Gamtaan Awurooppaa kan qoqqobbii Chaayinaarra kaa'e.
Qoqqoobbiin biyyoonni lixaa Chaayinaarra kaa'an kun dhorkaa balalii xiyyaaraa(imalaa) fi qabeenya(maallaqa) akka hin sochoone ugguruu yoo ta'u, kunis qondaaltota Zhiinjiyaang keessatti mirga muslimoota Uighur sarbaa turan irratti kan xiyyeeffatuudha.
Yakki muslimoota Uighur irratti raawwatamaa jiru, dhiittaa mirga namoomaa isa hammaataa kan bara kamiiyyuu caaluudha kan jedhan Ministirri Dhimma Alaa UK Doominik Raab, addunyaan dhimma kana callitee ilaaluu hin qabdu jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken gamasaaniin Chaayinaan ''yakka duguuggaa sanyii fi haleellaa dhala namaarratti'' raawwachaa jirtuun itti gaafatamuu qabdi jedhan.
Ministeerri Dhimma Alaa Kanaadaa ibsa baase keessatti ''haleellaan muslimoota Uighur irratti raawwatamaa jiru mootummaadhaan kan durfamuudha. Itti yaadamee qondaltota biyyattiin kan raawwatamaa jiruudha,'' jedhe.
Qoqqobbii kana duras biyyoonni addunyaa hedduun haleellaa muslimoota Uighur irra ga'u mormuun Chaayinaa himachaa turaniiru.
Chaayinaan muslimoota Uighur miiliyoona afur caalan fi saboota lakkoofsaan xiqqoo ta'an biroo kutaa biyyaa Zhiinjiyaang keessattimooraa bal'aa ijaaruu keessatti hiitee jirti jedhamuun himatamte.













