Muslimoota Chaayinaa: Manneen barnootaa Sinchiyaang daa'imman maatii irraa adda baasuf hojjetaa jiru

Chaayinaa keessatti kan badan: suuraalee maatiin isaanii Turk keessa nuuf kennan
Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaa keessatti kan badan: suuraalee maatiin isaanii Turk keessa jiraatan kan walitti qabanidha

Chaayinaan bakkeewwan Lixa biyyattii argamanitti daa'imman Musliimaa beekaa maatii irraa adda baasaa akka jiran qarannoon dhihoo taasifame ifoomse.

Qorannoon kuni maatii qofa osoo hin taane daa'imman kuni amantii akkasumas afaan maatii isaanii irraa akka hin dagaagfanne taasifamaa jiru.

Haaluma wal fakkaatun, ga'eessonni dhibba hedduu ta'an kaampiiwwan gurguddaa mana barumsaa bultiiti jedhaman keessatti hidhamaniiru.

Dokumantii akkasumas miseensota maatii ala jiran waliin gaaffiifi deebii taasifameen, BBC'n hanga ammaa bakka sanatti daa'imman irratti wanta raawwate gadi fageenyaan walitti qabeera.

Galmeeleen akka agarsiisanitti magaaluma tokko keessatti daa'imman 400 tahan haadhaafi abbaa isaanii dhabaniiru.

Daa'imman kuni bakka tokkotti kunuunsi taasifamaafi yoo jiraate ta'e baruf qorannoon taasifamaa jira.

Eenyummaa ga'eessota Sinshiyaang jijjiiruun alatti wanti ta'aa jiru ragaaleen akka agarsiisanitti duula eenyummaa maatii isaanii balleessuudha.

Oolmaa daa'immanii 'Hotan' jedhamu
Ibsa waa'ee suuraa, Oolmaan daa'immanii 'Hotan' jedhamu haalaan eegama

To'annoo olaanaa Chaayinaan Sinshiyaangitti taasisteen gaazexeessitoonni ragaa gahaa argachuu rakkatu. Haa ta'u malee, Turk irraa argachuun danda'ama.

Galma guddaa Istaanbul jiru keessatti namoonni waa'ee daa'imman isaanii Sinshiyaangitti badan dubbachuuf suuraa isaanii qabatani dhaabatu.

''Abbaa isaan kununsaa jiru hin beeku. Wal argaa hin jirru,'' jechuun haadha ijoollee sadii akka taate kan dubbattu tokko ni himti.

Haati biraa, suuraa ijoollee dubaraa sadiifi dhiira tokko qabatte immoo boo'aa akkana dubbatti. ''Bakka guddisa daa'immani kennamu isaanii dhagaheera.''

Gaaffii fi deebii 60 garaa garaa maatiifi fira dhihoo waliin taasifameen, daa'imman 100 ta'an Sinshiyaang keessatti achi buuteen isaanii dhabamu himu.

Kanneen amma rakkoon irra gahe hundii isaanii 'Uighurs' jedhamu. Kunneenis hawaasa Turk keessa jiraatu waliin afaaniifi amantiin tokko.

Kuma hedduu kan ta'an biznasii hojjechuuf akkasumas maatii dubbisuuf gara Turk dhufanis waggoota sadan darbe garuu namoota 'Uighurs' hedduu kaampiitti hiite jennaan wal arguun rakkoo ta'e.

Qondaaltonni Chaayinaa jarri 'Uighurs' jedhaman finxaalessummaa amantii irra aanuuf ''giddugaloota leenjiitti'' leenji'aa akka jiran himu.

Haa ta'u malee, ragaaleen akka agarsiisanitti hedduun isaanii waan amantii isaanii hordofanif ykn namoota Turk jiran waliin walitti dhufanif hidhamani.

Jara 'Uighurs'f gara Chaayinaatti deebina jedhani yaaduun kallattiimaan hidhaa akka seenuuti. Bilbilaanuu dubbisuun rakkoo ta'eera.

Qorannoon haaraa BBC'n hojjeechiise daa'imman kana irratti maaltu akka gaha jiru ifa godheera.

Dr Adiriyaan Zeenz qorataa Jarman yeroo ta'an isa Chaayinaan ga'eessota musliima kuma hedduu manneen hidhaa keessatti walitti qabde saaxiluun beekamu.

Sinshiyaangitti kaampaasiiwwan akka ijaaraman, dormiiwwan haaraa akka ijaaramaa jiran adda baasaniiru. Akkaatuma kaampiiwwan hidhaa ijaaruun, mootummaan biyyattii daa'imman hammanaaf guyyaa guutuu kununsa kennaafi jira.

Wanti kunis saba tokko irratti akka xiyyeeffate waan agarsiisuu jira.

Waggaa tokko keessatti, bara 2017, lakkoofsi daa'imman oolmaa daa'immanii Sinshiyaang keessatti galmaa'an walakkaa miiliyoona caalaan dabale.

Sababa sanaan, bakka sanatti hirmaannaan barattootaa sadarkaa tokkoffaa takkumatti ol guddate.

Kibba Sinshiyaang qofaatti, qondaaltonni biyyattii oolmaa daa'immanii ijaaruufi haaromsuuf dolaara biiliyoona 1.2 baasaniiru.