Chaayinaa fi US yaa'ii Alaaskaarratti maalirratti waldhaban?

Yaa'ii US fi Chaayinaa, Alaaskaa, Anchorage

Madda suuraa, Reuters

Yaa'ii yeroo jalqabaaf bulchiinsi Pirezidaant Joo Baayidan fi qondaaltonni olaanoon mootummaa Chaayinaa Alaskaa keessatti gaggeessan irratti biyyoonni lameenuu akkaan walqeeqan.

Qondaaltonni Chaayinaa, US biyyoonni ''akka Chaayinaa miidhan'' kakaasteetti jechuun komatan.

Ameerikaan gamasheetiin Chaayinaan addunyaarratti bakka isheef hin malle gonfachuuf tattaafatti jechuun qeeqxe.

Yeroo ammaa hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii daran kan laafe ta'uu dippiloomaatonni ni himu.

Ameerikaan yaa'ii kanarratti dhimmoota falmisiisoo ta'an hedduu ni kaasti jedhameetu eegama.

Kanneen keessaa dhimmi ijoon, haleellaan muslimoota Uhigur kan mooraa magaalaa Beejiing Zhiinzhaang jedhamu keessatti hiraarfamaa jiran akka hatattamaan dhaabbatu kan jedhuudha.

Yaa'iin walkomachuun itti heddummaatu kun Alaaskaatti gaggeeffamaa jira, Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinken fi Gorsaan Tika Biyyaalessaa Jeek Saliivaan irratti argamaniiru.

Gama Chaayinaatiin ammoo Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Waang Yi fi Gorsaan Imaammata Dhimma Alaa Yaang Jiichii argamaniiru.

Antoonii Biliinken yaa'iin kun wayita jalqabamu dubbiisaanii jalqabaatiin dhimmi muslimoota Uhiigur mooraa Zhiinzhaang keessatti hiraarfamaa jiranii, dhimmi Hoong Koong fi dhimmi Taayiwaan akkasumas waa'een haleellaan Saayibarii Chaayinaan raawwachaa jirtu waan nu yaaddessuuf dhimma kanarratti xiyyeeffanna jedhan.

Antoonii Biliinken

Madda suuraa, Reuters

Dhimma kanaaf deebii kan kennan Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi, Ameerikaan olaantummaa humna waraanaa fi maallaqaa qabdu fayyadamuun biyyoota kaan cunqursuu barbaaddi jedhan.

Ameerikaan nageenyummaan biyyaalessaa na yaaddessaa sodaa jedhuun dameewwan diinagdee keenyarraan dhiibbaa geesseetti kan jedhan qondaalli olaanaan Chaayinaa kun, biyyoonni biroonillee akka nutti hin michoomne dhiibbaa guddaa uumteetti jechuun komatan.

Yaang Jiichi (gidduu) fi Waang Yi

Madda suuraa, Reuters

Ameerikaa keessatti dhiittaan mirga dhala namaa hammaateera kan jedhan qondaalli kun, namoonni bifaan gurraacha ta'an guyyaa saafaa ajjeefamaa jiru jechuun yaada hin eegamnee fi ajaayibsiisaa ta'e kennan.